Mootota Tokkoffaa 7:1-51

  • Mana mootummaa Solomoon (1-12)

  • Hiiraam inni dandeettii guddaa qabu Solomooniin gargaare (13-47)

    • Utubaawwan sibiila diimaa lamaan (15-22)

    • Galaana sibiila baqfame irraa tolfame (23-26)

    • Gaariiwwanii fi miʼawwan bishaanii sibiila diimaa kurnan (27-39)

  • Miʼawwan warqii irraa tolfaman (48-51)

7  Solomoon mana* ofii isaa+ guutummaatti ijaaree xumuruuf waggaa 13 isatti fudhate.+  Inni Mana Bosona Libaanon+ jedhamuu fi dheerinni isaa dhundhuma* 100, dalgi isaa dhundhuma 50, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 30 taʼe utubaawwan gaattiraa tarree afuriin dhaabamaniin ni ijaare; baattuuwwan muka gaattiraas+ utubaawwan sana irra kaaʼamanii turan.  Manichi saanqaawwan gaattiraa baattuuwwan utubaawwan sana irra taaʼan irra naqamaniin kan uwwifame ture; lakkoofsi isaanii* 45 yeroo taʼu, tarree tokko irra 15tu jira ture.  Foddaawwan fireemii qaban tarree sadiin jiru turan; foddaawwan sunis tokkoon tokkoon isaanii fuullee waliitiin tarree sadi sadiin ol tarreeffamanii jiru turan.  Akkuma foddaawwan fuullee waliitiin tarree sadi sadiin ol tarreeffaman sun fireemiiwwan rogarfee taʼan qaban, balbaloonnii fi maqaaniiwwan hundis fireemiiwwan rogarfee taʼan qabu turan.  Inni Galma* Utubaawwanii dheerinni isaa dhundhuma 50 fi dalgi isaa dhundhuma 30 taʼe ni ijaare; fuuldura isaatiin barandaan utubaawwanii fi baaxii qabu tokkos jira ture.  Kana malees, inni Galma* Teessoo+ bakka itti murtii kennu, jechuunis Galma Murtii+ ni ijaare; isaanis lafa isaatii jalqabee hamma baattuuwwan baaxii isaatti saanqaa gaattiraatiin galmicha ni uwwisan.  Manni* inni keessa jiraatu Galmicha* duubaan mooraa kan biraa+ keessa kan jiru yeroo taʼu, akki itti hojjetamanis wal fakkaata ture. Kana malees, inni mana Galma kanaa wajjin wal fakkaatu tokko intala Faraʼoon ishii Solomoon fuudheef ni ijaare.+  Kanneen kun hundi buʼuura isaaniitii jalqabee hamma demdemoo isaaniitti, alaan immoo hamma mooraa isa guddaatti,+ dhagoota gatii guddaa qaban+ warra keessaa fi alaan safaramanii, bocamanii fi magaazii dhagaatiin muramaniin kan ijaaraman turan. 10  Buʼuurri isaa dhagoota gatii guddaa qabanii fi baayʼee guguddaa taʼaniin kan kaaʼame ture; dhagoonni tokko tokko dhundhuma kudhan, dhagoonni tokko tokko immoo dhundhuma saddeet turan. 11  Isaan irras dhagoonni safaramanii bocamanii fi mukti gaattiraa jira ture. 12  Akkuma mooraa isa keessaa+ mana Yihowaa fi akkuma barandaa manichaatti,+ mooraan inni guddaanis dhagoota bocamanii tarree sadiin wal irra kaaʼamanii fi saanqaa gaattiraa tarree tokkoon kaaʼameen kan ijaarame ture. 13  Solomoon Mootichi Hiiraamitti+ nama ergee Xiirosii isa fichisiise. 14  Inni ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi gosa Niftaalem taate takkaa ture; abbaan isaa nama biyya Xiiros isa sibiila diimaa hojjetu ture;+ Hiiraam akaakuu hojii sibiila diimaa* hundumaatiin nama dandeettii, hubannaa+ fi muuxannoo guddaa qabu ture. Kanaafuu, gara Solomoon Mootichaa dhufee hojii inni isaaf kenne hunda ni hojjete. 