Saamuʼel Lammaffaa 11:1-27

  • Ejja Daawit Baat Sheebaa wajjin raawwate (1-13)

  • Daawit Uuriyaa ajjeesisuuf haala mijeesse (14-25)

  • Daawit Baat Sheebaa fuudhe (26, 27)

11  Jalqaba waggichaatti,* yeroo mootonni duula dhaqanitti, Daawit Amoonota akka balleessaniif Yoʼaabii fi tajaajiltoota isaa, akkasumas guutummaa raayyaa waraanaa Israaʼel ni erge; isaanis Raabaatti+ marsan; yeroo kanatti Daawit Yerusaalem keessatti hafee ture.+  Daawit gaaf tokko galgala* siree isaa irraa kaʼee baaxii mana mootichaa* irra asii fi achi deddeebiʼaa ture. Baaxii manichaa irra utuu jiruu dubartii dhaqna dhiqachaa jirtu tokko arge; dubartittiin baayʼee bareedduu turte.  Daawitis waaʼee dubartittii akka gaafatuuf nama tokko ni erge; namichis, “Ishiin Baat Sheebaa+ intala Eliyaam+ haadha manaa Uuriyaa+ Heetichaa+ ti” jedhee isaaf deebise.  Achiis Daawit akka ishii fidaniif ergamtoota erge.+ Kanaafuu, ishiin gara isaatti ol seente; innis ishii wajjin ciise.+ (Kunis kan taʼe yeroo ishiin xuraaʼummaa* ishii irraa of qulqulleessaa turtetti dha.)+ Sana booda ishiin gara mana ishiitti deebite.  Dubartittiinis ni ulfoofte; sana booda, “Ani ulfaaʼeera” jettee gara Daawititti ergaa ergite.  Yeroo kanatti Daawit, “Uuriyaa Heeticha gara kootti ergi” jedhee Yoʼaabitti dhaame. Kanaafuu, Yoʼaab Uuriyaa gara Daawititti ni erge.  Uuriyaan yommuu gara isaa dhufu, Daawit waaʼee nageenya Yoʼaab, waaʼee nageenya loltootaa, akkasumas haalli waraanichaa maal akka fakkaatu isa gaafate.  Achiis Daawit Uuriyaadhaan, “Gara mana keetti gad buʼiitii boqodhu”* jedhe. Uuriyaan yommuu mana mootichaatii gad baʼu, kennaan gaarummaa mootichaa* isa duubaan ni ergameef.  Haa taʼu malee, Uuriyaan tajaajiltoota gooftaa isaa kaan hundumaa wajjin karra mana mootichaa dura rafe malee, gara mana isaatti gad hin buune. 10  Kanaafuu, “Uuriyaan gara mana isaatti gad hin buune” jedhanii Daawititti himan. Yeroo kanatti Daawit Uuriyaadhaan, “Reefuu karaadhaa dhufta mitii? Maaliif gara mana keetti gad hin buune?” jedhe. 11  Uuriyaanis, “Taabotichi,+ akkasumas Israaʼelii fi Yihudaan dunkaana keessa jiru; gooftaan koo Yoʼaabii fi tajaajiltoonni gooftaa kootiis dirree irra buufatanii jiru. Maarree, ani nyaachuu fi dhuguuf, akkasumas haadha manaa tiyyaa wajjin ciisuuf gara mana koo dhaquun qabaa?+ Lubbuu kee isa jiraataa taʼee fi siin nan kakadha, ani wanta kana hin godhu!” jedhee Daawitiif deebise. 12  Achiis Daawit Uuriyaadhaan, “Harʼas asuma turi; boru sin erga” jedhe. Kanaafuu, Uuriyaan guyyaa sanaa fi guyyaa itti aanu Yerusaalem keessa ni ture. 13  Achiis Daawit isaa wajjin akka nyaatuu fi akka dhuguuf nama itti ergee isa waamsise; akka inni machaaʼus ni godhe. Yommuu galgalaaʼu garuu, Uuriyaan tajaajiltoota gooftaa isaa wajjin siree isaa irra rafuuf baʼee deeme malee, gara mana isaatti gad hin buune. 