Qorontos Tokkoffaa 14:1-40
14 Jaalala hordofaa; taʼus, kennaa hafuuraa argachuuf, caalaatti immoo raajii dubbachuuf carraaqqii gochuu* keessan itti fufaa.+
2 Namni qooqa biraadhaan dubbatu namootatti utuu hin taʼin Waaqayyotti dubbata; sababiin isaas, inni hafuuraan iccitii qulqulluu kan dubbatu taʼus,+ namni isa dhaggeeffatu tokko illee hin jiru.+
3 Namni raajii dubbatu garuu, dubbii isaatiin namoota ni ijaara, ni gargaara, akkasumas ni jajjabeessa.
4 Namni qooqa biraadhaan dubbatu of ijaara, namni raajii dubbatu garuu gumii ijaara.
5 Ani hundi keessan qooqa biraadhaan akka dubbattan nan barbaada;+ caalaatti garuu raajii akka dubbattan nan filadha.+ Eeyyee, inni qooqa biraadhaan dubbatu gumichi jajjabina akka argatuuf yoo hiikuu baate, inni raajii dubbatu isa qooqa biraadhaan dubbatu irra ni caala.
6 Haa taʼu malee, yaa obbolootaa, ani amma gara keessan dhufee mulʼataan+ yookiin beekumsaan+ yookiin raajiidhaan yookiin barumsaan utuu hin taʼin, qooqa biraadhaan yoon isinitti dubbadhe maalan isin fayyada?
7 Kun sagalee wantoonni lubbuu dhabeeyyiin kan akka ulullee fi baganaa dhageessisanii wajjin tokko dha. Sagaleen adda taʼe yoo dhagaʼame malee, sagaleen ululleen yookiin baganaan sun dhageessisu akkamitti adda baafamee beekamuu dandaʼa?
8 Malakanni sagalee adda hin baafamne yoo dhageessise eenyutu lolaaf qophaaʼa?
9 Haaluma wal fakkaatuun, isinis qooqa biraadhaan dubbii salphaatti hubatamu yoo dubbattan malee, namni tokko wanta dubbatame akkamitti beekuu dandaʼa? Isin qilleensatti kan dubbattan taatu.
10 Addunyaa irra qooqni garaa garaa hedduun jira; haa taʼu malee, qooqni hiika hin qabne hin jiru.
11 Sababiin isaas, ani dubbii dubbatame sana yoon hubachuu baadhe, nama dubbachaa jiru sanatti keessummaa nan taʼa, namni dubbatu sunis anatti keessummaa taʼa.
12 Isinis kennaa hafuuraa argachuuf hawwii guddaa waan qabdaniif, kennaawwan gumicha ijaaran baayʼinaan argachuuf carraaqaa.+
13 Kanaafuu, namni qooqa biraadhaan dubbatu, hiikuu akka dandaʼuuf haa kadhatu.+
14 Sababiin isaas, ani qooqa biraadhaan yoon kadhadhe, kadhachaa kan jiru kennaa hafuuraa koo sana dha; sammuun koo garuu wanta hubatu hin qabu.
15 Egaa maaltu godhamuu qaba ree? Ani kennaa hafuuraatiin nan kadhadha; haa taʼu malee, sammuu kootiinis nan kadhadha. Ani kennaa hafuuraatiin faarfannaa galataa nan faarfadha; garuu, sammuu kootiinis faarfannaa galataa nan faarfadha.
16 Taʼuu baannaan, ati kennaa hafuuraatiin galata yoo dhiheessite, namni gidduu keessan jiruu fi hin baranne tokko wanta ati dubbachaa jirtu waan hin hubanneef, galata dhiheessituuf akkamitti “Ameen” jedha?
17 Dhugaa dha, ati akka gaariitti galateeffachaa jirta, namni kan biraan garuu ijaaramaa hin jiru.
18 Ani hunda keessan caalaa qooqa biraadhaan waanan dubbadhuuf Waaqayyoon nan galateeffadha.
19 Haa taʼu malee, warra kaanis barsiisuu* akkan dandaʼuuf, gumii keessatti qooqa biraadhaan jechoota kuma kudhan dubbachuu mannaa, sammuu kootiin* jechoota shan dubbachuun filadha.+
20 Yaa obbolootaa, hubannaa keessaniin daaʼimman hin taʼinaa;+ kanaa mannaa, wanta hamaadhaaf daaʼimman taʼaa;+ hubannaa keessaniinis gaʼeessota taʼaa.+
21 Seericha keessatti, “‘Ani qooqa ormaa fi jechoota keessummootaatiin saba kanatti nan dubbadha; taʼus yeroo kanatti illee isaan ana hin dhagaʼan’ jedha Yihowaan”*+ jedhamee barreeffameera.
