Saamuʼel Tokkoffaa 11:1-15

  • Saaʼol Amoonota injifate (1-11)

  • Saaʼol mootii taʼuun isaa irra deebiʼamee labsame (12-15)

11  Achiis Nahaash mootiin Amoonotaa+ dhufee Yaabeesh+ ishii Giiliyaaditti argamtutti marse. Namoonni Yaabeesh hundis Nahaashiin, “Nuu wajjin kakuu gali;* nutis si tajaajilla” jedhan.  Nahaashis, “Ani isinii wajjin kakuu kanan galu, ijji mirgaa hunduma keessanii yoo isin keessaa baafame qofa dha. Kanas kanan godhu Israaʼelota hundumaa salphisuuf jedheeni” isaaniin jedhe.  Jaarsoliin Yaabeeshis deebisanii, “Gara naannoo Israaʼel hundumaatti ergamtoota ergachuu akka dandeenyuuf guyyaa torba nuuf kenni. Sana booda namni nu oolchu yoo dhabame, nuti harka keenya sitti ni kennina” isaan jedhan.  Ergamtoonni sunis gara magaalaa Gibeʼaa+ bakka Saaʼol itti jiraatu dhufanii utuma namoonni dhagaʼanii ergaa kana ni dubbatan; namoonni sun hundis sagalee isaanii ol kaasanii booʼan.  Saaʼol garuu horii isaa oofee dirreedhaa dhufaa ture; innis, “Namoonni kun maal taʼan? Maaliif booʼu?” jedhe. Isaanis wanta namoonni Yaabeesh jedhan isatti himan.  Saaʼol yommuu wanta kana dhagaʼu hafuurri Waaqayyoo humna isaaf ni kenne;+ innis aariidhaan ni gubate.  Kanaafuu, qotiyyoo cimdii fuudhee kukkutee gara naannoowwan Israaʼel hundumaatti akka geessaniif ergamtootatti kenne; “Namni Saaʼolii fi Saamuʼel duukaa hin buune loon isaa akkuma kana ni kukkutamu!” akka jedhanis ergamtoota sana ajaje. Namoonni sunis Yihowaa waan sodaataniif, tokko taʼanii* gad baʼan.  Innis Beezeqitti isaan ni lakkaaʼe; isaanis Israaʼelota 300,000 fi namoota Yihudaa 30,000 turan.  Namoonni sunis yeroo kanatti ergamtoota Yaabeeshii dhufan sanaan akkana jedhan: “Isin namoota Yaabeesh warra Giiliyaad keessa jiranitti, ‘Boru yommuu aduun hoʼitu, isin ni oolchina’ jedhaatii itti himaa.” Ergamtoonni sunis dhufanii namoota Yaabeeshitti himan; isaanis baayʼee gammadan. 10  Kanaafuu, namoonni Yaabeesh Amoorotaan, “Boru harka keenya isinitti ni kennina; isinis wanta gaarii isinitti fakkaate hundumaa nu irratti raawwachuu dandeessu” jedhan.+ 11  Guyyaa itti aanutti Saaʼol namoota sana garee sadiitti ni hire; isaanis halkan gara barii* buufata sana gidduu seenanii hanga aduun hoʼitutti Amoonota+ rukutan. Warri oolanis namni lama illee waliin taʼuu hamma hin dandeenyetti ni bibittinnaaʼan. 12  Achiis namoonni sun Saamuʼeliin, “Namoonni, ‘Saaʼoltu nu irratti mootii taʼuuf jedhaa?’ jedhan eenyu faʼi?+ Namoota sana dabarsii nutti kenni; nutis isaan ni ajjeesna” jedhan. 13  Saaʼol garuu, “Harʼa guyyaa Yihowaan Israaʼeliin itti oolche waan taʼeef, namni tokko illee guyyaa kanatti ajjeefamuu hin qabu” jedhe.+ 14  Sana booda Saamuʼel namoota sanaan, “Kottaa gara Gilgaal+ dhaqnee Saaʼol mootii taʼuu isaa irra deebinee labsina” jedhe.+ 15  Kanaafuu, namoonni sun hundi gara Gilgaal dhaqanii, achitti Yihowaa duratti Saaʼoliin mootii godhan. Achittis Yihowaa duratti aarsaawwan gamtaa ni dhiheessan;+ Saaʼolii fi namoonni Israaʼel hundis baayʼee gammadan.+

Miiljaleewwan

Ykn., “walii galtee godhi.”
Kal., “akka nama tokkootti.”
Jechuunis, halkan keessaa saʼaatii 8 kaasee hanga ganama saʼaatii 12tti.