15  Innis sibiila diimaa baqsee utubaawwan lamaan+ ni hojjete; utubaawwan kun tokkoon tokkoon isaanii ol dheerinni isaanii dhundhuma 18 yeroo taʼu, utubaawwan lamaan kun tokkoon tokkoon isaanii naannoon isaanii wadaroo safaraatiin dhundhuma 12 taʼu turan.+ 16  Kana malees, mataa utubaawwan kanaa irra kaaʼuuf, sibiila diimaa baqsee gubbeewwan lama ni hojjete. Gubbeen inni tokko dhundhuma shan ol dheerata; gubbeen inni kan biraanis dhundhuma shan ol dheerata ture. 17  Gubbeewwan sanas saaphana isa funcaa xixinnoo akka wadarootti dhaʼame irraa hojjetameen miidhagsanii turan;+ gubbeen inni tokko saaphana torba, gubbeen inni kan biraanis saaphana torba qaba ture. 18  Innis gubbeewwan mataa utubaawwan sana irra jiran uwwisuuf, romaanota tarree lamaan saaphana isa tokkotti marsan ni hojjete; utubaawwan lamaaniifuu wanta wal fakkaatu ni hojjete. 19  Gubbeewwan mataa utubaawwan barandaa bira jiran sana irra jiran irratti fakkiin abaaboo ol dheerinni isaa dhundhuma afur taʼe bocamee ture. 20  Gubbeewwan sun utubaawwan lamaan sana irra, bakka saaphanichatti aansee jiruu olitti argamu turan; romaanonni 200 tarree kaaʼamanis guutummaa gubbeewwan lamaaniitti naannaʼanii jiru turan.+ 21  Inni utubaawwan barandaa mana qulqullummaa* sanaa ni dhaabe.+ Utubaa gara mirgaa* jiru dhaabee Yaakiin* jedhee moggaase; achiis utubaa gara bitaa* jiru dhaabee Boʼaaz* jedhee moggaase.+ 22  Mataan utubaawwan sanaa boca abaaboo qaba ture. Akka kanaan hojiin utubaawwan sanaa ni xumurame. 23  Achiis sibiila baqfameen Galaanicha* ni hojjete.+ Bocni isaa geengoo ture; afaan isaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniitti dhundhuma 10 yeroo taʼu, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 5 ture; naannoon isaa wadaroo safaraatiin dhundhuma 30 ture.+ 24  Afaan Galaanichaa jala dhundhuma tokko tokko keessatti faayaan buqqee+ kudhan kudhan itti naanneffamee jira ture; buqqeen sunis tarree lamaan Galaanichaa wajjin tokko taʼee kan hojjetame ture. 25  Galaanichi qotiyyoo 12+ irra kan taaʼe yeroo taʼu, qotiyyoon 3 gara kaabaatti, 3 gara dhihaatti, 3 gara kibbaatti, 3 immoo gara bahaatti garagalanii turan; Galaanichis isaan irra taaʼee ture; duubni hunda isaaniis gara walakkaatti kan seene ture. 26  Furdinni isaa hamma balʼina barruu harkaa* ture; afaan isaa afaan shinii fi abaaboo daraare fakkaata ture. Innis safartuu baatii* 2,000 baata ture. 27  Achiis sibiila diimaa irraa gaariiwwan*+ kudhan ni hojjete. Tokkoon tokkoon gaarii kanaa dheerinni isaa dhundhuma afur, dalgi isaa dhundhuma afur, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma sadii ture. 28  Akkaataan gaariiwwan itti hojjetaman akka kanaa gadii ti: Gaariiwwan kun cinaacha battee kan qaban yeroo taʼu, cinaachi isaanii kunis dagaleewwan gidduu oola ture. 29  Cinaacha battee isa dagaleewwan gidduu oolu sana irratti fakkiin leencotaa,+ fakkiin qotiyyoowwanii fi fakkiin kiruubelotaa+ jira ture; fakkiiwwan kun dagaleewwan sana irrattis ni argamu turan. Fakkii leencotaa fi fakkii qotiyyoowwanii sanaa olittii fi gadittis fakkiiwwan abaaboo walitti foʼamanii rarraafaman jiru turan. 