Mootota Lammaffaa 10:1-36

  • Yehuun maatii Ahaab fixe (1-17)

    • Yonaadaab Yehuu deggere (15-17)

  • Yehuun waaqeffattoota Baʼaal ajjeese (18-27)

  • Seenaa bulchiinsa Yehuu (28-36)

10  Ahaab+ Samaariyaa keessatti ilmaan 70 qaba ture. Kanaafuu, Yehuun akkana jechuudhaan xalayaawwan barreessee gara bulchitoota Yezriʼelitti, gara jaarsolii+ fi gara guddiftoota ijoollee Ahaab* warra Samaariyaa keessa jiranitti erge:  “Isin ilmaan gooftaa keessanii, gaariiwwan fardaa waraanaa, fardeen, magaalaa dallaa dhagaa qabduu fi meeshaawwan waraanaa of biraa qabdu. Amma xalayaan kun yommuu isin bira gaʼu,  ilmaan gooftaa keessanii keessaa isa hunda irra wayyuu fi gaʼumsa qabu* filadhaatii teessoo abbaa isaa irra kaaʼaa. Achiis mana gooftaa keessaniitiif lolaa.”  Isaan garuu baayʼee sodaatanii, “Kunoo, mootonni lama illee isa dura dhaabbachuu hin dandeenye;+ nuti akkamitti isa dura dhaabbachuu dandeenya ree?” jedhan.  Kanaafuu, ilaaltuun ol aanaa mana mootummaa,* bulchaan magaalattii, jaarsoliinii fi guddiftoonni sun, “Nuti tajaajiltoota kee ti; wanta ati nutti himte hundas ni raawwanna. Nuti eenyuun iyyuu mootii hin godhannu. Wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate hunda godhi” jedhanii Yehuutti dhaamsa ergan.  Achiis inni, “Isin kan koo yoo taatanii fi anaaf ajajamuuf fedhii yoo qabaattan, boru yeroo kanatti Yezriʼelitti mataa ilmaan gooftaa keessanii naa fidaa” jedhee yeroo lammataatiif xalayaa isaaniif barreesse. Yeroo kanatti ilmaan mootichaa 70ni namoota beekamoo magaalattii warra isaan guddisanii wajjin turan.  Akkuma xalayaan sun isaan gaʼeenis, isaan ilmaan mootichaa 70 fuudhanii gorraʼan;+ mataa isaaniis guuboo keessa kaaʼanii Yezriʼelitti isaaf ni ergan.  Namichi ergames ol seenee, “Isaan mataawwan ilmaan mootichaa fidaniiru” jedhee isatti hime. Innis, “Karra magaalattii irratti bakka lamatti isaan tuulaa; hamma ganamaattis achi haa turan” isaan jedhe.  Innis ganamaan baʼee namoota hunda dura dhaabbatee akkana jedhe: “Isin namoota qulqulluu* dha. Eeyyee, gooftaa koo irratti mariʼatee kan isa ajjeese ana dha;+ garuu isaan kana hunda kan ajjeese eenyu? 10  Kanaafuu, isin amma dubbii Yihowaa isa Yihowaan mana Ahaab irratti dubbate keessaa tokko illee utuu hin raawwatamin akka hin hafne* beekaa;+ Yihowaan wanta karaa tajaajilaa isaa Eeliyaas dubbate raawwateera.”+ 11  Kana malees, Yehuun warra mana Ahaab keessaa hafan hundumaa fi Yezriʼel keessa jiraatan, akkasumas namoota isaa warra beekamoo taʼan, michoota isaa fi luboota+ isaa hunda tokko illee utuu hin hambisin ni ajjeese.+ 12  Achiis inni kaʼee gara Samaariyaatti karaa isaa qajeele. Manni tiksitoonni rifeensa hoolotaa itti muran karicha irra jira ture. 13  Achittis Yehuun obboloota Akaaziyaa+ mootii Yihudaa argatee, “Isin eenyu?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Nuti obboloota Akaaziyaa ti; ilmaan mootichaa fi ilmaan haadha mootichaa hundi nagaa taʼuu isaanii gaafachuuf gad buʼaa jirra” isaan jedhan. 14  Innis yeruma sana, “Akkuma lubbuudhaan jiranitti isaan qabaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan akkuma lubbuudhaan jiranitti isaan qabanii boolla bishaanii mana tiksitoonni rifeensa hoolaa itti muran bira jirutti namoota 42 ni gorraʼan. Inni nama tokko illee hin hambisne.+ 15  Bakka sanaa yommuu deemus Yonaadaab+ ilma Reekaab+ argate; innis isaa wajjin wal arguuf dhufaa ture. Yehuunis erga nagaa isa gaafatee* booda, “Akkuma garaan koo garaa kee wajjin taʼe, garaan kee guutummaatti anaa wajjin jiraa?”* isaan jedhe. Yonaadaabis deebisee, “Eeyyee, sii wajjin jira” jedhe. Yehuunis, “Taanaan, harka kee naaf kenni” isaan jedhe. Kanaafuu, inni harka isaa isaaf ni kenne; innis harkisee gara gaarii fardaa sanaatti ol isa baase. 16  Achiis, “Anaa wajjin kottuutii, warra Yihowaa mormaniif akkan hin obsine* ilaali”+ isaan jedhe. Kanaafuu, isaan inni gaarii fardaa waraanaa isaatiin isaa wajjin akka deemu godhan.  17  Achiis inni gara Samaariyaa dhufee, akkuma Yihowaan karaa Eeliyaas dubbatee turetti+ mana Ahaab keessaa warra Samaariyaa keessatti hafan hunda hamma haxaaʼee balleessutti isaan rukute.