Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa 13:1-14

  • Taabotichi Qiriyaat Yeʼariimii ni fidame (1-14)

    • Uuzaan ni ajjeefame (9, 10)

13  Daawit ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa fi geggeessitoota hundumaa wajjin ni mariʼate.+  Achiis Daawit guutummaa gumii Israaʼeliin akkana jedhe: “Gaarii taʼee yoo isinitti mulʼatee fi Waaqa keenya Yihowaa duratti fudhatama yoo argate, obboloonni keenya warri guutummaa naannoowwan Israaʼelitti hafan, akkasumas luboonnii fi Leewwonni magaalota+ isaanii warra iddoowwan dheedichaa qaban keessa jiran gara keenya dhufanii nutti akka makaman dhaamsa isaanitti haa erginu.  Taabota Waaqa keenyaas deebisnee haa fidnu.”+ Sababiin isaas, isaan bara Saaʼolitti kunuunsa isaaf hin goone.+  Namoonni hundi kun sirrii fakkaatee waan isaanitti mulʼateef, guutummaan gumichaa kana gochuuf walii gale.  Kanaafuu, Daawit Taabota Waaqa dhugaa Qiriyaat Yeʼariimii fiduuf laga* Gibxiitii hamma Lebo Hamaatitti*+ Israaʼelota hunda walitti ni qabe.+  Daawitii fi guutummaan Israaʼel Taabota Yihowaa Waaqa dhugaa isa kiruubelotaa olitti* teessoo irra taaʼu sanaa,+ jechuunis Taabota isa namoonni maqaa isaa itti waammatan sana achii fiduuf, gara Baʼaalaa,+ gara Qiriyaat Yeʼariim ishii Yihudaa keessatti argamtuutti ol baʼan.  Haa taʼu malee, isaan Taabota Waaqa dhugaa sana gaarii haaraa irra kaaʼanii+ mana Abinaadaabii ni fidan; Uuzaanii fi Ahiyoonis gaarii sana oofaa turan.+  Daawitii fi guutummaan Israaʼelis faarfannaadhaan, akkasumas baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban akaakuu kan biroo, dibbee,+ siimbaalii*+ fi malakatatti+ fayyadamanii humna isaanii guutuudhaan Waaqa dhugaa duratti ni sirbu turan.  Haa taʼu malee, isaan yommuu oobdii Kidoon bira gaʼanitti, loon sun Taaboticha kuffisuuf waan turaniif Uuzaan harka isaa hiixatee Taaboticha qabe. 10  Yeroo kanatti aariin Yihowaa Uuzaa irratti ni bobaʼe; inni harka isaa gara Taabotichaatti waan diriirseef Waaqayyo isa ni rukute,+ innis achuma Waaqayyo duratti ni duʼe.+ 11  Haa taʼu malee, aariin Yihowaa Uuzaa irratti waan bobaʼeef Daawit ni aare;* iddoon sunis hanga harʼaatti Pereez Uuzaa* jedhama. 12  Kanaafuu, Daawit guyyaa sanatti Waaqa dhugaa waan sodaateef, “Taabota Waaqa dhugaa akkamittan gara kootti fudhachuu dandaʼa?” jedhe.+ 13  Daawit Taaboticha gara Magaalaa Daawit isa inni keessa jiraatutti hin fidne; kanaa mannaa, gara mana Obeed Edoom isa nama Gaat taʼeetti akka geeffamu godhe. 14  Taabonni Waaqa dhugaa sunis maatii Obeed Edoomii wajjin jiʼa sadiif mana isaa keessa taaʼe; Yihowaanis maatii Obeed Edoomii fi wanta inni qabu hunda ni eebbise.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Shiihor ishii.”
Ykn., “karra Hamaatitti.”
Ykn tarii, “kiruubelota gidduu.”
Siimbaaliin meeshaa muuziqaa sibiila irraa hojjetamuu fi yeroo walitti rukutamu sagalee guddaa dhageessisu dha.
Ykn., “gadde.”
“Uuzaa Irratti Aariidhaan Bobaʼuu” jechuu dha.