14  Yommuu bariʼus Daawit Yoʼaabiif xalayaa barreessee harka Uuriyaatti isaaf erge. 15  Xalayaa sana irrattis, “Uuriyaa bakka lolli cimaan itti godhamutti toora fuulduraa irra dhaabbachiisi. Achiis akka inni rukutamee duʼuuf, isin isa duubaa baqadhaa” jedhee barreesse.+ 16  Yoʼaabis of eeggannoodhaan magaalattii ilaala ture; Uuriyaas bakka loltoonni jajjaboon akka jiran beeku dhaabbachiise. 17  Namoonni magaalattii yommuu gad baʼanii Yoʼaabii wajjin wal waraanan, tajaajiltoota Daawit keessaa tokko tokko ni kufan; Uuriyaan Heetichis warra duʼan keessaa tokko ture.+ 18  Yeroo kanatti Yoʼaab oduu waaʼee waraanichaa ibsu hundumaa Daawititti erge. 19  Innis ergamaa sana akkana jedhee ajaje: “Oduu waaʼee waraanichaa ibsu hundumaa mootichatti himtee yommuu xumurtu, 20  mootichi aaree akkana siin jedha taʼa: ‘Magaalattii waraanuuf maaliif baayʼee ishiitti dhihaattan? Dallaa gubbaa irraa xiyya akka isinitti darbatan hin beektanii? 21  Abimelek ilma Yerubesheet+ kan ajjeese eenyu?+ Dubartii takkatu dallaa gubbaa irraa majii itti darbatee Tebeezitti isa ajjeese mitii? Gara dallichaatti baayʼee kan dhihaattan maaliifi?’ Yeroo kanatti, ‘Tajaajilaan kee Uuriyaan Heetichis duʼeera’ isaan jedhi.” 22  Ergamtichis dhaqee wanta Yoʼaab akka inni dubbatu isa erge hundumaa Daawititti hime. 23  Ergamtichi, akkana jedhee Daawititti hime: “Namoonni isaanii humna nu caalan; nu loluufis gara dirreetti nutti baʼan; nuti garuu ariinee gara balbala karra magaalattiitti isaan deebisne. 24  Warri xiyya darbatanis dallicha gubbaa irraa tajaajiltoota keetti xiyya darbatu turan; tajaajiltoota mootichaa keessaa tokko tokkos ni duʼan; tajaajilaan kee Uuriyaan Heetichis ni duʼe.”+ 25  Yeroo kanatti Daawit ergamaa sanaan, “Yoʼaabiin, ‘Goraadeen isa kanas taʼe isa sana waan nyaatuuf, dhimmi kun si hin yaaddessin. Waraana magaalattii irratti gootu caalaatti finiinsiitii toʼannaa jala ishii galfadhu’+ jedhi. Atis isa jajjabeessi” jedhe. 26  Haati manaa Uuriyaa abbaan manaa ishii Uuriyaan duʼuu isaa yommuu dhageessu, abbaa manaa ishiitiif gadduu jalqabde. 27  Yeroon gaddaa sun akkuma xumurameen, Daawit nama ishiitti ergee gara mana isaatti ishii fudhate; ishiinis haadha manaa isaa taate;+ ilmas isaaf ni deesse. Haa taʼu malee, Yihowaan wanta Daawit godhetti baayʼee gadde.*+

Miiljaleewwan

Jechuunis, tibba arfaasaatti.
Ykn., “gara galgalaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Tarii xuraaʼummaa laguu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Kal., “miila kee dhiqadhu.”
Ykn., “gaʼeen mootichaa.” Kun, gaʼee namni keessummeessu tokko keessummaa kabajamaa taʼeef ergu argisiisa.
Kal., “wanti Daawit godhe ija Yihowaa duratti hamaa ture.”