Ximotewos Tokkoffaa 3:1-16

  • Ulaagaalee ilaaltonni ol aanaan guutuu qaban (1-7)

  • Ulaagaalee tajaajiltoonni gumii guutuu qaban (8-13)

  • Iccitii qulqulluu Waaqayyoof buluu (14-16)

3  Dubbiin kun amanamaa dha: Namni ilaaltuu ol aanaa+ taʼuuf carraaqu hojii gaarii hawwa.  Kanaafuu, ilaaltuu ol aanaan himata irraa walaba kan taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, barsiifata madaalamaa kan qabu, sirriitti kan yaadu,*+ seera qabeessa, keessummaa kan simatu,+ barsiisuuf gaʼumsa kan qabu,+  kan hin machoofne,+ abbaa humnaa kan hin taane,* yaada ofiitti kan hin cichine,+ kan nama hin lolle,+ maallaqa kan hin jaallanne,+  ijoollee isaa kan ajajamanii fi amala gaarii kan qaban godhee guddisuudhaan haala gaariidhaan maatii isaa kan bulchu taʼuu qaba;+  (sababiin isaas, namni tokko maatii isaa akkamitti akka bulchu hin beeku taanaan, gumii Waaqayyoo akkamitti kunuunsuu dandaʼa?)  boonuudhaan of bokoksee murtiin Diyaabilos irratti murteeffame akka isa irra hin geenyeef dhiheenyatti kan amane taʼuu hin qabu.+  Kana malees, akka hin komatamnee* fi kiyyoo Diyaabilos keessatti akka hin kufneef namoota alaa birattis maqaa gaarii kan qabu taʼuu qaba.+  Haaluma wal fakkaatuun, tajaajiltoonni gumii itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu, arraba lamaan kan hin dubbanne,* daadhii wayinii hedduudhaaf kan hin bitamne, karaa sirrii hin taaneen buʼaa argachuuf kan hin sassanne,+  akkasumas qalbii qulqulluudhaan+ iccitii qulqulluu amantii jabeessanii kan eegan taʼuu qabu. 10  Kana malees, isaan gaʼumsa akka qaban ilaaluuf dura haa qoraman; achiis himata irraa walaba yoo taʼan+ tajaajiltoota taʼanii haa tajaajilan. 11  Haaluma wal fakkaatuun dubartoonni, itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu, maqaa namaa kan hin balleessine,+ barsiifata madaalamaa kan qabanii fi karaa hundumaa amanamoo kan taʼan taʼuu qabu.+ 12  Tajaajiltoonni gumii haadha manaa takkittii kan qaban, akkasumas ijoollee isaanii fi maatii isaanii haala gaariidhaan kan bulchan taʼuu qabu. 13  Sababiin isaas, dhiironni haala gaariidhaan tajaajilan ofii isaaniitiif maqaa gaarii qabaachuu, akkasumas amantii Kiristoos Yesuus irratti qaban bilisummaa guddaadhaan dubbachuu dandaʼu. 14  Yeroo dhihootti gara kee dhufuuf kanan abdadhu taʼus wantoota kana kanan siif barreesse, 15  tarii yoon ture maatii Waaqayyoo,+ jechuunis gumii Waaqa jiraataa isa utubaa fi deggertuu dhugaa taʼe keessatti akkamitti jiraachuu akka qabdu akka beektuufi. 16  Dhuguma iyyuu, iccitii qulqulluun Waaqayyoof buluu kun shakkii tokko malee guddaa dha: ‘Inni fooniin akka mulʼatu godhame,+ hafuuraan qajeelaa akka taʼe dubbatame,+ maleekotatti mulʼate,+ waaʼeen isaa saboota gidduutti lallabame,+ addunyaa keessatti itti amaname,+ akkasumas ulfinaan ol fudhatame.’

Miiljaleewwan

Ykn., “hubataa.”
Ykn., “kan nama hin rukunne.” Jechi Afaan Giriikii as irratti hojii irra oole karaa qaamaas taʼe dubbiidhaan nama rukutuu argisiisa.
Ykn., “salphifamnee.”
Ykn., “dubbiidhaan kan nama hin dogoggorsine.”