Mootota Tokkoffaa 13:1-34

  • Raajii iddoo aarsaa Beetelitti argamu irratti dubbatame (1-10)

    • Iddoon aarsaa ni baqaqe (5)

  • Namni Waaqaa tokko ajajamuu dide (11-34)

13  Yeroboʼaam aarsaa aarfamu dhiheessuuf iddoo aarsaa+ bira dhaabbatee utuu jiruu, namni Waaqayyoo+ tokko ajaja Yihowaatiin Yihudaadhaa gara Beetel ni dhufe.  Achiis ajaja Yihowaatiin iddoo aarsaa sana mormee akkana jedhee iyye: “Yaa iddoo aarsaa nana! Yaa iddoo aarsaa nana! Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ilmi Yosiyaas+ jedhamu tokko mana Daawitiif ni dhalata! Inni luboota iddoowwan ol kaʼoo warra si irratti aarsaa aarfamu dhiheessan si irratti aarsaa godhee ni dhiheessa; lafee namootaas si irratti ni guba.’”+  Inni guyyaa sanatti, “Mallattoon* Yihowaan kenne isa kana: Kunoo, iddoon aarsaa ni baqaqa; daaraan* achi irra jirus ni dhangalaʼa” jechuudhaan mallattoo* tokko ni kenne.  Mootichis namni Waaqa dhugaa iddoo aarsaa Beetelitti argamu mormee iyyuu isaa akkuma dhagaʼeen, Yeroboʼaam harka isaa iddoo aarsaa irraa kaasee diriirsuudhaan, “Isa qabaa!” jedhe.+ Harki isaa inni gara raajichaatti diriirse sunis yeruma sana gogee hafe;* dachaafachuus hin dandeenye.+  Achiis, akkuma mallattoo namni Waaqa dhugaa ajaja Yihowaatiin kenne sanaatti iddoon aarsaa sun ni baqaqe; daaraan sunis iddoo aarsaa irraa ni dhangalaʼe.  Mootichis nama Waaqa dhugaa sanaan, “Maaloo, Waaqni kee Yihowaan gara laafina akka natti argisiisuu fi harki koos iddoo isaatti akka naaf deebiʼu isa naaf kadhadhu” jedhe.+ Yeroo kanatti namni Waaqa dhugaa sun Yihowaan mootichatti gara laafina akka argisiisu isaaf ni kadhate; harki mootichaas akkuma duraan turetti isaaf ni deebiʼe.  Achiis mootichi nama Waaqa dhugaa sanaan, “Anaa wajjin gara manaa kottuutii nyaata xinnoo nyaadhu; kennaas siif nan kenna” jedhe.  Namni Waaqa dhugaa sun garuu mootichaan akkana jedhe: “Ati walakkaa mana keetii utuu naaf kennite illee, ani sii wajjin hin dhufu; iddoo kanattis nyaata hin nyaadhu yookiin bishaan hin dhugu.  Sababiin isaas dubbiin Yihowaa, ‘Nyaata hin nyaatin yookiin bishaan hin dhugin; karaa dhufte irras hin deebiʼin’ jedhee na ajajeera.” 10  Kanaafuu, inni karaa kan biraatiin baʼee deeme; karaa gara Beetel ittiin dhufeenis hin deebine. 11  Yeroo sanatti raajiin maanguddoon Beetel keessa jiraatu tokko jira ture; ilmaan isaas gara manaa dhufanii wanta namni Waaqa dhugaa guyyaa sanatti Beetel keessatti raawwate hundumaa fi wanta inni mootichatti dubbate isatti ni himan. Wanta kana abbaa isaaniitti erga himanii boodas, 12  abbaan isaanii, “Karaa kam deeme?” jedhee isaan gaafate. Kanaafuu, ilmaan isaa karaa namni Waaqa dhugaa inni biyya Yihudaatii dhufe sun irra buʼee deeme isatti argisiisan. 13  Innis ilmaan isaatiin, “Harree naa feʼaa!” jedhe. Isaanis harree isaaf ni feʼan; innis harree sana irra ni taaʼe. 14  Achiis namicha Waaqa dhugaa sana duukaa ni buʼe; utuu inni muka guddaa tokko jala taaʼee jiruus isa argate. Achiis, “Namni Waaqa dhugaa inni Yihudaadhaa dhufe siʼii?” isaan jedhe.+ Innis, “Eeyyee, ana dha” jedhee isaaf deebise. 15  Maanguddichis, “Anaa wajjin gara manaa kottuutii nyaata nyaadhu” isaan jedhe. 16  Inni garuu akkana isaan jedhe: “Ani sii wajjin deebiʼuu yookiin affeerraa kee fudhachuu hin dandaʼu; iddoo kanatti sii wajjin nyaata hin nyaadhu; bishaanis hin dhugu. 17  Sababiin isaas dubbiin Yihowaa, ‘Achitti nyaata hin nyaatin yookiin bishaan hin dhugin. Karaa dhufte irras hin deebiʼin’ jedhee na ajajeera.” 