Qorontos Tokkoffaa 9:1-27

  • Phaawulos, ergamaa fakkeenya taʼu (1-27)

    • ‘Qotiyyoo afaan isaa hin hidhin’ (9)

    • ‘Yoon lallabuu baadhe anaaf wayyoo!’ (16)

    • Namoota hundaaf waan hundumaa taʼuu (19-23)

    • Fiigicha jireenyaa irratti of toʼachuu (24-27)

9  Ani bilisa mitii? Ani ergamaa mitii? Ani Gooftaa keenya Yesuusiin hin arginee?+ Isin hoo tajaajila Gooftaa keessatti buʼaa hojii koo mitii?  Ani warra kaaniif yoon ergamaa taʼuu baadhe illee, ergamaa keessan taʼuun koo hin shakkisiisu! Sababiin isaas, isin chaappaa ani ergamaa Gooftaa taʼuu koo mirkaneessu dha.  Deebiin ani warra na qoraniif kennu kanatti aanee kan jiru dha:  Nuti nyaachuu fi dhuguuf mirga* hin qabnuu?  Nuti akkuma ergamoota kaanii fi akka obboloota Gooftaa,+ akkasumas akka Keefaas*+ haadha manaa amantee* wajjin deemuuf mirga hin qabnuu?+  Yookiin wanta ittiin jiraannu argachuuf jecha hojii hojjechuu dhiisuuf mirga kan hin qabne anaa fi Barnaabaas+ qofa dhaa?  Loltuun baasii mataa isaatiin tajaajilu jiraa? Muka wayinii dhaabee firii isaa kan hin nyaanne eenyu?+ Yookiin horii tiksee aannan isaa irraa kan hin dhugne eenyu?  Wantoota kana kanan dubbadhu akka ilaalcha namootaattii? Seerichi hoo waaʼee wantoota kanaa hin dubbatuu?  Seera Musee keessatti, “Qotiyyoo midhaan siribsiisu afaan isaa hin hidhin”+ jedhamee barreeffameera. Waaqayyo kana kan jedhe waaʼee qotiyyoo yaaddaʼee tii? 10  Moo kana kan dubbate waaʼee keenyaaf jedhee ti? Kun dhuguma waaʼee keenyaaf barreeffame; sababiin isaas, namni qotuu fi namni midhaan siribsiisu qooda isaa akka fudhatu abdatee kana godha. 11  Nuti wantoota hafuuraa isin gidduutti erga facaasnee, wantoota jireenyaaf barbaachisan isin irraa argachuun keenya waan guddaa dhaa?+ 12  Namoonni kaan kana isin irraa argachuuf erga mirga qabaatanii, nuti isaan caalaa mirga* hin qabnuu? Taʼus, nuti mirga kanatti hin fayyadamne;+ kanaa mannaa, misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu karaa kamiin iyyuu akka hin danqineef+ wantoota hundumaa dandeenyee jiraanna. 13  Namoonni tajaajila qulqulluu raawwatan, wanta mana qulqullummaa keessa jiru irraa akka nyaatanii fi namoonni yeroo hunda iddoo aarsaatti tajaajilan iddoo aarsaa sana irraa qooda isaanii akka fudhatan hin beektanii?+ 14  Haaluma wal fakkaatuun, warri misiraachicha labsan, wantoota karaa misiraachichaa argataniin akka jiraatan Gooftaan ajajeera.+ 15  Ani garuu qophiiwwan kana keessaa isa tokkotti illee hin fayyadamne.+ Taʼus ani wantoota kana kanan isiniif barreessu kun akka naaf godhamuuf miti; sababiin isaas, namni kam iyyuu wantan ittiin boonu kana na jalaa fudhachuu isaa mannaa+ duʼuu naaf wayya! 16  Misiraachicha yoon lallabes boonuuf sababii hin qabu; kana gochuuf dirqamni na irra jira. Misiraachicha yoon lallabuu baadhe garuu anaaf wayyoo!+ 17  Kana fedhii kootiin yoon hojjedhe badhaasa qaba; taʼus fedhii koo malee yoon hojjedhe illee, itti gaafatamummaan imaanaadhaan natti kennameera.+ 18  Maarree badhaasni koo maali dha? Badhaasni koo yommuun misiraachicha labsu aangoo* koo karaa sirrii hin taaneen akkan itti hin fayyadamneef, misiraachicha tola labsuu koo ti. 19  Ani namoota hundumaa irraa bilisa yoon taʼe iyyuu, hamma naaf dandaʼame namoota hedduu gargaaruuf, namoota hundumaaf garbicha of godheera. 20  Yihudoota gargaaruuf, Yihudootaaf akka Yihudiin taʼe;+ ani yoon seera jala taʼuu baadhe illee, warra seera jala jiran gargaaruuf, warra seera jala jiraniif akka nama seera jala jiruun taʼe.+ 21  Ani Waaqayyo duratti seera malee kanan hin jiraannee fi Kiristoos duratti seera jala kanan jiru yoon taʼe iyyuu, warra seera hin qabne gargaaruuf, warra seera hin qabneef akka nama seera hin qabneen taʼe.+ 22  Warra dadhaboo taʼan gargaaruuf, warra dadhaboo taʼaniif dadhabaan taʼe.+ Hamma naaf dandaʼame namoota muraasa oolchuuf, akaakuu namootaa hundumaatiif waan hundumaa nan taʼe. 23  Haa taʼu malee, misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf, misiraachichaaf jedhee waan hundumaa nan godha.+ 24  Warri dorgommii fiigichaa irra jiran hundi akka fiigan, taʼus badhaasicha kan argatu isa tokko qofa akka taʼe hin beektanii? Isinis badhaasicha akka argattaniif haaluma kanaan fiigaa.+ 25  Kana malees, namni dorgommii irratti hirmaatu* kam iyyuu waan hundumaa irratti of toʼata. Isaan gonfoo badu argachuuf kana godhu;+ nuti garuu gonfoo hin badne argachuuf kana goona.+ 26  Kanaafuu, ani akka kanaan kanan fiigu kaayyoo malee miti;+ ani kanan abootu qilleensa rukutuuf miti; 27  haa taʼu malee, warra kaaniif ergan lallabee booda, ofii kootii karaa taʼe tokkoon akkan fudhatama hin dhabneef,* qaama koo haleeleen*+ akka garbichaatti akka naaf ajajamu godha.

Miiljaleewwan

Kal., “aangoo.”
Pheexiros jedhamees ni waamama.
Ykn., “obboleettii takka haadha manaa godhannee.”
Kal., “aangoo.”
Ykn., “mirga.”
Ykn., “atileetiin.”
Ykn., “gaʼumsa akkan hin dhabneef.”
Ykn., “adabuudhaan; cimsee adabuudhaan.”