Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa 25:1-31

  • Namoota mana Waaqayyootti muuziqaa taphatanii fi faarfatan (1-31)

25  Kana malees Daawitii fi ajajjoonni gareewwan tajaajilaa, baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii+ fi siimbaaliitti+ fayyadamanii raajii dubbachuudhaan akka tajaajilaniif ilmaan Asaaf, ilmaan Hemaanii fi ilmaan Yedutuun+ keessaa tokko tokko adda ni baasan. Maqaan namoota tajaajila kanaaf itti gaafatamummaa qabanii kanaa gaditti tarreeffameera:  ilmaan Asaaf keessaa: Zaakur, Yoseef, Naataaniyaa fi Asharʼelaa yeroo taʼan, isaan ilmaan Asaaf warra qajeelfama Asaaf jala jiranii fi qajeelfama mootichaa jala taʼanii raajii dubbatan turan.  Kan Yedutuun,+ ilmaan Yedutuun kan taʼan, Gedaaliyaa, Zerii, Yeshaayaa, Shimeʼii, Hashaabiyaa fi Maataatiyaa+ yeroo taʼan, isaan jaʼa turan; isaan qajeelfama abbaa isaanii Yedutuun jala taʼanii Yihowaa galateeffachaa fi jajachaa+ baganaatti fayyadamanii raajii dubbatu turan.  Kan Hemaan,+ ilmaan Hemaan kan taʼan, Buqqiiyaa, Maataaniyaa, Uuziʼel, Shebuʼel, Yerimoot, Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliyaataa, Gidaaltii, Romaamti Eezer, Yoshbeqaashaa, Maalootii, Hotiirii fi Maahaaziyoot turan.  Kanneen kun hundi ilmaan Hemaan isa ulfina isaatiif jecha* dhimmoota Waaqa dhugaa wajjin wal qabatan irratti mootichaaf mulʼata argu sanaa turan; Waaqni dhugaanis Hemaaniif ijoollee dhiiraa 14 fi ijoollee durbaa 3 ni kenne.  Kanneen kun hundi qajeelfama abbaa isaanii jala taʼanii tajaajila mana Waaqa dhugaatiif siimbaalii, meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaatti+ fayyadamanii mana Yihowaatti faarfatu turan. Qajeelfama mootichaa jala kan turan, Asaaf, Yedutuunii fi Hemaan turan.  Isaanii fi obboloonni isaanii warri Yihowaa faarfachuuf leenjii argatan, jechuunis warri gama kanaan dandeettii guddaa qaban walumaa galatti lakkoofsi isaanii 288 ture.  Kanaafuu, inni xinnaanii fi inni guddaan, akkasumas inni dandeettii guddaa qabuu fi inni barachaa jiru hojiiwwan isaanii hihirachuuf carraa buufatan.+  Carraan inni jalqabaa Yoseef+ isa ilma Asaaf taʼeef ni baʼe; inni lammaffaan Gedaaliyaadhaaf+ (inni, obboloonni isaa fi ilmaan isaa 12 turan) ni baʼe; 10  inni sadaffaan Zaakuriif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 11  inni arfaffaan Yizriidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 12  inni shanaffaan Nataaniyaadhaaf,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 13  inni jaʼaffaan Buqqiiyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 14  inni torbaffaan Yeshaariʼelaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 15  inni saddeettaffaan Yeshaayaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 16  inni saglaffaan Maataaniyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 17  inni kurnaffaan Shimeʼiidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 18  inni 11ffaan Azaareliif, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 19  inni 12ffaan Hashaabiyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 20  inni 13ffaan Shubaaʼeliif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 21  inni 14ffaan Maataatiyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 22  inni 15ffaan Yeremootiif, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 23  inni 16ffaan Hanaaniyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 24  inni 17ffaan Yoshbeqaashaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 25  inni 18ffaan Hanaaniidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 26  inni 19ffaan Maalootiidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 27  inni 20ffaan Eliyaataadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 28  inni 21ffaan Hotiiriif, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 29  inni 22ffaan Gidaaltiidhaaf,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 30  inni 23ffaan Maahaaziyootiif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 31  inni 24ffaan Romaamti Eezeriif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan.

Miiljaleewwan

Kal., “gaanfa isaa ol qabuuf jecha.”