Mootota Lammaffaa 18:1-37

  • Hisqiyaas mootii Yihudaa (1-8)

  • Seenaa kufaatii Israaʼel (9-12)

  • Senaaheriib Yihudaa weerare (13-18)

  • Raabshaaqichi Yihowaa arrabse (19-37)

18  Hosheʼaan+ ilmi Eelaa mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti, Hisqiyaas+ ilmi Akaaz+ mootii Yihudaa mootii ni taʼe.  Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Abii* yeroo taʼu, ishiin intala Zakkaariyaas turte.+  Akkuma abbaan isaa Daawit godhetti,+ innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+  Iddoowwan ol kaʼoo kan balleesse,+ siidaawwan waaqeffannaa kan caccabsee fi utubaa waaqeffannaa* kan mummure isa ture.+ Inni bofa sibiila diimaa isa Museen hojjete sanas ni caccabse;+ sababiin isaas, namoonni Israaʼel hamma yeroo sanaatti bofichaaf aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan; innis waaqa tolfamaa bofa sibiila diimaa* jedhama ture.  Inni Yihowaa Waaqa Israaʼelitti ni amaname;+ mootota Yihudaa warra isa boodas taʼe isa dura turan keessaa kan akka isaa hin turre.  Inni Yihowaatti ni maxxane.+ Isa duukaa buʼuu irraas hin gorre; ajajawwan Yihowaan Museedhaaf kenne ni eege.  Yihowaanis isaa wajjin ture. Wanta hojjetu hunda ogummaadhaan raawwata ture. Inni mootii Asoor irratti fincila ni kaase; isa tajaajiluus ni dide.+  Akkasumas, hamma Gaazaa fi hamma naannoowwan ishiitti deemuudhaan, masaraa eegumsaa irraa jalqabee hamma magaalaa dallaa dhagaa qabduutti* Filisxeemota+ ni moʼe.  Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jechuunis Hosheʼaan+ ilmi Eelaa mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa torbaffaa isaatti, Shaalmaanesar mootiin Asoor gara Samaariyaa dhufee ishiitti marsuu jalqabe.+ 10  Isaanis dhuma waggaa sadaffaatti ishii ni qabatan;+ Hisqiyaas mootii taʼee waggaa jaʼaffaa isaatti, jechuunis Hosheʼaan mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti Samaariyaan ni qabamte. 11  Achiis mootiin Asoor Israaʼelota boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan, Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa isaan qubachiise.+ 12  Kunis kan taʼe, isaan sagalee Waaqa isaanii Yihowaa waan hin dhageenyeef, akkasumas kakuu isaa isa Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isaan ajaje hunda waan cabsaniif ture.+ Isaan hin dhageenye; hin ajajamnes. 13  Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 14ffaa isaatti, Senaaheriib mootiin Asoor+ gara magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa dhufee isaan qabate.+ 14  Kanaafuu, Hisqiyaas mootiin Yihudaa, “Ani balleesseera. Ana irraa deebiʼi; wanta ati na gaafatte hunda siifan kenna” jedhee gara mootii Asoor isa Laakiishitti argamutti dhaamsa erge. Mootiin Asooris adaba meetii taalaantii* 300 fi warqii taalaantii 30 akka kaffalu Hisqiyaas mootii Yihudaatti murteesse. 15  Kanaafuu, Hisqiyaas meetii mana Yihowaa keessatti argamuu fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti argamu hunda isaaf ni kenne.+ 16  Yeroo kanatti Hisqiyaas balbaloota mana qulqullummaa+ Yihowaa fi maqaaniiwwan Hisqiyaas mootiin Yihudaa ofuma isaatii uwwise*+ buqqisee* mootii Asooriif ni kenne. 17  Achiis mootiin Asoor Taartaanicha,* Raabsaarisichaa* fi Raabshaaqicha* raayyaa waraanaa guddaa tokkoo wajjin Laakiish+ irraa gara Hisqiyaas Mooticha isa Yerusaalem keessa jiruutti ni erge.+ Isaanis gara Yerusaalemitti ol baʼanii boʼoo bishaan kuufamaa isa olii bira, jechuunis daandii guddaa isa gara maasii namicha uffata miiccuutti geessu bira dhaabbatan.+ 18  Akka gad baʼuuf yommuu mooticha waamanis, Eliyaaqiim+ ilmi Hilqiyaa inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan+ inni barreessaa taʼee fi Yoʼaan ilmi Asaaf inni barreessaa seenaa taʼe isaanitti gad ni baʼan. 19  Kanaafuu, Raabshaaqichi akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, Hisqiyaasiin akkana jedhaa: ‘Mootii isa guddaa kan taʼe mootiin Asoor akkana jedha: “Amanannaa akkanaa akka qabaattu kan si godhe maali dha?+ 20  Ati, ‘Ani tooftaa fi humna waraanaaf na barbaachisu qaba’ jetta; kun garuu dubbii gatii hin qabne dha. Ana irratti fincila kaasuuf kan onnatte, eenyutti amanattee ti?