22 Kanaafuu, qooqa biraadhaan dubbachuun mallattoo kan taʼu warra amananiif utuu hin taʼin warra hin amanneefi;+ raajii dubbachuun garuu warra hin amanneef utuu hin taʼin warra amananiifi.
23 Kanaafuu, iddoo guutummaan gumichaa walitti qabamee jirutti, hundi isaanii qooqa biraadhaan utuu dubbatanii namoonni hin baranne yookiin hin amanne yoo ol seenan, namoonni kun maraataniiru isiniin hin jedhanii?
24 Haa taʼu malee, hundi keessan utuu raajii dubbachaa jirtanii, namni hin amanne yookiin hin baranne tokko yoo ol seene, wanti isin dubbattan hundi akka inni of ceephaʼu godha, akka gaariitti akka of qorus isa kakaasa.
25 Yeroo kanatti iccitiin garaa isaa keessa jiru ni mulʼata; kanaan kan kaʼes gombifamee, “Dhuguma iyyuu Waaqayyo isin gidduu jira” jedhee Waaqayyoon waaqeffata.+
26 Egaa yaa obbolootaa, maaltu godhamuu qaba ree? Yeroo walitti qabamtan, inni tokko kennaa faarfachuu qaba, inni tokko kennaa barsiisuu qaba, inni kan biraan kennaa mulʼata arguu qaba, inni tokko kennaa qooqa biraadhaan dubbachuu qaba, inni kan biraan immoo kennaa qooqa biraa sana hiikuu qaba.+ Taʼus, wantoonni hundi ijaaruuf haa taʼan.
27 Kana malees, namoonni qooqa biraadhaan dubbatan yoo jiraatan, nama lama, yoo baayʼate immoo nama sadii haa taʼan; isaanis dabareedhaan haa dubbatan; namni kan biraan immoo wanta dubbatame sana haa hiiku.+
28 Namni hiiku hin jiru taanaan garuu, gumii keessatti callisanii ofii isaanii fi Waaqayyotti haa dubbatan.
29 Raajonni lama yookiin sadii haa dubbatan;+ warri kaan immoo hiika isaa hubachuuf haa yaalan.
30 Taʼus, namni kan biraan utuma achi taaʼee jiru mulʼanni yoo isaaf kenname, inni jalqaba dubbachaa ture sun haa callisu.
31 Sababiin isaas, namoonni hundi akka baratanii fi jajjabina akka argataniif, hundi keessan dabareedhaan raajii dubbachuu dandeessu.+
32 Raajonni kennaawwan hafuuraa isaaniif kennaman toʼachuu qabu.
33 Sababiin isaas, Waaqayyo Waaqa nagaa ti malee Waaqa jeequmsaa miti.+
Akkuma gumiiwwan qulqullootaa hunda keessatti godhamu,
34 dubartoonni akka dubbatan waan isaaniif hin heyyamamneef gumii keessatti haa callisan.+ Kanaa mannaa, akkuma Seerichi jedhu haa bitaman.+
35 Wanti isaaniif hin galle yoo jiraate, mana isaaniitti abbootii manaa isaanii haa gaafatan; sababiin isaas, dubartiin gumii keessatti dubbachuun ishii qaanii dha.
36 Dubbiin Waaqayyoo isin biraa dhufee? Yookiin isinuma qofa bira gaʼe?
37 Namni raajii akka taʼe yookiin kennaa hafuuraa akka qabu yaadu kam iyyuu, wanti ani isiniif barreessu kun ajaja Gooftaa akka taʼe amanee fudhachuu qaba.
38 Haa taʼu malee, namni kana tuffatu kam iyyuu ni tuffatama.*
39 Kanaafuu, yaa obboloota koo, raajii dubbachuuf carraaquu keessan itti fufaa;+ taʼus, qooqa biraadhaan dubbachuu hin dhowwinaa.+
40 Haa taʼu malee, wanti hundi karaa naamusa qabuun, akkasumas karaa seera qabeessa taʼeen haa raawwatamu.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “hinaaffaadhaan barbaaduu.”
^ Ykn., “afaaniin barsiisuu.”
^ Ykn., “hubannaadhaan.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn tarii, “namni kam iyyuu barachuu yoo dide akkuma hin barannetti itti fufa.”