Mootota Lammaffaa 15:1-38

  • Azaariyaa mootii Yihudaa (1-7)

  • Mootota Israaʼel warra dhumaa: Zakkaariyaas (8-12), Shaalum (13-16), Menaahem (17-22), Peqaayaa (23-26), Peeqaa (27-31)

  • Yootaam mootii Yihudaa (32-38)

15  Yeroboʼaam* mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa 27ffaa isaatti, ilma Amaaziyaa+ mootii Yihudaa kan taʼe Azaariyaan*+ mootii taʼe.+  Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 16 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 52f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yikooliyaa yeroo taʼu, ishiin nama Yerusaalem turte.  Akkuma abbaan isaa Amaaziyaan godhe, innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+  Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan;+ namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+  Yihowaan mooticha ni rukute; inni hamma guyyaa duʼa isaatti dhukkuba nadaayiitiin+ qabamee ture; mana adda baafame tokko keessas kophaa isaa jiraate;+ yeroo kanatti ilmi mootichaa Yootaam+ manicha* irratti itti gaafatamaa taʼee namoota biyyattiitiif murtii kenna ture.+  Seenaan Azaariyaa+ inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii?  Achiis Azaariyaan abbootii isaa wajjin ni boqote;+ isaanis abbootii isaa wajjin Magaalaa Daawit keessatti isa awwaalan; ilmi isaa Yootaamis bakka isaa mootii taʼe.  Azaariyaan+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 38ffaa isaatti ilma Yeroboʼaam kan taʼe Zakkaariyaas+ Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; jiʼa jaʼaafis ni bulche.  Inni akkuma abbootiin isaa godhan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. Cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka raawwatan godhe irraas hin gorre.+ 10  Achiis Shaalum ilmi Yaabeesh isa irratti mariʼatee Yibleʼaamitti+ isa ajjeese.+ Erga isa ajjeesee boodas bakka isaa mootii taʼe. 11  Seenaan Zakkaariyaas inni hafe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera. 12  Kunis wanti Yihowaan, “Ilmaan kee hamma dhaloota afuriitti+ teessoo Israaʼel irra ni taaʼu” jedhee Yehuutti dubbate akka raawwatamu godheera.+ Wanti taʼes kanuma ture. 13  Ooziyaan+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 39ffaa isaatti Shaalum ilmi Yaabeesh mootii taʼe; Samaariyaa keessa taaʼees jiʼa tokko guutuudhaaf ni bulche. 14  Achiis Menaahem ilmi Gaadii Tirzaadhaa+ gara Samaariyaatti ol baʼee Samaariyaa keessatti Shaalum ilma Yaabeesh ni ajjeese.+ Erga isa ajjeesee boodas bakka isaa mootii taʼe. 15  Seenaan Shaalum inni hafee fi dabni inni qopheesse, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera. 16  Tifsaan karra ishii isaaf waan hin banneef, Menaahem Tirzaadhaa dhufee Tifsaa, warra ishii keessa turan hundumaa fi naannoo ishii kan rukute yeroo kanatti ture. Innis ishii ni rukute; dubartoota ulfaa achi keessa turanis garaa isaanii ni baqaqse. 17  Azaariyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 39ffaa isaatti, Menaahem ilmi Gaadii Israaʼel irratti mootii taʼe; Samaariyaa keessa taaʼees waggaa kudhaniif ni bulche. 18  Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. Bara isaa guutuus cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka raawwatan godhe hunda irraa hin gorre.+ 19  Puul+ mootiin Asoor gara biyyattiitti ni dhufe; mootummaa isaa cimsachuuf akka isa gargaaruuf Menaahem Puuliif meetii taalaantii* 1,000 ni kenne.+ 20  Menaahem meetii kana kan argate namoonni Israaʼel warri beekamoo fi sooreyyii taʼan akka kennan dirqisiisuudhaan ture.+ Innis tokkoon tokkoon isaanii meetii sheeqilii* 50 akka buusan godhee mootii Asooriif ni kenne. Achiis mootiin Asoor ni deebiʼe; biyyattii keessa turuus ni dhiise. 21  Seenaan Menaahem+ inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 22  Achiis Menaahem abbootii isaa wajjin ni boqote; ilmi isaa Peqaayaanis bakka isaa mootii taʼe. 23  Azaariyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 50ffaa isaatti, Peqaayaan ilmi Menaahem Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa lamaafis ni bulche. 24  Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe raawwachuu isaa ittuma fufe. Cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka raawwatan godhe irraas hin gorre.+ 25  Achiis ajajaan waraanaa isaa Peeqaan+ ilmi Remaaliyaa isa irratti mariʼatee, Samaariyaa keessatti masaraa mana mootichaa isa cimaa taʼe keessa utuu jiruu Argoobii fi Ariyee wajjin isa ni ajjeese. Namoonni Giiliyaad 50nis isaa wajjin turan; erga isa ajjeesee boodas bakka isaa mootii taʼe. 26  Seenaan Peqaayaa inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera. 27  Azaariyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 52ffaa isaatti ilma Remaaliyaa kan taʼe Peeqaan+ Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 20fis ni bulche. 28  Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka raawwatan godhe irraas hin gorre.+ 29  Bara Peeqaa mootii Israaʼelitti, Tiglaat Pileseer+ mootiin Asoor, Iyooniin, Abeel Beet Maʼaakaa,+ Yaanoʼaa, Qeedeshiin,+ Hazooriin, Giiliyaadii+ fi Galiilaa, jechuunis guutummaa biyya Niftaalem+ weeraree qabate; namoota achi jiraatanis boojiʼee gara Asooritti fudhate.+ 30  Achiis Hosheʼaan+ ilmi Eelaa, Peeqaa ilma Remaaliyaa irratti mariʼatee rukutee isa ajjeese; innis Yootaam+ ilmi Ooziyaa mootii taʼee waggaa 20ffaa isaatti bakka isaa mootii taʼe. 31  Seenaan Peeqaa inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera. 32  Peeqaan ilmi Remaaliyaa mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, Yootaam+ ilmi Ooziyaa+ mootii Yihudaa mootii ni taʼe. 33  Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 16f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yerushaa yeroo taʼu, ishiin intala Saadoq turte.+ 34  Akkuma abbaan isaa Ooziyaan godhe, innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+ 35  Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan; namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ Karra mana Yihowaa isa olii kan ijaare isa ture.+ 36  Seenaan Yootaam inni hafee fi wanti inni godhe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 37  Bara sanatti Yihowaan, Reezin mootii Sooriyaa fi Peeqaa+ ilma Remaaliyaa Yihudaa irratti ni erge.+ 38  Achiis Yootaam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit abbaa isaa keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame. Ilmi isaa Akaazis bakka isaa mootii taʼe.

Miiljaleewwan

“Yihowaan ni Gargaara” jechuu dha. Inni 2Mo 15:13; 2Se 26:1-23; Isa 6:1; fi Zak 14:5 irratti Ooziyaa jedhameera.
Yeroboʼaam Lammaffaa argisiisa.
Ykn., “mana mootummaa.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.