18  Yeroo kanatti maanguddichi, “Anis akkuma kee raajii dha; maleekaan tokko ajaja Yihowaatiin, ‘Inni nyaata akka nyaatuu fi bishaan akka dhuguuf sii wajjin gara mana keetti akka deebiʼu godhi’ naan jedheera” isaan jedhe. (Inni isa ni gowwoomse.) 19  Kanaafuu, inni mana isaatti nyaata nyaachuu fi bishaan dhuguuf isaa wajjin ni deebiʼe. 20  Utuma isaan maaddiitti dhihaatanii jiraniis, dubbiin Yihowaa gara raajicha deebisee isa fide sanaatti ni dhufe; 21  innis sagalee isaa ol kaasee nama Waaqa dhugaa isa Yihudaadhaa dhufe sanaan akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ati qajeelfama Yihowaa irratti fincila kaasteetta; ajaja Waaqni kee Yihowaan siif kennes hin eegne; 22  kanaa mannaa, buddeena nyaachuu fi bishaan dhuguuf gara iddoo, “Nyaata itti hin nyaatin yookiin bishaan itti hin dhugin” jedhamtetti waan deebiteef, reeffi kee bakka awwaala abbootii keetti hin awwaalamu.’”+ 23  Namichi Waaqa dhugaa sun erga nyaatee dhugee booda, raajichi maanguddoon sun raajicha isa deebisee fide sanaaf harree ni feʼe. 24  Achiis karaa isaa irra buʼee qajeele; inni karaa irra utuu deemaa jiruus leenci tokko isatti dhufee isa ajjeese.+ Reeffi isaa karaa irratti kufee, harreen sunis isa bira dhaabbatee ture; leencichis reefficha bira dhaabbatee ture. 25  Namoonni achiin darbanis reeffichi karaa irratti kufee fi leencichi immoo reefficha bira dhaabbatee argan. Isaanis dhufanii, waaʼee kanaa magaalaa raajichi itti jiraatu keessatti odeessan. 26  Raajichi inni karaa irraa deebisee isa fide sun waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu yeruma sana, “Inni nama Waaqa dhugaa isa qajeelfama Yihowaa irratti fincila kaase sana dha;+ akkuma Yihowaan isatti dubbatee turettis Yihowaan leenci akka isa cicciruu fi akka isa ajjeesuuf leencatti dabarsee isa kenneera” jedhe.+ 27  Achiis ilmaan isaatiin, “Harree naa feʼaa” jedhe. Isaanis harree isaaf ni feʼan. 28  Innis karaa isaa irra buʼee yommuu deemu, reeffichi karaa irratti kufee, harreen sunii fi leencichi reefficha bira dhaabbatanii arge. Leencichi reefficha hin nyaanne; harree sanas hin ciccirre. 29  Raajichis reeffa nama Waaqa dhugaa sanaa fuudhee harree isaa irra erga kaaʼee booda, isaaf booʼuu fi isa awwaaluuf gara magaalaa ofii isaatti isa deebise. 30  Kanaafuu, inni reefficha awwaala ofii isaa keessatti ni awwaale; isaanis, “Wayyoo, yaa obboleessa koo!” jedhanii isaaf ni booʼan. 31  Innis erga isa awwaalee booda ilmaan isaatiin akkana jedhe: “Yommuun duʼu, bakka namni Waaqa dhugaa kun itti awwaalametti na awwaalaa. Lafee koos lafee isaatti aansaatii kaaʼaa.+ 32  Dubbiin inni ajaja Yihowaatiin iddoo aarsaa Beetel keessa jiruu fi manneen waaqeffannaa iddoowwan ol kaʼoo+ magaalota Samaariyaa keessa jiran hunda mormuudhaan dubbate shakkii tokko malee ni raawwatama.”+ 33  Kun erga taʼee booda illee, Yeroboʼaam daandii isaa isa hamaa irraa hin deebine; kanaa mannaa, uummaticha keessaa iddoowwan ol kaʼoodhaaf luboota muuduu isaa itti fufe.+ Akkasumas, “Inni luboota iddoowwan ol kaʼoo keessaa tokko haa taʼu” jechuudhaan, nama luba taʼuu barbaadu kam iyyuu luba godhee ni muuda* ture.+ 34  Cubbuun maatiin Yeroboʼaam+ raawwate kun isaan akka badanii fi lafa irraa haxaaʼamanii akka balleeffaman godhe.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Mallattoon dinqii.”
Ykn., “daaraan coome,” jechuunis, daaraa cooma aarsaatiin jiidhe.
Ykn., “mallattoo dinqii.”
Ykn., “waan lamshaaʼeef.”
Kal., “harka isaa ni guuta.”