Mootota Tokkoffaa 9:1-28

  • Yihowaan yeroo lammaffaadhaaf Solomoonitti mulʼate (1-9)

  • Kennaa Solomoon Hiiraamiif kenne (10-14)

  • Solomoon wantoota garaa garaa ijaare (15-28)

9  Solomoon mana Yihowaa, mana mootichaa+ fi wanta hojjechuu barbaade hunda ijaaree akkuma xumureen,+  Yihowaan akkuma Gibeʼon keessatti isatti mulʼatee ture, yeroo lammaffaadhaaf Solomoonitti ni mulʼate.+  Yihowaan akkana isaan jedhe: “Kadhannaa kee fi wawwaannaa ati fudhatama argachuuf na duratti dhiheessite dhagaʼeera. Ani maqaan koo yeroo hunda akka ittiin waamamu gochuudhaan+ mana ati ijaarte kana qulqulleesseera; ijji koo fi garaan koos yeroo hunda achi ni taʼa.+  Wantan si ajaje hunda hojjechuudhaan+ akkuma abbaan kee Daawit deemetti+ garaa qulqulluu+ fi qajeelummaadhaan+ na dura yoo deemte, dambiiwwan koo fi murtiiwwan kootiif yoo ajajamte,+  akkuman, ‘Sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa hin dhabamu’ jedhee abbaa kee Daawitiif waadaa galetti, teessoo mootummaa keetii bara baraaf Israaʼel irratti jabeessee nan dhaaba.+  Haa taʼu malee, isinii fi ilmaan keessan ana duukaa buʼuu irraa yoo garagaltan, ajajawwan koo fi dambiiwwan koo warra ani isin dura kaaʼe eeguu yoo dhiistan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi yoo isaaniif sagaddan,+  biyya ani isaaniif kenne irraa Israaʼeliin nan balleessa;+ mana ani maqaa kootiif qulqulleesse kanas ija koo duraa nan gata;+ Israaʼelis saba hundumaa gidduutti kan tuffatamtuu* fi kan itti qoosamu ni taati.+  Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa.+ Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan siiqsanii, ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’+ jedhu.  Achiis, ‘Isaan Waaqa isaanii Yihowaa isa abbootii isaanii biyya Gibxiitii baase dhiisanii waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi. Yihowaan rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+ 10  Solomoon waggaa 20 keessatti manneen lamaan, jechuunis mana Yihowaa fi mana mootichaa ijaaree xumure.+ 11  Hiiraam+ mootiin Xiiros saanqaawwan gaattiraa fi saanqaawwan birbirsaa, akkasumas warqii hamma inni barbaade Solomooniif ni kenne;+ Solomoon Mootichis biyya Galiilaa keessaa magaalota 20 Hiiraamiif ni kenne. 12  Kanaafuu, Hiiraam magaalota Solomoon isaaf kenne ilaaluuf Xiirosii baʼee deeme; haa taʼu malee, magaalota kanatti hin gammanne.* 13  Innis, “Yaa obboleessa koo, magaalota akkamii naaf kennite?” isaan jedhe. Kanaafuu, magaalonni kun hamma harʼaatti Biyya Kaabuul* jedhamanii waamamu. 14  Hiiraamis warqii taalaantii* 120 mootichaaf ni erge.+ 15  Seenaan namoota Solomoon Mootichi mana Yihowaa,+ mana* ofii isaa, Koobicha,*+ dallaa Yerusaalem, Hazooriin,+ Megidoo+ fi Geezeriin+ ijaaruuf hojii dirqamaa+ akka hojjetaniif filate kana dha. 16  (Faraʼoon mootiin Gibxii ol baʼee Geezeriin qabatee, ibiddaan ishii gube; Kanaʼaanota+ magaalattii keessa jiraatanis ni ajjeese. Kanaafuu, inni magaalattii akka kennaatti* intala isaa ishii haadha manaa Solomoon taateef ni kenne.)+ 17  Solomoonis Geezerii fi Beet Hooron+ Ishii Gadii ni ijaare;* 18  Baʼaalaatii+ fi Taamaar ishii biyyattii keessa lafa onaa keessatti argamtu, 19  akkasumas, magaalota Solomoon miʼa itti kuusu hundumaa, magaalota gaarii fardaa,+ magaalota abbootii fardeenii fi wanta Solomoon Yerusaalem, Libaanonii fi guutummaa biyya bulchiinsa isaa jala jiru keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare. 20  Haa taʼu malee, namoota Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota+ irraa hafan hunda warra kutaa Israaʼelotaa hin taanee+ fi 21  sanyiiwwan isaanii warra biyyattii keessatti hafan, jechuunis warra Israaʼelonni guutummaatti balleessuu hin dandeenye sana garboota taʼanii hojii dirqamaa akka hojjetaniif Solomoon isaan ni filate; isaan hamma harʼaatti garboota taʼanii hojjetu.+ 22  Haa taʼu malee, Solomoon Israaʼelota keessaa eenyuun iyyuu garba hin godhanne;+ kanaa mannaa isaan loltoota isaa, tajaajiltoota isaa, bulchitoota isaa, ajajjoota raayyaa waraanaa isaa, ajajjoota warra gaarii fardaa oofanii fi ajajjoota abbootii fardeenii isaa turan. 23  Ajajjoonni bulchitootaa warri hojii Solomoon irratti aangoo qaban, jechuunis warri ol aantummaadhaan namoota hojicha hojjetan toʼatan 550 turan.+ 24  Intalli Faraʼoon+ garuu Magaalaa Daawitii+ baatee mana ofii ishii isa Solomoon ishiidhaaf ijaaretti ni galte; sana booda inni Koobicha*+ ni ijaare. 25  Solomoon waggaatti siʼa sadii+ aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa iddoo aarsaa Yihowaadhaaf ijaare irratti ni dhiheessa ture;+ kana malees, iddoo aarsaa isa Yihowaa dura jiru irratti aarsaa aarfamu ni dhiheessa ture; manichas ijaaree ni xumure.+ 26  Kana malees, Solomoon Mootichi biyya Edoom+ keessaa Eexiyoon Geber+ ishii Eeloot bira, Galaana Diimaa qarqaratti argamtutti dooniiwwan ni hojjete. 27  Hiiraam tajaajiltoota Solomoonii wajjin akka hojjetaniif tajaajiltoota ofii isaa, jechuunis namoota doonii irratti hojjechuudhaan muuxannoo qaban dooniiwwan kanaa wajjin ni erge.+ 28  Isaanis gara Ofiir+ dhaqanii warqii taalaantii 420 achii fuudhanii Solomoon Mootichaaf fidan.

Miiljaleewwan

Kal., “kan itti mammaakamuu.”
Kal., “isaan ija isaa duratti sirrii hin turre.”
Ykn tarii, “Biyya Gatii hin Qabne.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Miiloo.” Jecha Afaan Ibrootaa hiika “itti guutuu” jedhu qabu.
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “akka tirmaatti; akka kennaa mana baʼaatti.”
Ykn., “ni jabeesse.”
Ykn., “Miiloo.” Jecha Afaan Ibrootaa hiika “itti guutuu” jedhu qabu.