Saamuʼel Tokkoffaa 20:1-42

  • Amanamummaa Yonaataan Daawititti argisiise (1-42)

20  Achiis Daawit Naayoot ishii Raamaatti argamtu keessaa ni baqate. Haa taʼu malee, gara Yonaataan dhufee, “Maalan godhe?+ Abbaan kee na* ajjeesuu kan barbaadu ani maal balleessinaani? Cubbuu maaliin isa irratti hojjedhe?” jedhe.  Yeroo kanatti Yonaataan, “Kun wanta hin yaadamne dha!+ Ati hin duutu. Ilaa, abbaan koo wanta guddaas taʼe wanta xinnoo, utuu ana hin beeksisin homaa hin godhu. Abbaan koo dhimma kana kan na dhoksu maaliifi ree? Kun wanta taʼu miti” isaan jedhe.  Daawit garuu irra deebiʼee kakatee, “Abbaan kee ani si biratti fudhatama akkan argadhe+ waan beekuuf, ‘Yonaataan gadduu waan dandaʼuuf dhimma kana beekuu hin qabu’ jedhee taʼuu dandaʼa. Garuu Yihowaa isa jiraataa taʼee fi lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha, anaa fi duʼa gidduu kan jiru tarkaanfii tokko qofa dha!” jedhe.+  Achiis Yonaataan Daawitiin, “Wanta ati* jette hundumaa siifan godha” jedhe.  Daawitis Yonaataaniin akkana jedhe: “Boru guyyaa baatii haaraan itti baatu dha;+ anis nyaataaf mootichaa wajjin akkan taaʼu na irraa eegama; akkan deemu na geggeessi; anis hanga iftaan galgalaatti magaalattiidhaa alatti nan dhokadha.  Abbaan kee barbaadee yoo na dhabe ati, ‘Guutummaan maatii isaa waggaa waggaadhaan achitti aarsaa waan dhiheessuuf, Daawit hatattamaan gara magaalaa Beetaliheem+ akka dhaqu akkan isaaf heyyamu na kadhateera’ isaan jedhi.+  Yoo inni, ‘Gaarii dha’ jedhee siif deebise, wanti ana tajaajilaa kee yaaddessu hin jiru jechuu dha. Yoo aare garuu, na miidhuuf akka murteesse kanaan mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.  Ati ana tajaajilaa kee wajjin Yihowaa duratti kakuu waan galteef,+ ana tajaajilaa keetti jaalala amanamaa argisiisi.+ Balleessaa yoon qabaadhe+ garuu atumti na ajjeesi. Maaliif dabarsitee abbaa keetti na kennita?”  Yeroo kanatti Yonaataan, “Matumaa wanta akkanaa hin yaadin! Abbaan koo si miidhuuf murteessuu isaa yoon beeke, ani sitti hin himuu?” isaan jedhe.+ 10  Achiis Daawit Yonaataaniin, “Abbaan kee deebii gaarii hin taane yoo siif deebise eenyutu natti hima?” jedhe. 11  Yonaataanis Daawitiin, “Kottu magaalattiidhaa ala haa baanu” jedhe. Kanaafuu, lamaan isaanii iyyuu magaalattiidhaa ala baʼan. 12  Yonaataan Daawitiin akkana jedhe: “Dhimma kana ilaalchisee yaada abbaan koo qabu boru yookiin iftaan yeroo kanatti yoon qulqulleeffachuu baadhe, Yihowaan Waaqni Israaʼel ragaa natti haa taʼu. Inni siif ilaalcha gaarii yoo qabaate, ani dhaamsa sitti ergee dhimma kana si hin beeksisuu? 13  Abbaan koo si miidhuuf kan yaade yoo taʼe garuu, ani dhimma kana si beeksisee nagaadhaan si hin ergu taanaan, Yihowaan adaba guddaa na haa adabu. Yihowaan akkuma abbaa koo wajjin ture,+ sii wajjinis haa taʼu.+ 14  Ani utuun lubbuudhaan jiruus taʼe yommuun duʼu, ati jaalala amanamaa isa kan Yihowaa natti hin argisiistuu?+ 15  Yihowaan yommuu diinota Daawit hundumaa lafa irraa haxaaʼee balleessutti illee, ati jaalala amanamaa maatii kootti argisiisuu irraa duubatti hin jedhin.”+ 16  Kanaafuu Yonaataan, “Yihowaan diinota Daawit haa gaafatu” jedhee mana Daawitii wajjin kakuu gale. 17  Yonaataan akka lubbuu isaatti waan isa jaallateef, irra deebiʼee jaalala isaatiin Daawitiif ni kakate.+ 18  Achiis Yonaataan akkana isaan jedhe: “Boru guyyaa baatii haaraan itti baatu dha;+ barcumni kee duwwaa waan taʼuuf, akka ati hin jirre ni hubatama. 19  Iftaan immoo ati akka hin jirre caalaatti ni hubatama; bakka guyyaa sana* itti dhokatte dhaqiitii dhagaa kana bira turi. 20  Anis akka nama wanta tokko waraanuu barbaadeetti, dhagicha irraa gama tokkoon xiyyawwan sadii nan darbadha. 21  Tajaajilaa sanas, ‘Dhaqi, xiyyawwan sana barbaadi’ jedhee nan erga. Tajaajilaa sanaan, ‘Kunoo, xiyyawwan sun si gamana jiru, fidii kottu’ yoon jedhe, Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, wanti hundi nagaa waan taʼeef, akkasumas wanti si miidhu waan hin jirreef deebitee dhufuu dandeessa. 