Mootota Tokkoffaa 11:1-43

  • Haadhotiin manaa Solomoon garaa isaa jalʼisan (1-13)

  • Mormitoota Solomoon (14-25)

  • Yeroboʼaam gosoonni kudhan akka isaaf kennaman waadaan ni galameef (26-40)

  • Solomoon ni duʼe; Rooboʼaam mootii taʼe (41-43)

11  Haa taʼu malee, Solomoon Mootichi intala Faraʼoon+ malees, dubartoota biyya ormaa+ hedduu, jechuunis dubartoota biyya Moʼaab,+ biyya Amoon,+ biyya Edoom, biyya Siidoonii+ fi biyya Heet+ ni jaallate.  Isaan saboota Yihowaan, “Isaan waaqolii isaanii akka hordoftan garaa keessan waan jalʼisaniif, isin isaanii wajjin walitti hin makaminaa;* isaanis isinii wajjin walitti hin makamin”+ jedhee waaʼee isaanii Israaʼelotatti dubbate keessaa kan dhufan turan. Solomoon garuu isaanitti ni maxxane; isaan ni jaallates.  Inni haadhotii manaa giiftota taʼan 700 fi saajjatoota* 300 qaba ture; haadhotiin manaa isaas suutuma suuta garaa isaa Waaqayyo irraa ni jalʼisan.*  Solomoon bara dulluma+ isaatti haadhotiin manaa isaa waaqolii kan biroo duukaa akka buʼu garaa isaa ni jalʼisan;+ garaan isaas akka garaa abbaa isaa Daawit Waaqa isaa Yihowaa duratti guutuu* hin turre.  Solomoonis waaqayyittii Siidoonotaa kan taate Ashtooretii+ fi waaqa balfamaa Amoonotaa kan taʼe Milkoom+ duukaa ni buʼe.  Solomoon wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; akka abbaan isaa Daawit godhettis guutummaatti Yihowaa duukaa hin buune.+  Solomoon waaqa balfamaa Moʼaab kan taʼe Kemooshii fi waaqa balfamaa Amoonotaa+ kan taʼe Moleekiif+ gaara Yerusaalem fuuldura jiru irratti iddoo ol kaʼaa+ kan ijaare yeroo kanatti ture.  Solomoon haadhotii manaa isaa warra biyya ormaa, warra waaqolii isaaniitiif aarsaa aarfamuu fi aarsaa kan biraa dhiheessan hundumaatiif akkanuma godhe.  Solomoon garaan isaa Yihowaa Waaqa Israaʼel isa siʼa lama isatti mulʼate+ irraa waan jalʼateef,+ Yihowaan isatti ni dheekkame; 10  kana malees, inni waaqolii kan biroo duukaa akka hin buune isatti himuudhaan waaʼee dhimma kanaa isa akeekkachiisee ture.+ Inni garuu wanta Yihowaan ajaje hojii irra hin oolchine. 11  Yihowaanis Solomooniin akkana jedhe: “Ati kana waan gooteef, akkasumas akka ani si ajajetti kakuu koo fi dambiiwwan koo waan hin eegneef, ani mootummicha si irraa tarsaasee tajaajiltoota kee keessaa isa tokkoof nan kenna.+ 12  Haa taʼu malee, ani abbaa kee Daawitiif jedhee bara jireenyaa keetti kana hin godhu. Harka ilma keetii irraa mootummicha nan tarsaasa;+ 13  taʼus ani guutummaa mootummichaa isa irraa hin tarsaasu.+ Tajaajilaa koo Daawitii fi Yerusaalem ishii ani filadheef+ jedhee gosa tokko ilma keetiif nan kenna.”+ 14  Achiis Yihowaan maatii mootii Edoom+ kan taʼe Hadaad Edoomticha mormituu godhee Solomoon irratti ni kaase.+ 15  Yommuu Daawit Edoomiin moʼetti,+ Yoʼaab ajajaan raayyaa waraanaa warra ajjeefaman awwaaluuf ol baʼee, akkasumas dhiirota Edoom keessa jiran hunda ajjeesuuf yaalii godhee ture. 16  (Sababiin isaas Yoʼaabii fi guutummaan Israaʼel hamma inni dhiirota Edoom keessa jiran hundumaa ajjeesee fixutti jiʼa jaʼaaf achi turan.) 