Yohaannis Tokkoffaa 3:1-24
3 Nuti ijoollee Waaqayyoo jedhamnee akka waamamnuuf+ Abbaan jaalala guddaa akkamii akka nutti argisiise ilaalaa!+ Dhuguma iyyuu nuti ijoollee isaa ti. Addunyaan Waaqayyoon hin beeku;+ nuunis kan hin beekne kanaafi.+
2 Obboloota jaallatamo, nuti amma ijoollee Waaqayyoo ti;+ taʼus, gara fuulduraatti maal akka taanu amma iyyuu hin mulʼifamne.+ Yommuu inni mulʼifamu akka isaa akka taanu beekna; sababiin isaas, yeroo sanatti dhuguma isa ni argina.
3 Akkuma inni sun qulqulluu taʼe, namni abdii kana isa irratti qabu hundis of qulqulleessa.+
4 Namni cubbuu hojjechuu amaleeffatu hundi seera cabsaa jira; cubbuun seera cabsuu dha.
5 Isinis inni kan mulʼifame cubbuu keenya balleessuuf+ akka taʼe beektu; isa keessa cubbuun hin jiru.
6 Namni isaa wajjin tokkummaadhaan jiraatu hundi cubbuu hojjechuu hin amaleeffatu;+ namni cubbuu hojjechuu amaleeffatu hundi isa hin argine yookiin isa hin beekne.
7 Yaa ijoolle, namni tokko illee isin hin dogoggorsin; akkuma inni sun qajeelaa taʼe, namni qajeelina hojjechuu amaleeffate qajeelaa dha.
8 Diyaabilos jalqabumaa kaasee* cubbuu hojjechaa waan jiruuf,+ namni cubbuu hojjechuu amaleeffatu kan Diyaabilosi. Ilmi Waaqayyoo kaayyoo kanaatiif, jechuunis hojii Diyaabilos diiguuf* mulʼifame.+
9 Namni Waaqayyo irraa dhalate hundi cubbuu hojjechuu hin amaleeffatu;+ sababiin isaas, namni akkasii sanyiin* Waaqayyoo isa keessa waan jiraatuu fi inni Waaqayyo irraa waan dhalateef+ cubbuu hojjechuu amaleeffachuu hin dandaʼu.
10 Ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Diyaabilos kanaan adda baafamanii beekamu: Namni qajeelina hojjechuu hin amaleeffannes taʼe obboleessa isaa hin jaallanne hundi kan Waaqayyoo miti.+
11 Ergaan jalqabaa kaasee dhageessan wal jaallachuu akka qabnu kan ibsu dha;+
12 akka Qaayin isa kan isa hamaa sanaa taʼee fi obboleessa isaa gara jabinaan ajjeese sanaa taʼuu hin qabnu.+ Inni obboleessa isaa kan ajjeese maaliifi? Hojiin isaa hamaa,+ kan obboleessa isaa immoo qajeelaa+ waan tureefi.
13 Yaa obbolootaa, addunyaan isin jibbuu isaatti hin dinqisiifatinaa.+
14 Nuti obboloota keenya waan jaallannuuf,+ duʼa irraa gara jireenyaatti akka darbine beekna.+ Namni jaalala hin qabne duʼa keessa jiraata.+
15 Namni obboleessa isaa jibbu hundi nama nama ajjeesu dha;+ namni nama ajjeesu hundi immoo jireenyi bara baraa isa keessa akka hin jiraanne beektu.+
16 Inni lubbuu isaa dabarsee waan nuu kenneef kanaan jaalala beekneerra;+ nutis obboloota keenyaaf lubbuu keenya dabarsinee kennuuf dirqamni nu irra jira.+
17 Haa taʼu malee, namni qabeenya addunyaa kanaa qabu kam iyyuu obboleessi isaa utuu rakkatuu argee yoo garaa isaaf laafuu dide, jaalalli Waaqayyoo akkamitti isa keessa jiraata?+
18 Yaa ijoolle, dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin,+ hojii+ fi dhugaadhaan+ wal haa jaallannu.
19 Kanaan nuti kan dhugaa taʼuu keenya ni beekna, isa durattis garaa keenya ni tasgabbeessina;*
20 wanta garaan keenya nutti murteessu hundumaa irratti kana ni goona; sababiin isaas, Waaqayyo garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas beeka.+
21 Yaa obboloota jaallatamo, garaan keenya nutti hin murteessu yoo taʼe, Waaqayyo duratti bilisummaa dubbachuu ni qabaanna;+
22 ajajawwan isaa waan eegnuu fi wanta isa gammachiisu waan hojjennuuf, wanta isa gaafannu kam iyyuu isa irraa ni arganna.+
23 Eeyyee, ajajni isaa isa kana: kunis maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoos irratti amantii akka qabaannuu+ fi akkuma inni nu ajajetti akka wal jaallannu dha.+
24 Kana malees, namni ajajawwan isaa eegu kam iyyuu isaa wajjin tokkummaadhaan jiraata; innis nama akkasii wajjin tokkummaa ni qabaata.+ Hafuura inni nuu kenneenis, inni nuu wajjin tokkummaadhaan akka jiraatu beekna.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “balleessuuf.”
^ Ykn., “yeroo jalqabee kaasee.”
^ Jechuunis, sanyii wal horuu yookiin firii godhachuu dandaʼu.
^ Ykn., “ni amansiisna.”