+ 21  Kunoo, ati deggersa Gibxii ishii shomboqqoo caccabaa taatee fi namni tokko yoo itti hirkate barruu isaa waraantu sanaatti amanatteetta.+ Faraʼoon mootiin Gibxii warra isatti amanatan hundumaatiif akkanuma dha. 22  Isin, ‘Nuti Waaqa keenya Yihowaatti amananna’+ yoo naan jettan garuu, Hisqiyaas Yihudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin sagaduu kan qabdan iddoo aarsaa Yerusaalem keessa jiru kana duratti dha’+ jedhee, iddoowwan ol kaʼoo fi iddoowwan aarsaa isaa diigeera mitii?”’+ 23  Kanaafuu, maaloo, amma gooftaa koo mootii Asoorii wajjin wal morkadhu: Ati namoota isaan gulufan argachuu yoo dandeesse, ani fardeen 2,000 siifan kenna.+ 24  Ati gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii argachuuf Gibxiitti amanattee utuu jirtuu, tajaajiltoota gooftaa kootii keessaa bulchaa isa hunda irra gad aanu tokko illee akkamitti of irraa deebisuu dandeessa? 25  Ishii balleessuuf gara naannoo kanaatti kanan ol baʼe heyyama Yihowaa malee sitti fakkaataa? Yihowaan iyyuu, ‘Gara biyya kanaatti ol baʼiitii ishii balleessi’ naan jedheera.” 26  Yeroo kanatti Eliyaaqiim ilmi Hilqiyaa, Shebnaanii+ fi Yoʼaan Raabshaaqichaan,+ “Nuti afaanicha waan dandeenyuuf, maaloo, Afaan Aaraamiin*+ nu tajaajiltoota keetti dubbadhu malee, afaan Yihudootaa isa namoonni dallicha irra jiran dhagaʼaniin nutti hin dubbatin” jedhan.+ 27  Raabshaaqichi garuu, “Gooftaan koo kan na erge, wanta kana gooftaa keettii fi sitti qofa akkan himuufii? Namoota dallicha irra taaʼan, warra isinii wajjin bobbaa isaanii nyaachuu fi fincaan isaanii dhuguuf jiran sanattis akkan dubbadhuuf mitii?” isaaniin jedhe. 28  Achiis Raabshaaqichi dhaabbatee sagalee isaa ol kaasee afaan Yihudootaatiin akkana jedhe: “Dubbii mootii Asoor, mooticha isa guddaa dhagaʼaa.+ 29  Mootichi akkana jedha: ‘Hisqiyaas harka koo jalaa isin oolchuu waan hin dandeenyeef, inni isin hin gowwoomsin.+ 30  Akkasumas Hisqiyaas, “Yihowaan dhugumaan nu oolcha; magaalaan kunis harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee Yihowaatti akka amanattan isin hin godhin. 31  Hisqiyaasiin hin dhagaʼinaa; mootiin Asoor akkana jedha: “Anaa wajjin nagaa uumaa; harka keessanis kennadhaa;* tokkoon tokkoon keessan muka wayinii ofii keessanii fi muka harbuu ofii keessanii irraa ni nyaattu; boolla bishaanii ofii keessanii keessaas ni dhugdu; 32  kunis, hamma ani dhufee biyya ishii akka biyya keessanii taatetti, biyya midhaanii fi biyya daadhii wayinii haaraatti, biyya daabboo fi biyya maasii wayiniitti, biyya mukeetii ejersaa fi biyya dammaatti isin geessutti ni taʼa. Isinis lubbuudhaan ni jiraattu malee hin duutan. Hisqiyaas, ‘Yihowaan nu oolcha’ jedhee waan isin dogoggorsuuf, isa hin dhagaʼinaa. 33  Waaqolii sabootaa keessaa biyya isaa harka mootii Asoor jalaa kan oolche jiraa? 34  Waaqoliin Hamaatii fi Arpaad meerre? Waaqoliin Sefaarwaayim, Heenaa fi Iiwaa meerre? Isaan Samaariyaa harka koo jalaa oolchaniiruu? 35  Waaqolii biyyoota kanaa hunda keessaa biyya isaa harka koo jalaa oolchuu kan dandaʼe eenyu? Maarree, Yihowaan akkamitti Yerusaalemiin harka koo jalaa oolchuu dandaʼa?”’” 36  Mootichi, “Deebii isaaf hin kenninaa” jedhee ajajee waan tureef, namoonni sun calluma jedhan; waan tokko illee isaaf hin deebisne. 37  Haa taʼu malee, Eliyaaqiim ilmi Hilqiyaa inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan inni barreessaa taʼee fi Yoʼaan ilmi Asaaf inni barreessaa seenaa taʼe uffata isaanii tarsaasanii gara Hisqiyaas dhufanii wanta Raabshaaqichi jedhe isatti himan.

Miiljaleewwan

Maqaan Abiyaa gabaabaatti yommuu barreeffamu dha.
Ykn., “Nehushtaan.”
Jechuunis, bakka namoonni wal irraa faffacaʼanii itti jiraatanittis taʼe heddumminaan keessa jiraatan hundatti.
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “kutee.”
Jechuunis, warqiidhaan uwwise.
Ykn., “ajajaa sana.”
Ykn., “abbaa taayitaa mana mootummaa isa ol aanaa.”
Ykn., “ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “Sooriyaatiin.”
Kal., “Anaa wajjin eebbisaa, gara koottis baʼaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”