17  Taʼus, Hadaad tajaajiltoota abbaa isaa warra Edoomota taʼan tokko tokkoo wajjin ni baqate; isaanis gara Gibxii ni dhaqan; yeroo sanatti Hadaad mucaa xinnoo ture. 18  Kanaafuu, isaan Miidiyaan irraa kaʼanii gara Phaaraan dhaqan. Isaanis Phaaraan+ irraa namoota fudhatanii gara Gibxiitti, jechuunis gara Faraʼoon mootii Gibxiitti dhufan; innis Hadaadiif mana ni kenne; soorannis akka isaaf kennamu ni godhe; akkasumas lafa isaaf ni kenne. 19  Hadaad Faraʼoon duratti fudhatama waan argateef, Faraʼoon obboleettii haadha manaa isaa, jechuunis obboleettii Taafeenes mootittii* isatti ni heerumsiise. 20  Yeroo booda obboleettiin Taafeenes ilma Genubaat jedhamu isaaf ni deesse; Taafeenes mana Faraʼoon keessatti isa ni guddiste;* Genubaatis ilmaan Faraʼoonii wajjin mana Faraʼoon keessa jiraate. 21  Hadaad utuu Gibxii keessa jiruu Daawit abbootii isaa wajjin akka boqotee+ fi ajajaa raayyaa waraanaa kan taʼe Yoʼaabis akka duʼe ni dhagaʼe.+ Kanaafuu, Hadaad Faraʼooniin, “Gara biyya koo akkan dhaquuf na geggeessi” jedhe. 22  Faraʼoon garuu, “Gara biyya kee dhaquu kan barbaadde, ana biraa maaltu sitti hirʼatee ti?” isaan jedhe. Yeroo kanatti inni, “Homtuu natti hin hirʼanne; maaloo, na geggeessi” isaan jedhe. 23  Akkasumas, Waaqayyo Rezoon ilma Eliyaadaa isa gooftaa isaa Hadaadʼezeer+ mootii Zoobaa jalaa baqate sana mormituu godhee Solomoon irratti kaase.+ 24  Inni, yommuu Daawit isaan moʼetti* namoota walitti qabee ajajaa tuuta weerartoota tokkoo taʼee ture.+ Kanaafuu, isaan gara Damaasqoo+ dhaqanii achi buufatan; Damaasqoo keessa taaʼaniis bulchuu jalqaban. 25  Rezoon, miidhaa Hadaad geessisetti dabalee, bara Solomoon hundumaatti Israaʼeliin ni morme; yeroo Sooriyaa irratti bulchaa turettis Israaʼeliin akka malee ni jibba ture. 26  Tajaajilaa Solomoon+ kan taʼe Efreemichi Yeroboʼaam+ jedhamuu fi ilma Neebaat taʼe tokkos jira ture; inni Zeredaadhaa kan dhufe yeroo taʼu, haati isaa Zeruuyaa kan jedhamtuu fi abbaan manaa kan irraa duʼe turte. Innis mooticha irratti fincila* kaasuu jalqabe.+ 27  Sababiin inni mooticha irratti fincila itti kaase kana ture: Solomoon Koobicha*+ ijaaree fi bakka banamaa dallaa Magaalaa abbaa isaa Daawit+ duuchee ture. 28  Yeroboʼaam kun nama dandeettii guddaa qabu ture. Solomoonis dargaggeessi kun nama jabaatee hojjetu taʼuu isaa yommuu argu, tajaajila dirqamaa mana Yoseef keessatti hojjetamu hunda irratti ilaaltuu ol aanaa isa godhe.+ 29  Yeroo sanatti Yeroboʼaam Yerusaalemii baʼee utuu deemuu, Ahiyaan+ Shiiloonichi inni raajii taʼe karaa irratti isa argate. Ahiyaan uffata haaraa uffatee ture; dirree sana irras lamaan isaanii qofatu jira ture. 30  Ahiyaanis uffata haaraa uffate sana qabee bakka 12tti tarsaase. 