Mootota Lammaffaa 12:1-21

  • Yoʼaas mootii Yihudaa (1-3)

  • Yoʼaas mana qulqullummaa haaresse (4-16)

  • Weerara warra Sooriyaa (17, 18)

  • Yoʼaas ni ajjeefame (19-21)

12  Yehuun+ mootii taʼee waggaa torbaffaa isaatti, Yoʼaas+ mootii ni taʼe; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 40f ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa yeroo taʼu, ishiin nama biyya Ber Sheebaa turte.+  Yoʼaas yeroo Yehoyaadaan lubichi isa barsiisaa ture hundatti, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe gochuu isaa itti fufe.  Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon+ hin balleeffamne turan; namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.  Yoʼaasis lubootaan akkana jedhe: “Maallaqa kennaa qulqulluu+ taʼee gara mana Yihowaatti fidamu hunda, jechuunis maallaqa namni tokko itti murame,+ maallaqa namni tokko akka kaffalu itti tilmaamamee fi maallaqa tokkoon tokkoon namaa garaan isaa akka isa kakaasetti gara mana Yihowaatti fidu hunda harkaa fuudhaa.+  Luboonnis ofuma isaaniitiin maallaqa warra maallaqicha kennan irraa fuudhanii manicha bakka miidhame* hunda haaressuuf itti fayyadamu.”+  Yoʼaas Mootichi mootii taʼee waggaa 23ffaa isaatti, luboonni amma iyyuu manicha bakka miidhame hin haaressine turan.+  Kanaafuu Yoʼaas Mootichi, Yehoyaadaa+ lubichaa fi luboota kaan waamee, “Manicha bakka miidhame maaliif hin haaressine? Kanaafuu, manicha haaressuuf hin oolu taanaan, namoota maallaqa kennan irraa kana booda maallaqa hin fudhatinaa” isaaniin jedhe.+  Yeroo kanatti luboonni sun kana booda namoota sana irraa maallaqa akka hin fudhannee fi manicha suphuuf itti gaafatamummaa akka hin fudhanne walii galan.  Sana booda Yehoyaadaan lubichi saanduqa+ tokko fuudhee qadaada isaa erga uree booda, iddoo aarsaa bira bakka namni tokko yommuu mana Yihowaatti ol seenu gara mirgaatiin argamu kaaʼe. Luboonni karra eegdota taʼuudhaan tajaajilanis maallaqa gara mana Yihowaatti fidame hunda achi keessa kaaʼu turan.+ 10  Barreessaan mootichaa fi lubni ol aanaan sun maallaqni hedduun saanduqicha keessa jiraachuu isaa yommuu argan hundatti, dhufanii maallaqa gara mana Yihowaatti fidame sana walitti ni qabu,* akkasumas ni lakkaaʼu turan.+ 11  Maallaqa lakkaaʼame sanas warra hojii mana Yihowaatti hojjetamaa jiru irratti muudamanitti kennu turan. Isaan immoo warra mana Yihowaatti anaaxota taʼanii fi hojii ijaarsaa hojjetaniif ni kaffalu turan;+ 12  warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa bocaniifis ni kaffalu turan. Kana malees, isaan maallaqicha mana Yihowaa isa miidhame sana haaressuuf saanqaawwanii fi dhagoota soofaman bituuf, akkasumas baasii manicha haaressuuf barbaachisu kaan hundaaf itti fayyadamu turan. 13  Haa taʼu malee, maallaqa gara mana Yihowaatti fidame keessaa tokko illee, miʼawwan bishaanii meetii irraa tolfaman, dhaamsituuwwan ibsaa, saaniiwwan golboo, malakatoota+ yookiin miʼa warqii yookiin miʼa meetii mana Yihowaatiif taʼu tokko illee hojjechuuf hin oolle.+ 14  Isaan maallaqicha warra hojii sana hojjetan qofaaf kennu turan; maallaqichaanis mana Yihowaa ni haaressan. 15  Isaan kan amanaman waan turaniif, namoota warra hojjettootaaf akka kennaniif maallaqa isaaniif kennan sana hin toʼatan turan.+ 16  Haa taʼu malee, maallaqni kennaawwan yakkaatiif+ kennamuu fi maallaqni kennaawwan cubbuutiif kennamu kan lubootaa+ waan taʼeef, gara mana Yihowaatti hin fidamu ture. 17  Hazaaʼel+ mootiin Sooriyaa Gaatiin+ waraanuuf kan ol baʼe yeroo kanatti ture; innis erga ishii qabatee booda Yerusaalemiin haleeluuf murteesse.*+ 18  Yeroo kanatti Yoʼaas mootiin Yihudaa kennaawwan qulqulluu warra abbootiin isaa Yoshaafaax, Yooraamii fi Akaaziyaan warri mootota Yihudaa turan qulqulleessanii turan hunda, akkasumas kennaawwan qulqulluu ofii isaa, warqii manneen qabeenyaa mana Yihowaa fi mana mootichaa keessatti argame hunda fudhatee Hazaaʼel mootii Sooriyaatiif ni erge.+ Kanaafuu, Hazaaʼel Yerusaalemiin waraanuu dhiisee deebiʼe. 19  Seenaan Yoʼaas inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 20  Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Yoʼaas isa irratti mariʼatanii+ daandii gara Siilaatti gad buusu irratti mana Koobiitti*+ isa ni ajjeesan. 21  Rukutanii kan isa ajjeesan tajaajiltoota isaa kan taʼan Yozaakaar ilma Shimeʼaatii fi Yehozaabaad ilma Shomeer turan.+ Isaanis Magaalaa Daawit keessatti abbootii isaa wajjin isa awwaalan; ilmi isaa Amaaziyaanis bakka isaa mootii taʼe.+

Miiljaleewwan

Ykn., “baqaqe.”
Ykn., “korojoo keessa kaaʼu.” Kal., “ni hidhu.”
Kal., “Yerusaalem irratti kaʼuuf fuula isaa qajeelche.”
Ykn., “Beet Miilootti.”