22  Haa taʼu malee, ani mucichaan, ‘Kunoo, xiyyawwan sun si irraa garas jiru’ yoon jedhe, Yihowaan waan si ergeef deemi. 23  Waadaa waliif galle+ ilaalchisee bara baraaf Yihowaan nu gidduutti ragaa haa taʼu.”+ 24  Kanaafuu, Daawit magaalattiidhaa alatti dhokate. Baatii haaraan yommuu baatutti, mootichi nyaata nyaachuuf barcuma isaa irra ni taaʼe.+ 25  Mootichi girgiddaatti siqee bakkuma duraan taaʼu taaʼee ture. Yonaataan, Saaʼol fuuldura, Abneer+ immoo Saaʼol cinaa taaʼee ture; bakki Daawit garuu duwwaa ture. 26  Saaʼol, ‘Wanti taʼe tokko waan isa mudateef, Daawit qulqulluu miti. Eeyyee, inni xuraaʼee+ taʼuu qaba’ jedhee waan yaadeef, guyyaa sana homaa hin dubbanne. 27  Guyyaa baatii haaraan baatu booda turetti, jechuunis guyyaa lammaffaatti ammas bakki Daawit duwwaa ture. Achiis Saaʼol ilma isaa Yonaataaniin, “Ilmi Issey+ kaleessas, harʼas nyaataaf kan hin dhihaanne maaliifi?” jedhe. 28  Yonaataanis akkana jedhee Saaʼoliif deebise: “Daawit gara Beetaliheem akka dhaqu akkan isaaf heyyamu na kadhateera.+ 29  Inni, ‘Maatiin keenya magaalattii keessatti aarsaa waan dhiheessuuf, obboleessi koos waan na waameef, maaloo akkan dhaqu naaf heyyami. Ani si duratti fudhatama argadheera yoo taʼe, maaloo hafuura dhokfadhee dhaqeen obboloota koo ilaala’ naan jedhe. Inni gara maaddii mootichaatti kan hin dhufne kanaafi.” 30  Achiis Saaʼol Yonaataanitti baayʼee aaree akkana isaan jedhe: “Ilma dubartii didduu sanaa nana, of irrattis taʼe haadha tee* irratti qaanii fiduuf jettee, ilma Issey cinaa goruuf filachuu kee ani kan hin beekne sitti fakkaataa? 31  Ilmi Issey lubbuudhaan hamma lafa irra jirutti, atis taate mootummaan kee jabaattanii hin dhaabbattan.+ Kanaafuu, inni ajjeefamuu waan qabuuf,* nama tokko ergiitii isa naa fichisiisi.”+ 32  Yonaataan garuu abbaa isaa Saaʼoliin, “Inni maaliif ajjeefama?+ Maal godhe?” jedhe. 33  Yeroo kanatti Saaʼol isa ajjeesuuf eeboo itti darbate;+ yeroo kanatti, Yonaataan abbaan isaa Daawitiin ajjeesuuf murteessuu isaa ni beeke.+ 34  Yonaataan, yeruma sana aarii guddaadhaan maaddii irraa ni kaʼe; sababii Daawitiin waan aareef,+ akkasumas abbaan isaa waan isa salphiseef baatii haaraa booda guyyaa lammaffaatti nyaata tokko illee hin nyaanne. 35  Yonaataan ganamaan kaʼee magaalattiidhaa ala gara bakka Daawitii wajjin itti wal beellaman ni dhaqe; tajaajilaan dargaggeessi tokkos isaa wajjin ture.+ 36  Tajaajilaa isaatiinis, “Maaloo, fiigiitii xiyyawwan ani darbadhu fidii kottu” jedhe. Tajaajilaan sunis ni fiige; Yonaataanis xiyya sana isa irraa garasitti darbate. 37  Tajaajilaan sun bakka Yonaataan xiyya isaa itti darbate yommuu gaʼu, Yonaataan isa waamee, “Xiyyichi si irraa garas jira mitii?” isaan jedhe. 38  Yonaataan tajaajilaa sana waamee, “Dafi, ariifadhuu deemi, hin turin” isaan jedhe. Tajaajilaan Yonaataanis xiyyawwan sana fuudhee gara gooftaa isaatti deebiʼe. 39  Tajaajilaan sun waaʼee dhimma kanaa homaa hin beeku ture; kun maal jechuu akka taʼe kan beekan Yonaataanii fi Daawit qofa turan. 40  Achiis Yonaataan meeshaa waraanaa isaa tajaajilaa isaatti kennee, “Dhaqi, gara magaalaatti geessi” isaan jedhe. 41  Tajaajilaan sun yommuu achii deemu, Daawit karaa kibbaatiin bakka achitti dhihoo jiru tokko irraa kaʼee ni dhufe. Achiis adda isaatiin lafatti gombifamee siʼa sadii ni sagade; isaanis wal dhungatanii walitti booʼan; caalaatti kan booʼe garuu Daawit ture. 42  Yonaataanis Daawitiin, “‘Yihowaan bara baraaf anaa fi si gidduu, sanyii kee fi sanyii koo gidduu haa taʼu’+ jennee maqaa Yihowaatiin waan waliif kakanneef,+ nagaadhaan deemi” jedhe. Achiis Daawit kaʼee ni deeme; Yonaataanis gara magaalattiitti deebiʼe.

Miiljaleewwan

Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “lubbuun kee.”
Kal., “guyyaa hojii.”
Kal., “qullaa haadha tee.”
Kal., “inni ilma duʼaa waan taʼeef.”