Tasalonqee Tokkoffaa 5:1-28

  • Dhufaatii guyyaa Yihowaa (1-5)

    • “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” (3)

  • Dammaqinaan haa jiraannu, dandeettii yaaduu keenya haa eeggannu (6-11)

  • Gorsa (12-24)

  • Nagaa xumuraa (25-28)

5  Egaa yaa obbolootaa, waaʼee yeroowwanii fi waaʼee waqtiilee waan tokko illee isiniif barreessuun hin barbaachisu.  Guyyaan Yihowaa*+ akkuma hattuun halkaniin dhufutti+ akka dhufu isinumti iyyuu akka gaariitti beektu.  Yeroo isaan, “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhan, yeroo sanatti akkuma ciniinsuun dubartii ulfaa qabu, badiisni tasaa yeruma sana isaan irra gaʼa;+ isaan matumaa jalaa hin miliqan.  Isin garuu yaa obbolootaa, dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuu itti bariʼeetti tasa isin irra hin gaʼu;  sababiin isaas, hundi keessan ilmaan ifaa fi ilmaan guyyaa ti.+ Nuti kan halkaniis taʼe kan dukkanaa miti.+  Kanaafuu, akka warra kaanii rafuu dhiisnee+ dammaqinaan haa jiraannu,+ akkasumas dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu.+  Sababiin isaas, warri rafan halkaniin rafu; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu.+  Nuti warri kan guyyaa taane garuu, dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu; uffata qomaa* amantii fi jaalalaas haa uffannu; akkasumas abdii fayyinaa akka baarmeexaa sibiilaatti haa kaaʼannu;+  sababiin isaas, Waaqayyo kan nu filate dheekkamsaaf utuu hin taʼin, karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos fayyina akka argannuufi.+ 10  inni kan nuuf duʼe+ yoo jiraannes taʼe yoo duune, isaa wajjin akka jiraannuufi.+ 11  Kanaafuu, akkuma amma gochaa jirtan wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa.+ 12  Ammas yaa obbolootaa, warra isin gidduutti jabaatanii hojjetanii fi karaa Gooftaa isin geggeessan, akkasumas isin gorsan akka kabajjan isin gaafanna; 13  hojii isaaniitiin kan kaʼes jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa.+ Walii keessanii wajjin nagaa qabaadhaa.+ 14  Karaa biraa immoo yaa obbolootaa, warra seeraan ala deddeebiʼan akka akeekkachiistan,*+ warra dhiphatan* akka jajjabeessitan, warra dadhaban akka deggertan, hundumaattis obsa akka argisiistan+ isin gorsina. 15  Yeroo hunda walii keessaniifis taʼe namoota kaan hundumaaf wanta gaarii gochuuf carraaqaa malee, eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan akka hin deebisne of eeggadhaa.+ 16  Yeroo hunda gammadaa.+ 17  Yeroo hundumaa kadhadhaa.+ 18  Waan hundumaatiif galateeffadhaa.+ Kun karaa Kiristoos Yesuus fedhii Waaqayyo isiniif qabu dha. 19  Ibidda hafuuraa hin dhaamsinaa.+ 20  Raajii dubbatamu hin tuffatinaa.+ 21  Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa;+ wanta gaarii taʼe jabeessaa qabadhaa. 22  Hammina akaakuu hundumaa irraa fagaadhaa.+ 23  Waaqni nagaa ofuma isaatiin guutummaatti isin haa qulqulleessu. Yaa obbolootaa, guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos argamutti+ hafuurri keessan, lubbuun* keessanii fi qaamni keessan karaa hundumaan fayyaa taʼee mudaa malee haa eegamu. 24  Inni isin waame amanamaa dha; kanas dhuguma ni raawwata. 25  Yaa obbolootaa, nuuf kadhachuu keessan itti fufaa.+ 26  Dhungannaa qulqulluudhaan obboloota hunda nagaa gaafadhaa. 27  Xalayaan kun obboloota hundumaatiif akka dubbifamu maqaa Gooftaatiin isinan kadhadha.+ 28  Gaarummaa guddaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isinii wajjin haa taʼu.

Miiljaleewwan

Kun wanta akka gaachanaa qoma loltuu tokkoo miidhaa irraa eeguuf gargaaru dha.
Ykn., “gorsitan.”
Ykn., “warra abdii kutatan.” Kal., “warra lubbuu xinnoo.”
Ykn., “jireenyi.” Ibsa Jechootaa ilaali.