30  Gaariiwwan kun geengoo sibiila diimaa afurii fi loloosoo geengoo sibiila diimaa qabu turan; utubaawwan roga arfaniin jiranis isaan deggeruuf tajaajilu turan. Miʼa bishaanichaa jalatti utubaawwan kan argaman yeroo taʼu, tokkoon tokkoon isaanii irrattis fakkiiwwan abaaboo walitti foʼaman fakkaatan bocamanii turan. 31  Afaan miʼa bishaanii sun mataa gaarii sanaa keessa kan jiru yeroo taʼu, jala isaatii kaasee hamma afaan isaatti dhundhuma tokko ol dheerata ture; afaan gaarii sanaa geengoo ture; iddoon miini bishaanii keessa taaʼu sun dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol kan dheeratu yeroo taʼu, afaan isaa irrattis fakkiiwwan bocaman jiru turan. Cinaachawwan battee taʼan sunis rogarfee turan malee geengoo hin turre. 32  Geengoowwan arfan sun cinaachawwan battee taʼan sanaa gaditti argamu turan; utubaawwan geengoo sanaas gaarii sanaa wajjin kan wal qabatan turan; geengoowwan sun tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheeratu turan. 33  Geengoowwan kun akka geengoowwan gaarii fardaatti kan tolfaman turan. Utubaawwan isaanii, andaarri isaanii, dagaleewwan isaanii fi wiirtuuwwan isaanii hundi sibiila baqfame irraa kan tolfaman turan. 34  Golee arfan tokkoon tokkoon gaariiwwan sanaa irratti utubaawwan afur jiru turan; utubaawwan kunis akka kutaa gaarii sanaatti* kan hojjetaman turan. 35  Mataa gaarii sanaa irra maraan geengoo taʼee fi ol dheerinni isaa dhundhuma walakkaa taʼu jira ture; mataa gaarii sanaa, dagaleewwan isaa fi cinaachawwan battee isaas akka kutaa gaarii sanaatti* kan hojjetaman turan. 36  Dagaleewwan sana irrattii fi cinaachawwan battee sana irratti akkuma balʼina isaaniitti fakkii kiruubelotaa, fakkii leencotaa fi fakkii mukeetii meexxii ni boce; naannoo isaa hundattis fakkiiwwan abaaboo walitti foʼaman fakkaatan ni hojjete.+ 37  Inni gaariiwwan kurnan+ kan hojjete akka kanaan ture; hundi isaanii baqfamanii kan hojjetaman yeroo taʼu, hammi isaaniis taʼe bifti isaanii wal fakkaata ture.+ 38  Inni miʼa bishaanii+ tokkoon tokkoon isaanii safartuu baatii 40 qabatan kudhan sibiila diimaa irraa ni hojjete. Miini bishaanii kun tokkoon tokkoon isaa dhundhuma afur ture.* Gaariiwwan kurnan hundi miʼa bishaanii tokko tokko qabu turan. 39  Innis gaariiwwan shan manicha irraa gara mirgaa, gaariiwwan shan immoo manicha irraa gara bitaa ni kaaʼe; Galaanichas manicha irraa gara mirgaa, jechuunis kallattii kibba bahaatiin ni kaaʼe.+ 40  Kana malees Hiiraam+ miʼawwan bishaanii, akaafaawwanii+ fi saaniiwwan golboo+ ni hojjete. Kanaafuu, Hiiraam mana Yihowaa ilaalchisee hojiiwwan Solomoon Mootichaaf hojjetu hunda hojjetee xumure.