Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa 10:1-14
-
Saaʼolii fi ilmaan isaa duʼuu isaanii (1-14)
10 Filisxeemonni Israaʼelotaa wajjin wal waraanaa turan. Namoonni Israaʼelis Filisxeemota duraa ni baqatan; baayʼeen isaanii Gaara Gilboʼaa irratti ni ajjeefaman.+
2 Filisxeemonni Saaʼolii fi ilmaan isaa hordofanii baayʼee itti dhihaatan; achiis Filisxeemonni ilmaan Saaʼol kan taʼan Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkishuwaa+ ni ajjeesan.
3 Waraanichis Saaʼol irratti cimaa deeme; warri xiyya darbatanis isa argatanii isa madeessan.+
4 Achiis Saaʼol namicha meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Namoonni dhaqna hin qabanne kun dhufanii akka na hin waraannee fi gara jabinaan akka na hin dhiphisnetti+ goraadee kee luqqifadhuutii na waraani” jedhe. Haa taʼu malee, namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun baayʼee waan sodaateef isa waraanuu dide. Kanaafuu, Saaʼol goraadee fudhatee irratti kufe.+
5 Namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu Saaʼol duʼuu isaa yommuu argu, innis goraadee isaa irratti kufee duʼe.
6 Akka kanaan, Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan ni duʼan; namoonni mana isaa hundis waluma faana ni duʼan.+
7 Namoonni Israaʼel warri sululicha* keessa jiran hundi, namni hundi baqachuu isaa, akkasumas Saaʼolii fi ilmaan isaa duʼuu isaanii yommuu argan, magaalota isaanii dhiisanii baqatan; Filisxeemonnis dhufanii magaalota sana qabatan.
8 Borumtaa isaa Filisxeemonni miʼa warra duʼan sanaa saamuuf yommuu dhufan, Saaʼolii fi ilmaan isaa Gaara Gilboʼaa irratti kukkufanii argan.+
9 Kanaafuu, Saaʼoliin ni saaman; mataa isaa ni muran; meeshaa waraanaa isaas irraa ni fudhatan; oduun isaas manneen waaqolii tolfamoo+ isaanii keessatti, akkasumas namoota isaanii gidduutti akka odeeffamuuf gara guutummaa biyya Filisxeemotaatti dhaamsa ergan.
10 Achiis meeshaa waraanaa isaa mana* waaqolii isaanii keessa kaaʼan; buqqee mataa isaa immoo mana Daagon+ keessatti fannisan.
11 Namoonni Yaabeesh+ ishii Giiliyaaditti argamtu keessa jiraatan hundi wanta Filisxeemonni Saaʼol irratti raawwatan hundumaa yommuu dhagaʼan,+
12 loltoonni hundi kaʼanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa fudhatanii deeman. Gara Yaabeeshitti isaan fidanii lafee isaanii muka guddaa Yaabeesh+ keessatti argamu jalatti awwaalan; guyyaa torbaafis ni sooman.
13 Akka kanaan Saaʼol Yihowaadhaaf amanamaa waan hin taaneef ni duʼe; sababiin isaas, inni dubbii Yihowaatiif hin ajajmne,+ akkasumas eker dubbistuu ni gaafate;+
14 Yihowaa garuu hin gaafanne. Kanaafuu, inni isa ni ajjeese; mootummaa isaas gara Daawit ilma Isseyitti dabarse.+