31  Achiis Yeroboʼaamiin akkana jedhe: “Erbee kurnan kana ofii keetiif fudhadhu; sababiin isaas, Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Kunoo, ani mootummicha harka Solomoon irraa tarsaasee, gosoota kudhan siif nan kenna.+ 32  Haa taʼu malee, tajaajilaa koo Daawitii+ fi Yerusaalem magaalaa ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadheef+ jecha, gosti tokko kan isaa taʼee itti fufa.+ 33  Ani kana kanan godhu, isaan na dhiisanii+ waaqayyittii Siidoonotaa kan taate Ashtooretiif, waaqa Moʼaabotaa kan taʼe Kemooshii fi waaqa Amoonotaa kan taʼe Milkoomiif waan sagadaniif, akkuma abbaan isaa Daawit godhettis wanta na duratti sirrii taʼe hojjechuudhaan, akkasumas dambiiwwan koo fi murtiiwwan koo eeguudhaan daandiiwwan koo irra waan hin deemneefi. 34  Haa taʼu malee, tajaajilaan koo Daawit inni ani filadhe+ ajajawwan koo fi dambiiwwan kootiif waan ajajameef, ani isaaf jedhee mootummicha guutummaatti harka isaa irraa hin fudhadhu; inni bara jireenyaa isaa hundumaatti ajajaa taʼee akka itti fufu nan godha. 35  Haa taʼu malee, mootummicha, jechuunis gosoota kurnan sana harka ilma isaa irraa fuudhee siif nan kenna.+ 36  Daawit tajaajilaan koo Yerusaalem magaalaa maqaan koo akka ittiin waamamuuf ani ofii kootiif filadhe keessaa na duratti yeroo hunda ibsaa* akka qabaatuuf,+ ilma isaatiif gosa tokko nan kenna. 37  Ani sin filadha; atis wanta barbaadde* hunda irratti ni bulchita; Israaʼel irrattis mootii ni taata. 38  Akkuma tajaajilaan koo Daawit godhe,+ wantan si ajaje hunda yoo hojii irra oolchite, akkasumas dambiiwwan koo fi murtiiwwan kootiif ajajamuudhaan, daandiiwwan koo irra yoo deemtee fi wanta na duratti sirrii taʼe yoo raawwatte ani sii wajjinis nan taʼa. Akkuman Daawitiif ijaare mana bara baraa siif nan ijaara;+ Israaʼeliinis siif nan kenna. 39  Sababii kanaatiin sanyii Daawit nan salphisa;+ garuu akkana kanan godhu yeroo hundumaatiif miti.’”+ 40  Kanaafuu, Solomoon Yeroboʼaamiin ajjeesuuf yaalii godhe; Yeroboʼaam garuu gara Gibxiitti, jechuunis gara Shishaaq+ mootii Gibxiitti+ baqatee hanga Solomoon duʼutti Gibxii keessa jiraate. 41  Seenaan Solomoon inni hafe, wanti inni godhe hundii fi ogummaan isaa kitaaba seenaa waaʼee Solomoon dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ 42  Barri* Solomoon Yerusaalem keessa taaʼee guutummaa Israaʼel irratti itti bulche waggaa 40 ture. 43  Achiis Solomoon abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa abbaa isaa Daawit keessattis ni awwaalame; ilmi isaa Rooboʼaamis+ bakka isaa mootii ni taʼe.

Miiljaleewwan

Ykn., “isaanii wajjin gaaʼelaan walitti hin firoominaa.”
Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.
Ykn., “haadhotiin manaa isaa dhiibbaa guddaa isa irra geessisan.”
Ykn., “Yihowaadhaaf guutummaatti kan bule.”
Mootuu bulchituu hin taane.
Ykn tarii, “harma guuste.”
Kal., “ajjeesetti.”
Kal., “harka isaa.”
Ykn., “Miiloo.” Jecha Afaan Ibrootaa hiika “itti guutuu” jedhu qabu.
Jechuunis, sanyii.
Ykn., “wanta lubbuun kee barbaadde.”
Kal., “Guyyoonni.”