Saamuʼel Tokkoffaa 27:1-12

  • Filisxeemonni Daawitiif Siqlaagiin kennan (1-12)

27  Haa taʼu malee, Daawit garaa isaatti, “Gaaf tokko ani harka Saaʼol irratti duʼuun koo hin oolu. Kanaafuu, gara biyya Filisxeemotaatti baqachuu naa wayya;+ sana booda Saaʼol naannoo Israaʼel hundumaa keessa na barbaaduu isaa ni dhiisa;+ anis harka isaa jalaa nan oola” jedhee yaade.  Kanaafuu, Daawit namoota 600+ warra isaa wajjin jiranii wajjin kaʼee gara Akiish+ ilma Maaʼok isa mootii Gaat taʼetti qajeele.  Daawitii fi namoonni isaa tokkoon tokkoon isaanii maatii isaanii wajjin Gaat keessa Akiish bira ni jiraatan. Daawit haadhotii manaa isaa lamaan, jechuunis Ahinoʼaam+ ishii nama biyya Yezriʼel taatee fi Abigaayil+ ishii nama biyya Qarmeelos haadha manaa Naabaal turtee wajjin ture.  Saaʼol, Daawit gara Gaatitti baqachuu isaa yommuu dhagaʼu, isa barbaaduu isaa ni dhiise.+  Achiis Daawit Akiishiin, “Ani si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, achi akkan jiraadhuuf magaalota baadiyyaa keessatti iddoo tokko naaf kenni. Ani tajaajilaan kee magaalaa mootii keessa sii wajjin maaliifan jiraadha?” jedhe.  Kanaafuu, Akiish guyyaa sanatti Siqlaagiin+ isaaf ni kenne. Siqlaag hanga guyyaa harʼaatti kan mootota Yihudaa kan taate kanaafi.  Daawit naannoo baadiyyaa Filisxeemotaa keessa kan jiraate waggaa tokkoo fi jiʼa afuriif ture.+  Daawit namoota isaa wajjin Geeshurota,+ Girzootaa fi Amaaleqota+ weeraruuf achitti ol ni baʼa ture; sababiin isaas, saboonni kun naannoowwan Xelaam irraa jalqabee hanga Shuur,+ hanga biyya Gibxiitti argaman keessa jiraachaa turan.  Daawit biyyattii yommuu weeraru, dhiiras taʼe dubartii nama tokko illee lubbuudhaan hin hambisu ture;+ haa taʼu malee bushaayeewwan, loon, harroota, gaalotaa fi uffata fudhatee gara Akiishitti deebiʼa ture. 10  Achiis Akiish, “Harʼa eessatti duultan?” jedhee isa gaafata ture. Daawitis, “Kibba* biyya Yihudaatti”+ yookiin “Kibba biyya Yeraamiʼelotaatti”+ yookiin “Kibba biyya Qeenotaatti”+ jedhee isaaf deebisa ture. 11  Daawit, “Namoonni sun, ‘Daawit akkana godhe’ jedhanii waaʼee keenya akka isaanitti hin himne” jedhee yaaduudhaan, dhiiras taʼe dubartii lubbuudhaan hambisee gara Gaatitti hin fidu ture. (Yeroo naannoo baadiyyaa Filisxeemotaa keessa jiraate hundumaatti akkanuma godha ture.) 12  Kanaafuu Akiish, ‘Dhuguma iyyuu inni saba isaa Israaʼel gidduutti akka waan xiraaʼaatti waan ilaalameef, yeroo hundumaa tajaajilaa koo ni taʼa’ jedhee yaaduudhaan Daawitiin ni amane.

Miiljaleewwan

Ykn., “Negeeb.”