Qorontos Tokkoffaa 8:1-13

  • Nyaata waaqolii tolfamoodhaaf dhihaate (1-13)

    • Nuuf Waaqa tokkicha qofatu jira (5, 6)

8  Nyaata waaqolii tolfamoodhaaf dhihaate ilaalchisee+ hundi keenya beekumsa akka qabnu beekna.+ Beekumsi nama bokoksa, jaalalli garuu nama ijaara.+  Namni tokko wanta tokko akka beeku yoo isatti dhagaʼame, inni waaʼee dhimma sanaa amma iyyuu hamma beekuu qabu hin beekne.  Namni tokko Waaqayyoon kan jaallatu yoo taʼe garuu Waaqayyo isa ni beeka.  Nyaata waaqolii tolfamoodhaaf dhihaate nyaachuu ilaalchisee, waaqoliin tolfamoon gatii akka hin qabnee+ fi Waaqa isa tokkicha malee kan biraan akka hin jirre beekna.+  Sababiin isaas, “waaqolii” hedduunii fi “gooftolii” hedduun jiru; taʼus, samii irrattis taʼe lafa irratti+ waaqolii kan jedhaman yoo jiraatan iyyuu,  nuuf garuu Waaqa tokkicha+ isa Abbaa+ keenya taʼe, isa wantoonni hundi biraa argamanii fi nutis kan isaa taane qofatu jira;+ akkasumas, Gooftaa tokkicha isa wantoonni hundi karaa isaa argamanii+ fi nutis karaa isaa argamne Yesuus Kiristoos qofatu jira.  Beekumsa kana kan qaban garuu namoota hunda miti.+ Taʼus, namoonni tokko tokko dur waaqolii tolfamoo waaqeffachaa waan turaniif, nyaata akkasii yommuu nyaatan aarsaa waaqolii tolfamoodhaaf dhihaate akka taʼetti yaadu;+ qalbiin isaaniis dadhabaa waan taʼeef isaan ceephaʼa.*+  Haa taʼu malee, nyaanni caalaatti Waaqayyotti nu hin dhiheessu;+ yoo nyaachuu baanne wanti nutti hirʼatu hin jiru, yoo nyaannes wanti nuuf dabalamu hin jiru.+  Taʼus, mirgi isin filachuuf qabdan namoota dadhaboo taʼanitti gufuu akka hin taane of eeggadhaa.+ 10  Ati inni beekumsa qabdu mana qulqullummaa waaqolii tolfamoo keessatti utuu nyaata nyaattuu namni tokko yoo si arge, qalbiin nama dadhabaa taʼe sanaa nyaata waaqolii tolfamoodhaaf dhihaate akka nyaatu isa hin jajjabeessuu? 11  Kanaafuu, beekumsa keetiin namni dadhabaan, obboleessi kee inni Kiristoos isaaf duʼe sun ni bada.+ 12  Karaa kanaan obboloota keessan irratti yommuu cubbuu hojjettanii fi qalbii isaanii isa dadhabaa madeessitan,+ Kiristoos irratti cubbuu hojjechaa jirtu. 13  Kanaafuu, nyaanni obboleessa koo kan gufachiisu yoo taʼe, obboleessa koo akkan hin gufachiisneef, ani matumaa lammata foon hin nyaadhu.+

Miiljaleewwan

Kal., “xuraaʼeera.”