Pheexiros Tokkoffaa 2:1-25
2 Kanaafuu, hammina hundumaa, gowwoomsaa, fakkeessaa, hinaaffaa fi hamii hundumaa of irraa fageessaa.+
2 Akka ijoollee reefuu dhalataniitti+ dubbii aannanii isa makaa hin qabne* dharraʼaa; kunis karaa isaa gara fayyinaatti akka guddattaniifi;+
3 isin gaarummaa Gooftaa dhandhamtaniittu.*
4 Sababiin isaas, isin dhagaa isa jiraataa sanatti dhihaattaniittu; namoonni kan isa tuffatan taʼus,+ Waaqayyo isa filateera, isa durattis gatii guddaa qaba;+
5 isinis akka dhagoota jiraatootti luboota qulqulluu taʼuuf gara mana hafuuraatti ijaaramaa jirtu;+ kunis karaa Yesuus Kiristoos aarsaa hafuuraa+ Waaqayyo duratti fudhatama qabu akka dhiheessitaniifi.+
6 Kitaabota Qulqulluu keessatti, “Kunoo, ani Xiyoon keessa dhagaa filatamaa, dhagaa golee buʼuuraa gatii guddaa qabu nan kaaʼa; namni isatti amanu kam iyyuu matumaa hin qaanaʼu”*+ jedhameera.
7 Kanaafuu, isin waan amantaniif, inni isiniif gatii guddaa qaba; warra hin amanneef garuu, “dhagaan ijaartonni tuffatan,+ dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe”;+
8 akkasumas “dhagaa gufachiisuu fi qarsaa kuffisu taʼe.”+ Isaan kan gufatan dubbichaaf waan hin ajajamneefi. Wanti isaan eeggachaa tures kanuma.
9 Isin garuu isa dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaa taʼetti isin waame sanaaf,+ “ulfina isaa* balʼinaan akka labsitaniif,+ sanyii filatamaa, luboota mootota taʼan, saba qulqulluu,+ saba Waaqayyo qabeenya addaa godhachuuf fudhate”+ dha.
10 Isin duraan saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu;+ inni duraan gara laafina isinitti hin argisiisne, amma garuu gara laafina isinitti argisiiseera.+
11 Yaa obboloota jaallatamo, isin ormootaa fi warra yeroo gabaabaadhaaf jiraattan+ waan taataniif, fedhiiwwan foonii warra isin* waraanan+ irraa akka fagaattan+ isin nan gorsa.
12 Namoota addunyaa gidduutti amala gaarii qabaadhaa;+ kunis isaan akka isin dogoggora hojjettan godhanii yommuu isin himatan, hojii keessan isa gaarii+ arganii guyyaa Waaqayyo qoruudhaaf dhufutti ulfina akka isaaf kennaniifi.
13 Gooftaadhaaf jedhaatii aangoo* namoonni hundeessan hundaaf bitamaa;+ inni iddoo ol aanaa waan qabuuf mootiidhaaf bitamaa;+
14 bulchitoonnis warra dogoggora hojjetan adabuuf, warra waan gaarii hojjetan immoo galateeffachuuf isa biraa kan ergaman waan taʼaniif+ isaaniif bitamaa.
15 Fedhiin Waaqayyoo, waan gaarii hojjechuudhaan namoota gowwaa wanta faayidaa hin qabne dubbatan akka callisiistani* dha.+
16 Akka namoota bilisa taʼaniitti jiraadhaa;+ taʼus bilisummaa keessan hammina hojjechuuf itti hin fayyadaminaa;+ kanaa mannaa, akka garboota Waaqayyootti jiraadhaa.+
17 Namoota akaakuu hundumaa kabajaa,+ guutummaa waldaa obbolootaatiif* jaalala qabaadhaa,+ Waaqa sodaadhaa,+ mootii kabajaa.+
18 Tajaajiltoonni gooftolii isaanii warra gaarii fi gara laafeyyii taʼaniif* qofa utuu hin taʼin, warra gammachiisuun ulfaataa taʼeefis ulfina guutuu kennuudhaan haa bitaman.+
19 Namni tokko Waaqayyo duratti qalbii qulqulluu qabaachuuf+ jecha rakkina* isa irra gaʼuu fi jalʼina isa irratti raawwatamu yoo dandaʼe gaarii dha.
20 Cubbuu hojjettanii yommuu rukutamtan yoo dandeessan kun galata maalii qaba?+ Haa taʼu malee, rakkina waan gaarii hojjechuu keessaniin kan kaʼe isin irra gaʼu yoo dandeessan, kun Waaqa kan gammachiisu dha.+
21 Isin jireenya akkasiitiif waamamtan; sababiin isaas, Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan+ fakkeenya isiniif taʼuudhaan isiniif jedhee dhiphateera.+
22 Inni cubbuu tokko illee hin hojjenne,+ dubbii gowwoomsaanis afaan isaa keessatti hin argamne.+
23 Yommuu isa arrabsan+ deebisee hin arrabsine.+ Yommuu rakkinni isa irra gaʼettis+ hin doorsisne; kanaa mannaa, isa qajeelinaan murteessu+ sanatti imaanaadhaan of kenne.
24 Nuti cubbuudhaaf duunee qajeelummaadhaaf akka jiraannuuf, inni cubbuu keenya qaama isaatiin muka irratti+ baate.+ “Isinis madaa isaatiin fayyifamtan.”+
25 Isin akka hoolota karaa irraa badanii turtan;+ amma garuu gara tiksee+ fi ilaaltuu ol aanaa lubbuu* keessaniitti deebitaniittu.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “isa qulqulluu.”
^ Ykn., “argitaniittu.”
^ Ykn., “abdii hin kutatu.”
^ Kal., “mataa golee.”
^ Jechuunis, amalawwanii fi gochawwan isaa dinqisiisoo taʼan.
^ Ykn., “lubbuu keessan.”
^ Ykn., “dhaabbata.”
^ Kal., “afaan hiitani.”
^ Kal., “obbolummaatiif.”
^ Ykn., “yaada ofiitti hin cichineef.”
^ Ykn., “gadda; dhiphina.”
^ Ykn., “jireenya.”