Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa 28:1-21

  • Haasaa Daawit ijaarsa mana qulqullummaa ilaalchisee kenne (1-8)

  • Solomooniif qajeelfamni ni kenname; pilaaniin ijaarsaas isaaf kenname (9-21)

28  Achiis Daawit bulchitoota Israaʼel hundumaa, jechuunis bulchitoota gosootaa, ajajjoota gareewwan+ mooticha tajaajilanii, ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaa,+ warra qabeenyaa fi horiiwwan mootichaa+ fi kan ilmaan+ isaa hundumaa irratti ajajjoota taʼan, akkasumas abbootii taayitaa mana mootummaa dabalatee nama jabaa taʼee fi gaʼumsa qabu+ hundumaa Yerusaalemitti walitti ni qabe.  Achiis Daawit Mootichi kaʼee dhaabbatee akkana jedhe: “Yaa obboloota koo fi yaa saba koo, na dhaggeeffadhaa. Mana taabonni kakuu Yihowaa yeroo hundumaatiif keessa taaʼuu fi bakka ejjeta miila Waaqa keenyaatiif taʼu ijaaruun hawwii garaa kootii ture;+ anis manicha ijaaruuf qophii godheera.+  Waaqni dhugaan garuu, ‘Ati waraanawwan hedduu irratti waan hirmaattee fi dhiigas waan dhangalaasteef,+ maqaa kootiif mana hin ijaartu’ naan jedheera.+  Haa taʼu malee, Yihowaan Waaqni Israaʼel bara baraaf Israaʼel irratti mootii akkan taʼuuf warra mana abbaa kootii hundumaa keessaa na filateera;+ sababiin isaas inni Yihudaan geggeessaa akka taʼu filatee ture;+ mana Yihudaa keessaa immoo mana abbaa kootii filate;+ ilmaan abbaa kootii keessaa guutummaa Israaʼel irratti mootii na gochuuf na filate.+  Ilmaan hedduu Yihowaan naa kenne+ keessaa immoo, teessoo mootummaa Yihowaa irra taaʼee Israaʼeliin akka bulchuuf+ ilma koo Solomooniin filate.+  “Inni akkana naan jedheera: ‘Ani ilma koo godhee waanan isa filadhee fi abbaas waanan isaaf taʼuuf, mana koo fi mooraawwan koo kan naaf ijaaru ilma kee Solomooni.+  Akkuma inni amma gochaa jiru, ajajawwan koo fi heerawwan+ koo kutannoodhaan yoo eege, ani bara baraaf mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’+  Kanaafuu, ani guutummaa Israaʼel warra gumii Yihowaa taʼan durattii fi Waaqa keenya duratti akkana nan jedha: Isin biyyattii ishii gaarii akka dhaaltanii+ fi dhaala bara baraa gootanii ilmaan keessan warra isin booda dhufaniif akka dabarsitaniif, ajajawwan Waaqa keessan Yihowaa hundumaa of eeggannoodhaan eegaa, akkasumas barbaadaa.  “Atis Solomoon yaa ilma koo, Yihowaan garaa hundumaa waan qoruu+ fi yaadaa fi fedhii hundumaa waan hubatuuf,+ Waaqa abbaa keetii beeki; garaa guutuu*+ fi lubbuu* gammachuu qabuun* isa tajaajili. Ati yoo isa barbaadde innis siif ni argama;+ yoo isa dhiiste garuu innis bara baraaf si dhiisa.+ 10  Ammas Yihowaan mana iddoo qulqulluu isaaf taʼu akka ijaartu si filachuu isaa beeki. Onnataa taʼi; hojichas jalqabi.” 11  Achiis Daawit pilaanii+ ijaarsa barandaa+ sanaa fi kutaawwan manichaa, kutaawwan mana kuusaa, kutaawwan baaxii irraa, kutaawwan warra keessaa fi mana qadaadni araaraa+ keessa kaaʼamuu* ilma isaa Solomooniif ni kenne. 12  Innis pilaanii ijaarsaa isa hafuuraan isaaf kenname hundumaa, jechuunis mooraawwan+ mana Yihowaa, kutaawwan nyaataa manichatti marsanii jiran hundumaa, manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa fi manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii*+ isaaf ni kenne; 13  kana malees, gareewwan lubootaa+ fi Leewwotaa, hojiiwwan tajaajila mana Yihowaatti hojjetaman hundumaa fi miʼawwan tajaajila mana Yihowaatiif oolan hundumaa ilaalchisee qajeelfama isaaf ni kenne; 14  akkasumas, inni ulfaatina warqii miʼawwan warqii hundumaa kanneen tajaajila adda addaatiif oolanii fi ulfaatina meetii miʼawwan hundumaa kanneen tajaajila adda addaatiif oolanii isatti ni hime; 15  kana malees, ulfaatina baattuuwwan ibsaa+ warqii fi ibsaawwan warqii, akkasumas ulfaatina baattuuwwan ibsaa meetii fi ibsaawwan meetii garaa garaa isatti ni hime; 16  akkasumas, ulfaatina warqii tokkoon tokkoon minjaalaa isa daabboo wal irra tuulamuuf*+ barbaachisu, akkasumas meetii minjaalota meetiitiif barbaachisu isatti ni hime; 17  ulfaatina shukkaawwan, saaniiwwan golboo fi okkoteewwan warqii qulqulluu irraa hojjetamaniif, akkasumas ulfaatina tokkoon tokkoon saaniiwwan golboo xixinnoo warqii irraa hojjetamanii+ fi ulfaatina tokkoon tokkoon saaniiwwan golboo xixinnoo meetii irraa hojjetamaniif barbaachisu isatti ni hime. 18  Dabalataanis inni ulfaatina warqii qulqulluu iddoo aarsaa ixaanaa+ fi bifa gaarii fardaa,+ jechuunis kiruubelota+ warqii warra qoochoowwan* isaanii diriirsanii taabota kakuu Yihowaa uwwisaniif barbaachisu isaaf ni kenne. 19  Daawitis, “Harki Yihowaa ana irra ture; inni guutummaa pilaanii ijaarsaa+ sana tokko tokkoon akkan barreessuuf hubannaa naaf kenne” jedhe.+ 20  Achiis Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe: “Onnadhu, cimi; hojichas jalqabi. Waaqni koo Yihowaan sii wajjin waan jiruuf, hin sodaatin yookiin hin jeeqamin.+ Hojiin ijaarsa mana Yihowaa guutummaatti hamma xumuramutti inni sii wajjin ni taʼa malee, si hin dhiisu; si hin gatus.+ 21  Gareewwan lubootaa+ fi Leewwotaa+ warri tajaajila mana Waaqa dhugaa keessatti hojjetamu hundumaa hojjetan kunoo ti. Hojjettoota tajaajila raawwatamu hunda hojjechuuf fedhii fi dandeettii qaban qabda;+ kana malees, bulchitoonnii+ fi namoonni hundi qajeelfama kee hundumaa ni raawwatu.”

Miiljaleewwan

Ykn., “garaa guutummaatti Waaqayyoof bulee.”
Ykn., “fedhii qabuun.”
Ykn., “mana araaraa.”
Ykn., “wantoota murteeffamanii.”
Jechuunis, daabboo ilaalchaatiif.
Jechuunis, goflaawwan.