Saamuʼel Tokkoffaa 5:1-12

  • Taabotichi yeroo biyya Filisxeem turetti (1-12)

    • Daagon ni salphifame (1-5)

    • Filisxeemonni dhaʼichaan rukutaman (6-12)

5  Filisxeemonni Taabota Waaqa dhugaa erga boojiʼanii+ booda Ebeen Ezer irraa gara Ashdooditti fidan.  Filisxeemonni Taabota Waaqa dhugaa gara mana* Daagonitti fidanii, siidaa Daagon+ cinaa kaaʼan.  Ashdoodonni guyyaa itti aanutti ganama barii yommuu kaʼan, siidaan Daagon Taabota Yihowaa duratti fuula isaatiin lafatti gombifamee argan.+ Kanaafuu, siidaa Daagon fuudhanii iddoo isaatti deebisan.+  Guyyaa itti aanuttis ganama barii yommuu kaʼan, siidaan Daagon Taabota Yihowaa duratti fuula isaatiin lafatti gombifamee ture. Daagon mataan isaa fi harki isaa lamaan irraa citee gubanii balbalaa irratti kufee ture. Achitti kan hafe kutaa isa qurxummii fakkaatu* qofa ture.  Hanga harʼaatti luboonni Daagonii fi warri gara mana Daagonitti seenan hundi, Ashdooditti gubanii balbala Daagon irra hin ejjetan.  Harki Yihowaa Ashdoodota irratti waan ulfaateef, inni Ashdoodotaa fi naannoo ishii kormammuudhaan*+ rukutee isaan balleesse.  Namoonni Ashdood wanta raawwatame yommuu argan, “Harki isaa nuu fi waaqa keenya Daagoniin waan miidheef, Taabonni Waaqa Israaʼel nu bira akka turu hin godhinaa” jedhan.  Kanaafuu, bulchitoota Filisxeemotaa hundumaatti erganii walitti erga isaan qabanii booda, “Taabota Waaqa Israaʼel kana maal utuu goonee wayya?” jedhanii gaafatan. Isaanis, “Taabonni Waaqa Israaʼel gara Gaatitti+ haa geeffamu” jedhanii isaaniif deebisan. Kanaafuu, isaan Taabota Waaqa Israaʼel achi geessan.  Isaan Taaboticha erga achi geessanii booda, harki Yihowaa magaalattii irratti sodaa guddaa fiduudhaan isaan adabe. Inni isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti namoota magaalattii ni rukute; kormammuunis isaan irratti ni baʼe.+ 10  Kanaafuu, isaan Taabota Waaqa dhugaa gara Eqroonitti+ ergan; haa taʼu malee, akkuma Taabonni Waaqa dhugaa gara Eqroon dhufeen namoonni Eqroon, “Isaan nutis taane uummanni keenya akka duunu gochuuf Taabota Waaqa Israaʼel nutti fidaniiru!” jedhanii iyyuu jalqaban.+ 11  Yeroo kanatti isaan bulchitoota Filisxeemotaa hundumaatti erganii walitti isaan qabanii, “Taabota Waaqa Israaʼel deebisaa ergaa; nuu fi uummanni keenya akka hin duuneef Taabotichi gara iddoo isaatti haa deebiʼu” isaaniin jedhan. Sodaan duʼaa guutummaa magaalattii keessatti babalʼatee ture; harki Waaqa dhugaas achitti baayʼee ulfaatee ture;+ 12  namoonni utuu hin duʼin hafanis kormammuudhaan rukutamanii turan. Iyyi magaalattiin gargaarsaaf dhageessistus gara samiitti ol baʼe.

Miiljaleewwan

Ykn., “mana qulqullummaa.”
Kal., “Daagon.”
Ykn., “kormammuu munneetiin.”