Saamuʼel Tokkoffaa 6:1-21
-
Filisxeemonni Taaboticha gara Israaʼelitti deebisan (1-21)
6 Taabonni+ Yihowaa jiʼa torbaaf biyya Filisxeem keessa ture.
2 Filisxeemonnis lubootaa fi warra hooda dubbatan+ waamanii, “Taabota Yihowaa kana maal utuu goonee wayya? Akkamitti bakka isaatti akka deebisnu nu beeksisaa” jedhanii gaafatan.
3 Isaanis akkana jedhanii isaaniif deebisan: “Taabota kakuu Yihowaa Waaqa Israaʼel yoo deebistan, harka duwwaa deebistanii hin erginaa. Aarsaa yakkaaf dhihaatuu wajjin isaaf erguu qabdu.+ Kana yoo gootan qofa fayyitu; harki isaa isin irraa kan hin deebine maaliif akka taʼes ni hubattu.”
4 Yeroo kanatti isaan, “Aarsaa yakkaaf dhihaatu akkamii isaaf erguu qabna?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis deebisanii akkana jedhan: “Dhaʼichi isiniinis taʼe bulchitoota keessan rukute kan wal fakkaatu waan taʼeef, akka lakkoofsa bulchitoota Filisxeemotaatti+ kormammuu* warqii shanii fi hantuuta warqii shan ergaa.
5 Fakkeenya kormammuu keessanii fi fakkeenya hantuuta+ keessanii warra biyyattiitti badiisa fidan sanaa hojjechuudhaan, Waaqa Israaʼeliif ulfina kennuu qabdu. Tarii inni harka isaa isa ulfaataa isa isin irra, akkasumas waaqa keessanii fi biyya keessan irra jiru ni salphisa taʼa.+
6 Akkuma Gibxiinii fi Faraʼoon mata jabeeyyii turanitti, isinis mata jabeeyyii+ kan taatan maaliifi? Isaan yeroo inni akka malee isaan adabetti+ Israaʼelota ni gadhiisan; Israaʼelonnis ni deeman.+
7 Amma gaarii haaraa tokko, akkasumas saawwan waatilee qabanii fi takkaa illee waanjoon* irra kaaʼamee hin beekne lama qopheessaa. Achiis gaarii sana saawwan sanatti hidhaa; waatilee isaanii garuu isaan biraa gara manaatti deebisaa.
8 Taabota Yihowaa fuudhaatii gaarii sana irra kaaʼaa; fakkeenyota warqii irraa hojjetamanii fi aarsaa yakkaa gootanii isaaf ergitan sanas saanduqa tokko keessa godhaatii taaboticha bira kaaʼaa.+ Sana booda daandii isaa irra buusaa ergaa;
9 achiis hordofaa; Taabotichi daandii gara biyya isaa Beet Sheemeshitti+ geessu irra yoo ol baʼe, Waaqa Israaʼeltu balaa guddaa kana nu irratti fide jechuu dha. Taʼuu baannaan garuu, kun akkuma carraa nu irra gaʼe malee, kan nu rukute harka isaa akka hin taane kanaan ni beekna.”
10 Namoonni sunis akkuma jedhaman godhan. Saawwan waatilee qaban lama fuudhanii gaarii sana isaanitti hidhan; waatilee isaanii garuu mana keessatti itti cufan.
11 Achiis Taabota Yihowaa, akkasumas saanduqa hantuuta warqii fi fakkeenyota kormammuu isaanii qabate sana gaarii sana irra kaaʼan.
12 Saawwan sunis kallattiidhaan daandii gara Beet Sheemeshitti geessu irra buʼanii deeman.+ Isaan daandii guddaa tokko qabatanii marʼachaa deeman; gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin gorre. Yeroo kana hundumaatti bulchitoonni Filisxeemotaa hanga daangaa Beet Sheemeshitti isaan duubaan deemu turan.
13 Namoonni Beet Sheemesh dirree sulula* keessa jiru tokko irraa qamadii haamu turan. Isaan yommuu ol jedhanii Taabota sana ilaalan, wanta arganitti baayʼee gammadan.
14 Gaariin sunis gara maasii Iyyaasuu isa nama Beet Sheemesh taʼe sanaa dhufee, dhagaa guddaa achitti argamu tokko bira dhaabbate. Isaanis muka gaarii sanaa falaxanii, saawwan+ sana aarsaa gubamu godhanii Yihowaadhaaf dhiheessan.
15 Leewwonnis+ Taabota kakuu Yihowaa fi saanduqa isaa wajjin jiru, isa fakkeenyota warqii qabate sana gaarii sana irraa buusanii dhagaa guddaa sana irra kaaʼan. Namoonni Beet Sheemesh+ guyyaa sanatti aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kan biroo Yihowaadhaaf ni dhiheessan.
16 Bulchitoonni Filisxeemotaa shanan yommuu kana argan, guyyuma sana gara Eqroonitti deebiʼan.
17 Kormammuun warqii Filisxeemonni aarsaa yakkaa godhanii Yihowaadhaaf ergan kanneen kana turan:+ Ashdoodiif+ tokko, Gaazaadhaaf tokko, Ashqalooniif tokko, Gaatiif+ tokko, Eqrooniif+ tokko.
18 Lakkoofsi hantuuta warqii sanaa, lakkoofsa magaalota Filisxeemotaa warra bulchitoota shanan jala jiran jechuunis, magaalota dallaa dhagaa qabanii fi gandeen dallaa hin qabnee wajjin qixxee ture.
Dhagaa guddaan maasii Iyyaasuu isa nama Beet Sheemesh taʼe keessa jiruu fi Taabota Yihowaa irra kaaʼan sun hanga harʼaatti ragaa taʼee ni tajaajila.
19 Haa taʼu malee, namoonni Beet Sheemesh Taabota Yihowaa waan ilaalaniif Waaqayyo isaan rukute. Inni isaan gidduudhaa namoota 50,070* rukute; Yihowaan namoota hedduu waan isaan jalaa fixeef namoonni sun booʼuu jalqaban.+
20 Kanaafuu namoonni Beet Sheemesh, “Yihowaa isa Waaqa qulqulluu+ taʼe kana dura eenyutu dhaabbachuu dandaʼa? Nu dhiisee gara warra kaaniitti utuu deemee maal taʼa?” jedhanii gaafatan.+
21 Kanaafuu, isaan gara jiraattota Qiriyaat Yeʼariimitti+ ergamtoota erganii, “Filisxeemonni Taabota Yihowaa deebisaniiru. Gad buʼaatii fudhadhaa deebiʼaa” isaaniin jedhan.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “kormammuu munnee.”
^ Jechuunis, harqoonni, qambarri.
^ Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
^ Kal., “namoota 70, namoota 50,000.”