Saamuʼel Tokkoffaa 26:1-25

  • Daawit ammas Saaʼoliin ajjeesuu dhiise (1-25)

    • Daawit isa Yihowaan dibe ni kabaje (11)

26  Yeroo booda namoonni Ziif+ gara Saaʼol isa Gibeʼaatti+ argamutti dhufanii, “Daawit tabba Hakiilaa isa Yeshiimon*+ fuullee jiru irra dhokateera mitii?” isaan jedhan.  Kanaafuu, Saaʼol kaʼee namoota Israaʼel filatamoo taʼan 3,000 wajjin lafa onaa Ziif keessa Daawitiin barbaaduuf achitti gad buʼe.+  Saaʼol tabba Hakiilaa isa Yeshiimon fuullee jiru irra karaa qarqara ni buufate. Yeroo sanatti Daawit lafa onaa keessa jiraata ture; innis Saaʼol isa barbaacha gara lafa onaa sanaatti dhufuu isaa dhagaʼe.  Kanaafuu, Daawit Saaʼol gara bakka sanaatti dhufuu isaa mirkaneeffachuuf basaastota erge.  Achiis Daawit gara bakka Saaʼol itti buufate dhaqee, bakka Saaʼolii fi Abneer+ ilmi Neer inni ajajaa raayyaa waraanaa isaa taʼe itti rafan arge; Saaʼolis loltoota isaatiin marfamee buufata sana gidduu rafaa ture.  Achiis Daawit Ahimelek Heetichaan,+ akkasumas Abishaay+ isa ilma Zeruuyaa+ fi obboleessa Yoʼaab taʼe sanaan, “Eenyutu anaa wajjin gara buufata Saaʼolitti gad buʼa?” jedhe. Abishaayis, “Ani sii wajjin gad nan buʼa” jedhee isaaf deebise.  Kanaafuu, Daawitii fi Abishaay halkaniin gara loltoota sanaa dhaqanii Saaʼol eeboon isaa mataa isaa biratti lafatti dhaabamee buufata sana gidduu utuu rafuu isa argan; Abneerii fi loltoonni sun hundis isatti marsanii rafaa turan.  Yeroo kanatti Abishaay Daawitiin, “Harʼa Waaqayyo diina kee harka keetti dabarsee kenneera.+ Maaloo, ani amma siʼuma tokkon eeboodhaan lafatti isa maxxansa; lammata irra deebiʼuunis na hin barbaachisu” jedhe.  Daawit garuu Abishaayin, “Ati isa hin miidhin; ofii, namni isa Yihowaan dibe+ irratti harka isaa kaasee, yakka irraa walaba taʼuu dandaʼu jiraa?”+ jedhe. 10  Daawitis itti fufuudhaan akkana jedhe: “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, Yihowaan isa ajjeesa+ yookiin guyyaan isaa gaʼee duʼa+ yookiin gara dirree waraanaatti gad buʼee duʼa.+ 11  Isa Yihowaan dibe irratti harka koo kaasuun anaaf Yihowaa duratti wanta hin yaadamne dha!+ Kanaafuu, amma eeboo fi miʼa bishaanii mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu.” 12  Akka kanaan Daawit eeboo fi miʼa bishaanii mataa Saaʼol bira jiru ni fudhate; achiis karaa isaanii qajeelan. Yihowaan hirriba guddaa isaanitti buusuu isaatiin hundi isaanii rafanii waan turaniif, namni isaan arge+ yookiin namni isaan beeke yookiin namni dammaqe tokko illee hin jiru ture. 13  Achiis Daawit gamatti ceʼee hamma taʼe fagaatee fiixee gaara sanaa irra dhaabbate; gidduu isaaniis fageenya guddaatu ture. 14  Daawitis loltoota sanaa fi Abneer+ ilma Neeriin waamee, “Abneer, hin owwaattuu?” isaan jedhe. Abneeris, “Ati inni mootichatti iyyitu eenyu?” jedhee isaaf deebise. 15  Daawitis Abneeriin akkana jedhe: “Ati dhiira mitii? Israaʼel keessa kan akka keetii eenyu? Maarree ati gooftaa kee mooticha kan hin eegne maaliifi? Loltoota keessaa tokko gooftaa kee mooticha ajjeesuuf dhufee ture.+ 16  Wanti ati goote kun gaarii miti. Isin gooftaa keessan isa Yihowaan dibe+ waan hin eegneef, Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha duʼatu isiniif mala. Mee naannoo kee ilaali! Eeboon mootichaa fi miini bishaanii+ warri mataa isaa bira turan eessa jiru?” 17  Achiis Saaʼol sagalee Daawit beekee, “Daawit yaa ilma koo, kun sagalee kee tii?” jedhe.+ Daawitis, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, eeyyee sagalee koo ti” jedhee deebise. 18  Itti fufuudhaanis akkana jedhe: “Gooftaan koo ana tajaajilaa isaa kan ariʼu,+ ani maalan godhe? Yakka maaliin raawwadhe?+ 19  Yaa gooftaa koo yaa mootii, maaloo, wanta ani tajaajilaan kee dubbadhu kana dhagaʼi: Ana irratti kan si kakaase Yihowaa yoo taʼe, inni kennaa midhaanii koo ana harkaa haa fudhatu.* Namootatu si kakaase yoo taʼe+ garuu, isaan harʼa, ‘Dhaqi, waaqolii kan biroo tajaajili!’ jedhanii dhaala+ Yihowaa keessaa qooda akkan hin qabaanne waan na ariʼaniif, Yihowaa duratti kan abaaraman haa taʼan. 20  Ammas dhiigni koo Yihowaa duraa fagaatee lafa irratti akka dhangalaʼu hin godhin; kunoo, mootiin Israaʼel akka nama gaarota irra gogorrii ariʼuutti, tafkii+ tokko barbaaduuf baʼeera.” 21  Saaʼolis deebisee, “Ani cubbuu hojjedheera.+ Daawit yaa ilma koo, kottu deebiʼi; ati guyyaa harʼaatti lubbuu koo akka waan gatii guddaa qabuutti waan ilaalteef,+ ani kana booda si irratti miidhaa hin geessisu. Eeyyee, ani gocha gowwummaa fi dogoggora guddaa raawwadheera” jedhe. 22  Daawitis akkana jedhee deebise: “Eeboon mootichaa kunoo ti. Dargaggoota sana keessaa tokko as dhufee haa fudhatu. 23  Tokkoon tokkoon namaatiif akka qajeelummaa+ isaattii fi akka amanamummaa isaatti kan isaaf deebisu Yihowaa dha; kunoo, harʼa Yihowaan harka kootti dabarsee si kennee ture; ani garuu isa Yihowaan dibe irratti harka koo kaasuu hin barbaanne.+ 24  Ammas, guyyaa harʼaa akkuma lubbuun kee ana duratti gatii guddaa qabaatetti, lubbuun koos Yihowaa duratti gatii guddaa haa qabaatu; inni dhiphina hundumaa irraa ana haa oolchu.”+ 25  Saaʼolis, “Daawit yaa ilma koo, Waaqayyo si haa eebbisu. Ati dhuguma iyyuu wantoota guguddaa ni raawwatta, akkasumas ni moota” jedhee Daawitiif deebise.+ Sana booda Daawit karaa isaa irra buʼee qajeele; Saaʼolis iddoo isaatti deebiʼe.+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “gammoojjii; lafa onaa.”
Kal., “fuunfatu.”