Mootota Lammaffaa 16:1-20

  • Akaaz mootii Yihudaa (1-6)

  • Akaaz Asoorotaaf mattaʼaa kenne (7-9)

  • Akaaz pilaanii iddoo aarsaa waaqeffannaa sobaa garagalfate (10-18)

  • Akaaz ni duʼe (19, 20)

16  Peeqaan ilmi Remaaliyaa mootii taʼee waggaa 17ffaa isaatti, Akaaz+ ilmi Yootaam mootii Yihudaa mootii ni taʼe.  Akaaz yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+  Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deeme;+ gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilma isaa illee ibiddaan ni gube.*+  Akkasumas, iddoowwan ol kaʼoo irratti,+ tabbawwan irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+ aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessa ture.  Reezin mootiin Sooriyaa fi Peeqaan ilmi Remaaliyaa mootiin Israaʼel, Yerusaalemiin waraanuuf kan ol baʼan yeroo kanatti ture.+ Isaan Akaazitti kan marsan taʼus magaalattii qabachuu hin dandeenye.  Yeroo sanatti Reezin mootiin Sooriyaa, Eelaatiin+ Edoomiif ni deebisiise; Yihudootas* Eelaat keessaa ni ariʼe. Edoomonnis Eelaatitti ni seenan; isaanis hamma harʼaatti ishii keessa jiraatu.  Kanaafuu Akaaz, “Ani tajaajilaa kee fi ilma kee ti. Kottuutii harka mootii Sooriyaa fi harka mootii Israaʼel warra na haleelaa jiran jalaa na oolchi” jedhee gara mootii Asoor Tiglaat Pileseeritti+ namoota erge.  Achiis Akaaz meetii fi warqii isa mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessa jiru fuudhee mootii Asooriif mattaʼaa erge.+  Mootiin Asooris gaaffii isaa kana fudhatee gara Damaasqootti ol baʼee ishii qabate; namoota ishiis boojiʼee gara Qiiritti+ geesse; Reeziniinis ni ajjeese.+ 10  Achiis Akaaz Mootichi Damaasqootti mootii Asoor Tiglaat Pileseeriin argachuuf deeme. Akaaz Mootichis iddoo aarsaa Damaasqoo keessa jiru yommuu argu, pilaanii iddoon aarsaa sun maal akka fakkaatuu fi akkamitti akka hojjetame argisiisu Uuriyaa lubichaaf ni erge.+ 11  Uuriyaan+ lubichis akkuma qajeelfama Akaaz Mootichi Damaasqoodhaa isaaf ergetti iddoo aarsaa sana ni ijaare.+ Uuriyaan lubichi Akaaz Mootichi Damaasqoodhaa deebiʼuu isaa dura iddoo aarsaa sana ijaaree xumure. 12  Mootichis yommuu Damaasqoodhaa deebiʼu iddoo aarsaa sana ni arge; achiis gara iddoo aarsaa sanaatti dhihaatee achi irratti aarsaawwan dhiheesse.+ 13  Iddoo aarsaa sana irrattis aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan midhaanii isaa akka aarfaman ni godhe; kana malees, inni aarsaawwan dhugaatii isaa ni dhangalaase; dhiiga aarsaawwan gamtaas achi irratti ni facaase. 14  Achiis iddoo aarsaa sibiila diimaa+ isa Yihowaa dura ture, manicha duraa iddoo isaatii, jechuunis iddoo aarsaa ofii isaa fi mana Yihowaa gidduudhaa kaasee, iddoo aarsaa ofii isaa irraa gara kaabaatiin ni kaaʼe. 15  Akaaz Mootichi akkana jedhee Uuriyaa+ lubicha ajaje: “Aarsaa gubamu isa ganamaa, aarsaa midhaanii isa galgalaa,+ aarsaa gubamu isa kan mootichaa, aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi aarsaawwan dhugaatii namoota hundumaa iddoo aarsaa isa guddaa irratti dhiheessi.+ Akkasumas, dhiiga aarsaawwan gubaman hundumaa fi dhiiga aarsaawwan kaanii hundumaa achi irratti facaasi. Iddoo aarsaa sibiila diimaa ilaalchisee immoo wanta godhamuu qabu nan murteessa.” 16  Uuriyaan lubichis wanta Akaaz Mootichi ajaje hunda ni raawwate.+ 17  Kana malees, Akaaz Mootichi cinaacha battee gaariiwwan+ sanaa ni kukkute, miʼawwan bishaanii sanas achi irraa ni kaase;+ Galaanichas qotiyyoowwan sibiila diimaa+ warra isa baatan sana irraa buusee dhagaa lafa irratti afame irra kaaʼe.+ 18  Iddoo golgamaa* manicha keessatti ijaarame isa guyyaa Sanbataatti itti fayyadaman, akkasumas karra isa alaa mootichi itti ol galu mana Yihowaatii kaasee bakka kan biraatti jijjiire; inni akkana kan godhe mootii Asooriin kan kaʼe dha. 19  Seenaan Akaaz inni hafee fi wanti inni godhe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ 20  Achiis Akaaz abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame; ilmi isaa Hisqiyaasis*+ bakka isaa mootii taʼe.

Miiljaleewwan

Kal., “ibidda keessa dabarse.”
Ykn., “namoota Yihudaas.”
Ykn., “Gaaddisa.”
“Yihowaan ni Jabeessa” jechuu dha.