Tasalonqee Tokkoffaa 3:1-13

  • Phaawulos Ateenaa utuu jiruu yaaddaʼe (1-5)

  • Ximotewos gabaasa nama jajjabeessu fide (6-10)

  • Warra Tasalonqeetiif kadhachuu (11-13)

3  Kana caalaa obsuu yommuu dadhabnu, kophaa keenya Ateenaa+ keessa turuun gaarii akka taʼe nutti dhagaʼame;  kanaafuu, amantii keessanitti akka isin cimsuu fi akka isin jajjabeessuuf obboleessa keenya Ximotewos+ isa misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsuuf tajaajilaa Waaqayyoo taʼe* ergine;  kunis namni kam iyyuu rakkoowwan kanaan akka hin raafamneefi.* Nuti rakkoowwan akkasii akka nu irra hin geenye gochuu akka hin dandeenye isinumti iyyuu beektu.+  Yeroo isinii wajjin turre, rakkinni akka nu irra gaʼu dursinee isinitti himaa turre; akkuma beektan wanti taʼes kanuma dha.+  Anis kana caalaa obsuu waanan dadhabeef, amanamoo taʼuu keessan beekuuf gara keessanitti isa nan erge;+ kana kanan godhes inni qoru+ sun hamma tokko isin qoree dadhabbiin keenya gatii dhabeera taʼa jedhee waanan yaadeefi.  Haa taʼu malee, Ximotewos ammuma isin biraa gara keenya dhufee,+ isin yeroo hunda jaalalaan akka nu yaadattanii fi akkuma nuti isin arguu yaannu, isinis nu arguu akka yaaddan, waaʼee amanamummaa keessanii fi waaʼee jaalala keessanii oduu gammachiisaa nutti himeera.  Kanaan kan kaʼes yaa obbolootaa, nuti dhiphina keenyaa* fi rakkina keenya hunda keessatti, sababii keessaniin, akkasumas amanamummaa isin argisiistaniin jajjabaanneerra.+  Sababiin isaas, isin walitti dhufeenya Gooftaa wajjin qabdaniin jabaattanii yoo dhaabbattan jireenyi keenya ni haareffama.*  Sababii keessaniin gammachuu guddaa Waaqa keenya duratti arganneef, waaʼee keessaniif Waaqayyoon ni galateeffanna. 10  Nuti qaamaan isin* arguu fi wanta amantii keessan jabeessuuf barbaachisu isiniif guutuuf,+ hamma nuuf dandaʼame halkanii fi guyyaa garaadhaa wawwaannaa dhiheessina. 11  Waaqni keenyaa fi Abbaan keenya, akkasumas Gooftaan keenya Yesuus gara keessan akka dhufnu karaa nuuf haa qajeelchan. 12  Kana malees, Gooftaan jaalala keessan haa baayʼisu; eeyyee, akkuma nuti isiniif goonu, jaalala waliifis taʼe, nama hundumaaf qabdan isiniif haa baayʼisu;+ 13  kunis yeroo Gooftaan keenya Yesuus qulqulloota isaa hundumaa wajjin argamutti,+ Waaqa keenyaa fi Abbaa keenya duratti qulqullummaadhaan mudaa kan hin qabne akka taataniif, inni garaa keessan akka cimsuufi.+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “Waaqayyoo wajjin hojjetu.”
Kal., “fudhatamneefi.”
Kal., “wantoota nu barbaachisanii.”
Kal., “ni jiraanna.”
Kal., “fuula keessan.”