+ 18  Kana malees, Yehuun namoota sana hunda walitti qabee akkana isaaniin jedhe: “Ahaab Baʼaaliin kan waaqeffate xinnuma ture;+ Yehuun garuu isa caalaa Baʼaaliin ni waaqeffata. 19  Kanaafuu, raajota Baʼaal+ hundumaa, waaqeffattoota isaa hundumaa fi luboota+ isaa hundumaa naaf waamaa. Ani Baʼaaliif aarsaa guddaa waanan dhiheessuuf, namni tokko illee akka hin hafne. Namni hafu kam iyyuu lubbuudhaan hin jiraatu.” Haa taʼu malee, Yehuun akkana kan jedhe malaan waaqeffattoota Baʼaal balleessuuf jedhee ti. 20  Yehuunis itti fufuudhaan, “Baʼaaliif walgaʼii qulqulluu labsaa” jedhe. Kanaafuu, isaan walgaʼii qulqulluu ni labsan. 21  Sana booda Yehuun guutummaa Israaʼelitti dhaamsa erge; waaqeffattoonni Baʼaal hundis ni dhufan. Namni utuu hin dhufin hafe tokko illee hin turre. Isaanis gara mana* Baʼaalitti+ seenan; manni Baʼaalis qarqara gar tokkoo hamma qarqara isa kan biraatti guutee ture. 22  Innis namicha mana uffataa irratti itti gaafatamaa taʼeen, “Waaqeffattoota Baʼaal hundumaatiif uffata baasi” jedhe. Kanaafuu, inni uffata isaaniif ni baase. 23  Achiis Yehuunii fi Yonaadaab+ ilmi Reekaab gara mana Baʼaalitti seenan. Innis waaqeffattoota Baʼaaliin, “Waaqeffattoota Baʼaal qofa malee, waaqeffattoota Yihowaa keessaa tokko illee akka as hin jirre of eeggannoodhaan ilaalaa” jedhe. 24  Dhuma irrattis isaan aarsaawwanii fi aarsaawwan gubaman dhiheessuuf ol seenan. Yehuunis namoota isaa 80 warra ala dhaabee ture sanaan, “Namoota ani harka keessanitti dabarsee kenne keessaa tokko illee yoo miliqe, bakka lubbuu isaa lubbuu keessantu iddoo buʼa” jedhe. 25  Yehuun aarsaa gubamu sana dhiheessee akkuma xumureen, eegdotaa* fi ajajjoota raayyaa waraanaa sanaan, “Ol seenaatii isaan ajjeesaa! Namni tokko illee akka hin miliqne!”+ jedhe. Kanaafuu, eegdonnii fi ajajjoonni waraanaa sun goraadeedhaan isaan ajjeesanii alatti isaan darbatan; hamma mana qulqullummaa isa keessaa* isa mana Baʼaalitti argamuttis ol ni seenan. 26  Achiis siidaawwan waaqeffannaa+ mana Baʼaal gad baasanii tokko tokkoon ni guban.+ 27  Isaanis siidaa waaqeffannaa+ Baʼaalii fi mana Baʼaal+ diiganii mana boolii akka taʼu godhan; innis hamma harʼaatti akkuma kanaan jira. 28  Akka kanaan Yehuun Baʼaaliin Israaʼel keessaa ni balleesse. 29  Haa taʼu malee, Yehuun jabbilee warqii warra Beetelii fi warra Daan keessa turanii+ wajjin haala wal qabateen cubbuu Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe irraa hin deebine. 30  Kanaafuu Yihowaan Yehuudhaan, “Ati mana Ahaab irratti wantan garaa kootti yaade+ hunda gochuudhaan wanta gaarii fi wanta na duratti sirrii taʼe waan raawwatteef, ilmaan kee hamma dhaloota afuriitti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu”+ jedhe. 31  Haa taʼu malee, Yehuun garaa isaa guutuudhaan akka Seera Yihowaa Waaqa Israaʼelitti deemuuf of hin eegganne.+ Inni cubbuu Yeroboʼaam Israaʼelonni akka hojjetan godhe irraa hin deebine.+ 32  Bara sanatti Yihowaan suutuma suuta Israaʼeliin hirʼisuu jalqabe. Hazaaʼel guutummaa naannoo Israaʼel keessatti isaan ni rukuta ture;+ 33  guutummaa biyya Giiliyaad isa Yordaanos irraa kallattii bahaatti argamu isa Gaadonni, Ruubenonnii fi Minaasonni+ keessa jiraatan, akkasumas Aroʼer isa Sulula* Arnoon bira jiru irraa jalqabee hamma naannoo Giiliyaadii fi hamma Baashaanitti+ isaan ni rukute. 34  Seenaan Yehuu inni hafe hundi, wanti inni godhe hundii fi jabinni isaa hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 35  Achiis Yehuun abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis Samaariyaa keessatti isa awwaalan; ilmi isaa Yehoʼahaazis+ bakka isaa mootii taʼe. 36  Barri* Yehuun Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼee itti bulche waggaa 28 ture.

Miiljaleewwan

Kal., “guddiftoota Ahaab.”
Ykn., “qajeelaa taʼe.”
Kal., “manichaa.”
Ykn., “qajeeloo.”
Kal., “lafa irratti akka hin kufne.”
Ykn., “isa eebbisee.”
Kal., “qajeelaa dhaa?”
Ykn., “hinaaffaa ani Yihowaadhaaf qabu.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Kal., “fiigdota.”
Kal., “magaalaa,” ijaarsa bifa dahoo fakkaatu qabu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “Laga Gogaa.”
Kal., “Guyyoonni.”