Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa 3:1-24

  • Sanyiiwwan Daawit (1-9)

  • Mootota warra sanyii Daawit taʼan (10-24)

3  Ilmaan Daawit warri inni Kebroon keessatti dhalche kanneen kana turan:+ ilmi isaa inni angafaa Amnoon+ yeroo taʼu, haati isaa Ahinoʼaam+ ishii nama biyya Yezriʼel taate turte; ilmi isaa inni lammaffaan Daaniʼel yeroo taʼu, haati isaa Abigaayil+ ishii nama biyya Qarmeelos taate turte;  ilmi isaa inni sadaffaan Abishaalom+ ilma Maʼaakaa ture; ishiin intala Taalmaay isa mootii Geeshur taʼe sanaa ti; ilmi isaa inni arfaffaan Adoniyaa+ ilma Haagiit ture;  ilmi isaa inni shanaffaan Shefaatiyaa yeroo taʼu, haati isaa Abixaal turte; ilmi isaa inni jaʼaffaan Yitreʼaam yeroo taʼu, haati isaa Eglaa ishii haadha manaa Daawit taate turte.  Kanneen kun jaʼan warra inni Kebroon keessatti dhalche turan; inni waggaa 7 fi jiʼa 6f achitti ni bulche; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 33f ni bulche.+  Warri inni Yerusaalem keessatti dhalche kanneen kana turan:+ Shimeʼaa, Shoobaab, Naataanii+ fi Solomoon;+ haati ilmaan arfan kanaa Baat Sheebaa+ ishii intala Amiʼel taate turte.  Ilmaan isaa kan biroon salgan immoo, Yibhaar, Elishaamaa, Elifeelet,  Nogaa, Nefeeg, Yaafiʼaa,  Elishaamaa, Eliyaadaa fi Elifeelet turan.  Ilmaan saajjatoota isaa utuu hin dabalatin, kanneen kun hundi ilmaan Daawit turan; obboleettiin isaaniis Taamaar+ turte. 10  Ilmi Solomoon Rooboʼaam,+ ilmi Rooboʼaam Abiyaa,+ ilmi Abiyaa Aasaa,+ ilmi Aasaa Yoshaafaax,+ 11  ilmi Yoshaafaax Yooraam,+ ilmi Yooraam Akaaziyaa,+ ilmi Akaaziyaa Yoʼaas,+ 12  Ilmi Yoʼaas Amaaziyaa,+ ilmi Amaaziyaa Azaariyaa,+ ilmi Azaariyaa Yootaam,+ 13  ilmi Yootaam Akaaz,+ ilmi Akaaz Hisqiyaas,+ ilmi Hisqiyaas Minaasee,+ 14  ilmi Minaasee Amoon,+ ilmi Amoon Yosiyaas+ ture. 15  Ilmaan Yosiyaas inni angafaa Yohaanaan, inni lammaffaan Yehoyaaqiim,+ inni sadaffaan Zedeeqiyaa,+ inni arfaffaan Shaalum turan. 16  Ilmaan Yehoyaaqiim, ilma isaa Yikooniyaa+ fi ilma isaa Zedeeqiyaa turan. 17  Ilmaan Yikooniyaa isa hidhame sanaa, Saalaatiʼel, 18  Maalkiraam, Pedaayaa, Shenaazaar, Yeqaamiyaa, Hoshaamaa fi Nedaabiyaa turan. 19  Ilmaan Pedaayaa, Zarubaabelii+ fi Shimeʼii turan; ilmaan Zarubaabel, Meshulaamii fi Hanaaniyaa turan (Shelomiit obboleettii isaanii turte); 20  ilmaan isaa kan biroon shananis, Hashuubaa, Oheel, Berekiyaa, Hasaadiyaa fi Yuushaab Heseed turan. 21  Ilmaan Hanaaniyaa Pelaatiyaa fi Yeshaayaa turan; ilmi* Yeshaayaa Refaayaa ture; ilmi* Refaayaa Arnaan ture; ilmi* Arnaan Obaadiyaa ture; ilmi* Obaadiyaa Shekaaniyaa ture; 22  ilmaan Shekaaniyaa, Shemaayaa fi ilmaan Shemaayaa Haxuush, Yigʼaal, Baariyaa, Neʼaariyaa fi Shaafaat walumaa galatti jaʼa turan. 23  Ilmaan Neʼaariyaa sadan, Eliyoʼenaay, Hizqiyaa fi Azriqaam turan. 24  Ilmaan Eliyoʼenaay torban, Hodaawiyaa, Eliyaashiib, Pelaayaa, Aquub, Yohaanaan, Delaayaa fi Anaanii turan.

Miiljaleewwan

Kal., “ilmaan.”
Kal., “ilmaan.”
Kal., “ilmaan.”
Kal., “ilmaan.”