+ Wanti inni hojjetes, 41  utubaawwan lamaan,+ akkasumas gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan lamaan irra jiran, saaphanawwan+ lamaan warra gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan sana irra jiran lamaan miidhagsuuf oolan, 42  romaanota+ 400 saaphanawwan lamaaniif hojjetaman, jechuunis romaanota tokkoon tokkoon saaphanaa irratti tarree lamaan jiranii fi gubbeewwan boca saanii golboo qaban lamaan warra utubaawwan lamaan irra jiran miidhagsuuf hojjetaman, 43  gaariiwwan+ kurnanii fi miʼawwan bishaanii+ kurnan warra gaariiwwan sana irra jiran, 44  Galaanichaa+ fi qotiyyoowwan 12 warra Galaanicha jala jiran, 45  akkasumas miʼawwan daaraa, akaafaawwan, saaniiwwan golboo fi miʼawwan Hiiraam mana Yihowaatiif akka oolaniif sibiila diimaa cululuqfame irraa Solomoon Mootichaaf hojjete hunda turan. 46  Mootichi koonyaa Yordaanos keessatti Suukootii fi Zaaretaan gidduutti miʼawwan suphee boca baasuuf oolanitti fayyadamee miʼawwan kun baqfamanii akka hojjetaman godhe. 47  Miʼawwan kun baayʼee waan taʼaniif, Solomoon miʼawwan hunda utuu hin madaalsisin dhiise. Ulfaatinni sibiila diimaa hammi isaa hin beekamu ture.+ 48  Solomoon mana Yihowaatiif miʼawwan kana hundumaa ni hojjete: iddoo aarsaa+ warqii, minjaala+ warqii daabboon ilaalchaa* irra kaaʼamu, 49  baattuuwwan ibsaa+ warqii qulqulluu irraa tolfamanii kutaa isa keessaa fuuldura gara mirgaa shan gara bitaas shan godhamanii kaaʼaman, akkasumas abaaboowwan,+ ibsaawwanii fi qabduuwwan warqii irraa tolfaman,+ 50  saaniiwwan, dhaamsituuwwan ibsaa,+ saaniiwwan golboo, xoofoowwanii+ fi qodaawwan ibiddaa+ sana warqii qulqulluu irraa ni hojjete; qabsiistuuwwan balbaloota mana isa keessaa,+ jechuunis balbaloota Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼee fi qabsiistuuwwan balbaloota mana qulqullummaa+ warqii irraa ni hojjete. 51  Kanaafuu, Solomoon Mootichi hojiiwwan mana Yihowaatiif hojjechuu qabu hunda hojjetee xumure. Achiis Solomoon wantoota abbaan isaa Daawit qulqulleesse achitti ni galche;+ meeticha, warqichaa fi miʼawwan sanas manneen qabeenyaa mana Yihowaa keessa ni kaaʼe.+

Miiljaleewwan

Ykn., “mana mootummaa.”
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Tarii baattuuwwan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “Barandaa.”
Ykn., “Barandaa.”
Kal., “mana Galmichaa.”
Ykn., “Manni mootii.”
Ykn., “nahaasii,” iddoowwan kanatti aananii boqonnaa kana keessatti argaman kaaniifis ni hojjeta.
Ykn., “karaa kibbaa.”
Tarii, “Jabinaan” jechuu dha.
Ykn., “karaa kaabaa.”
“Inni (jechuunis, Yihowaan) Jabeessee haa Dhaabu” jechuu dha.
Kun Kutaa Qulqulluu argisiisa.
Ykn., “miʼa bishaanii.”
Baatiin tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Gara 7.4 cm. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “gaariiwwan bishaanii.”
Ykn., “gaarichaa wajjin tokko taʼanii.”
Ykn., “gaarichaa wajjin tokko taʼanii.”
Ykn., “afaan isaa gidduu gar tokkoo hamma gara isa kaaniitti dhundhuma afur ture.”
Ykn., “daabboon Waaqayyo duratti dhihaatu.”