Yaaqoob 5:1-20

5  Egaa isin sooreyyiin rakkinni isinitti dhufaa waan jiruuf, booʼaa, akkasumas wayyoo wayyoo jedhaa.  Qabeenyi keessan tortoreera, uffanni keessanis biliidhaan nyaatameera.  Warqiin keessan ligidaaʼeera, ligidni isaas ragaa isinitti taʼa, foon keessanis ni nyaata. Wanti isin kuufattan guyyoota dhumaatti akka ibiddaa taʼa.  Kunoo miindaan isin hojjettoota maasii keessan isiniif haaman dhowwattan iyyaa jira; iyyi haamtonni gargaarsaaf dhageessisanis gurra Yihowaa Gooftaa raayyaa bira gaʼeera.  Isin lafa irratti jireenya qananii jiraattaniittu, fedhii mataa keessanii guuttachuufis ni carraaqxu turtan. Guyyaa qalmaatiif of* gabbistaniittu.  Isin isa qajeelaa sana yakkamaa gootanii ajjeestaniittu. Inni kan isin morme kanaafi mitii?  Kanaaf, yaa obbolootaa hanga argama Gooftaatti obsaa. Kunoo qonnaan bulaan tokko hanga bokkaan inni jalqabaa fi bokkaan inni boodaa dhufutti obsee firii lafaa isa gatii guddaa qabu ni eeggata.  Isinis akkasuma obsaa; argamni Gooftaa waan dhihaateefis garaa keessan cimsaa.  Yaa obbolootaa, akka isinitti hin murteeffamneef walitti hin gunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii sun balbala dura dhaabateera. 10  Yaa obbolootaa, raajota obsa argisiisuudhaan maqaa Yihowaatiin dubbatan fakkeenya godhadhaatii rakkina dandaʼaa. 11  Kunoo, warra jabaatanii dhaabatan gammadoo* akka taʼanitti ilaalla. Iyyoob jabaatee akka dhaabate dhageessaniittu; kanaan kan kaʼes wanta Yihowaan isaaf godhe argitaniittu; Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa dha. 12  Keessumaa immoo yaa obbolootaa, samiidhaan yookiin lafaan yookiin kakaa kan biraa kamiin iyyuu kakachuu dhiisaa. Kanaa mannaa, akka isinitti hin murteeffamneef “Eeyyeen” keessan eeyyee haa taʼu; “Lakkiin” keessanis lakkii haa taʼu. 13  Isin gidduudhaa namni rakkinni irra gaʼaa jiru jiraa? Inni kadhachuu isaa itti haa fufu. Namni gammade jiraa? Inni faarfannaa galataa haa faarfatu. 14  Isin gidduudhaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii gumii ofitti haa waammatu; isaaniis maqaa Yihowaatiin zayitii dibanii isaaf haa kadhatan. 15  Kadhannaan amantiidhaan dhihaate isa dhukkubsate* sana ni fayyisa, Yihowaanis isa ni kaasa. Cubbuu hojjeteera yoo taʼes isaaf ni dhiifama. 16  Kanaaf, fayyuu akka dandeessaniif cubbuu keessan ifatti walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa. Wawwaannaan nama qajeelaa humna qaba, namoota gargaaruus ni dandaʼa. 17  Eliyaas namuma miira akka keenyaa qabu ture; taʼus bokkaan akka hin roobne cimsee yommuu kadhate, laficha irratti waggaa sadii fi jiʼa jaʼaaf bokkaan hin roobne. 18  Achiis lammata yommuu kadhatu samiin bokkaa kenne, laftis firii godhatte. 19  Yaa obboloota ko, isin gidduudhaa namni tokko daandii dhugaa irraa yoo maqee fi namni kan biraan immoo yoo isa deebise, 20  namni nama cubbamaa tokko daandii dogoggoraa isaa irraa isa deebisu kam iyyuu duʼa irraa akka isa* oolchuu fi cubbuu hedduu akka haguugu beekaa.

Miiljaleewwan

Kal. “garaa keessan.”
Ykn. “eebbifamoo.”
Tarii ykn. “dadhabe.”
Ykn. “lubbuu isaa.”