Tasalonqee Tokkoffaa 1:1-10

  • Nagaa dhaamuu (1)

  • Amantii warra Tasalonqeetiif galateeffachuu (2-10)

1  Phaawulos, Silwaanosii*+ fi Ximotewos+ irraa, gumii Tasalonqee warra Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii wajjin tokkummaa qabaniif: Gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.  Nuti kadhannaa keenya keessatti waaʼee hunda keessanii yommuu kaasnu, yeroo hunda Waaqayyoon ni galateeffanna;+  hojii isin amanamummaadhaan hojjettan, jaalalaan kakaatanii carraaqqii gochuu keessanii fi abdii Gooftaa Yesuus Kiristoos irratti qabdaniin+ kan kaʼe jabaattanii dhaabbachuu keessan, Waaqayyoo fi Abbaa keenya duratti yeroo hunda ni yaadanna.  Isin obboloonni Waaqayyo biratti jaallatamtan akka inni isin filate beekna;  sababiin isaas, misiraachoon nuti isiniif lallabne gara keessan kan dhufe humnaa fi hafuura qulqulluudhaan, akkasumas amantii cimaadhaan malee dubbii qofaan miti; nuti isiniif jennee akkamitti gidduu keessan akka jiraanne beektu.  Rakkinni hedduun+ yoo isin irra gaʼe iyyuu dubbicha gammachuu hafuura qulqulluu irraa argamuun waan fudhattaniif, fakkeenya keenyaa+ fi fakkeenya Gooftaa+ hordoftaniittu;  kanaan kan kaʼes, amantoota Maqedooniyaa fi Akaayaa keessa jiran hundumaaf fakkeenya taataniittu.  Dubbiin Yihowaa* isin biraa baʼee kan dhagaʼame Maqedooniyaa fi Akaayaa qofatti miti; kanaa mannaa, amantiin isin Waaqayyo irratti qabdan bakka hundumaatti odeeffameera;+ kanaafuu, nuti waan tokko illee dubbachuun nu hin barbaachisu.  Sababiin isaas, nuti jalqaba akkamitti akka isinii wajjin wal argine, isinis Waaqa isa jiraataa fi isa dhugaa akka garbaatti tajaajiluuf jecha akkamitti waaqolii tolfamoo+ keessan irraa gara Waaqayyootti akka deebitan isaanumti iyyuu yeroo hunda ni dubbatu; 10  kana kan gootanis Ilma isaa isa samii irraa dhufu,+ isa inni duʼaa kaasee fi dheekkamsa dhufu jalaa nu oolchu,+ jechuunis Yesuusiin eeggachuuf jettanii ti.

Miiljaleewwan

Siilaas jedhamees ni waamama.