Mootota Lammaffaa 19:1-37

  • Hisqiyaas karaa Isaayyaas gargaarsa Waaqayyoo barbaade (1-7)

  • Senaaheriib Yerusaalemiin doorsise (8-13)

  • Kadhannaa Hisqiyaas (14-19)

  • Isaayyaas deebii Waaqayyo kenne dubbate (20-34)

  • Maleekaan tokko Asoorota 185,000 ajjeese (35-37)

19  Hisqiyaas Mootichi akkuma kana dhagaʼeen uffata isaa tarsaasee, uffata gaddaas uffatee gara mana Yihowaa dhaqe.+  Achiis inni, Eliyaaqiim inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan inni barreessaa taʼee fi jaarsoliin lubootaa uffata gaddaa uffatanii gara Isaayyaas+ ilma Amooz akka dhaqan isaan erge.  Isaanis akkana isaan jedhan: “Hisqiyaas akkana jedha: ‘Guyyaan kun guyyaa dhiphinaa, guyyaa ifannaa* fi guyyaa salphinaa ti; nuti akkuma dubartii daʼuu jala geessee* ciniinsifachuuf humna dhabdee taaneerra.+  Tarii Waaqni kee Yihowaan dubbii Raabshaaqichi inni mootiin Asoor gooftaan isaa Waaqa jiraataa akka arrabsuuf erge sun dubbate hunda ni dhagaʼa taʼa;+ akkasumas dubbii Waaqni kee Yihowaan dhagaʼe sanaaf isa ni gaafata taʼa. Kanaafuu, namoota asitti hafaniif kadhannaa dhiheessi.’”+  Tajaajiltoonni Hisqiyaas Mootichaas gara Isaayyaasitti ni seenan;+  Isaayyaasis akkana isaaniin jedhe: “Gooftaa keessaniin akkana jedhaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Dubbii dhageesseen, dubbii isa tajaajiltoonni mootii Asoor ittiin na arrabsan+ sanaan kan kaʼe hin sodaatin.+  Kunoo, ani sammuu isaa keessa yaada tokko* nan kaaʼa; innis oduu tokko dhagaʼee gara biyya isaatti ni deebiʼa; anis akka inni biyyuma isaatti goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.”’”+  Raabshaaqichis mootiin Asoor Laakiishiin+ dhiisee deemuu isaa yommuu dhagaʼu gara isaatti ni deebiʼe; utuu Libnaa waraanaa jiruus isa argate.+  Mootichis yeroo kanatti waaʼee Tirhaaqaa mootii Itoophiyaa, “Kunoo, inni sii wajjin wal waraanuuf baʼeera” jedhamuu isaa dhagaʼe. Kanaafuu, inni ammas akkana jedhee gara Hisqiyaasitti namoota erge:+ 10  “Hisqiyaas isa mootii Yihudaa taʼeen akkana jedhaa: ‘Waaqni kee inni amanattu, “Yerusaalem harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee si hin gowwoomsin.+ 11  Kunoo, ati mootonni Asoor biyyoota sana hunda balleessuudhaan wanta isaan irratti raawwatan dhageesseetta.+ Ati qofti kan ooltu sitti fakkaataa? 12  Saboonni warri abbootiin koo balleessan sun waaqoliin isaanii isaan oolchaniiruu? Goozaan, Kaaraan,+ Rezeefii fi namoonni Eedan warri Tel Asaar keessa turan meerre? 13  Mootiin Hamaat, mootiin Arpaad, mootiin magaalota Sefaarwaayim, mootiin Heenaa fi mootiin Iiwaa+ meerre?’” 14  Hisqiyaasis xalayaawwan sana harka namoota ergaman sanaa irraa fuudhee dubbise. Achiis gara mana Yihowaatti ol baʼee xalayaawwan sana Yihowaa duratti diriirse.+ 15  Sana booda Hisqiyaas akkana jedhee Yihowaa duratti kadhachuu jalqabe:+ “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, isa kiruubelotaa+ olitti* teessoo irra teessu, mootummoota lafaa hundaaf Waaqni dhugaan si qofa dha.+ Ati samii fi lafa uumteetta. 16  Yaa Yihowaa, gurra kee as qabii dhagaʼi!+ Yaa Yihowaa, ija kee banii ilaali!+ Dubbii Senaaheriib Waaqa jiraataatti qoosuuf erge dhagaʼi. 17  Yaa Yihowaa, mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii akka balleessan beekamaa dha.+ 18  Waaqolii isaaniis ibidda keessatti gataniiru; sababiin isaas, isaan mukaa fi dhagaa warra hojii harka namaa+ taʼan malee waaqolii hin turre.+ Isaan balleessuu kan dandaʼanis kanaafi. 19  Amma garuu yaa Waaqa keenya Yihowaa, mootummoonni lafa irraa hundi ati qofti Waaqa taʼuu kee akka beekaniif, maaloo yaa Yihowaa, harka isaa jalaa nu oolchi.”+ 20  Achiis Isaayyaas ilmi Amooz akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Senaaheriib mootii Asooriin ilaalchisee+ kadhannaa ati gara kootti dhiheessite dhagaʼeera.+ 21  Dubbiin Yihowaan isa irratti dubbate kana dha: “Intalli Xiyoon ishiin durba taate si tuffatti, sitti qoosti. Intalli Yerusaalem mataa sitti raasti. 22  Ati kan itti qoostee fi kan arrabsite eenyuuni?+ Sagalee kee kan ol kaaste eenyu irratti?+ Of jajuudhaanis kan ilaalte eenyuuni? Isa Qulqulluu kan Israaʼeli!+ 23  Ati karaa ergamtoota+ keetii Yihowaatti qoostee+ akkana jette:‘Gaariiwwan fardaa waraanaa koo hedduu taʼaniinGara ol dheerina gaarotaatti,Gara iddoowwan fagoo Libaanonittis ol nan baʼa. Gaattiraawwan ishii dhedheeroo taʼanii fi mukeetii birbirsaa ishii filatamoo taʼan nan mura. Dahoowwan ishii warra fagoo taʼanii fi bosonawwan ishii warra gobbatan keessa nan seena. 24  Ani boollawwan bishaanii qotee bishaanota ormaa nan dhuga;Burqaawwan* Gibxii hunda faana miila kootiin nan gogsa.’ 25  Ati hin dhageenyee? Kun yeroo dheeraa dura murteeffameera.*+ Bara duriitii jalqabee ani kana qopheesseera.+ Amma kun akka raawwatamu nan godha.+ Atis magaalota dallaa dhagaa qaban tuullaa diiggaa ni goota.+ 26  Jiraattonni isaanii gargaarsa kan hin qabne taʼu;Isaan ni sodaatu, ni qaanaʼus. Isaan akka biqiltuu dirree irraa fi akka marga lalisaa,+Akka marga baaxii irratti biqilee bubbee bahaatiin waxalamees ni taʼu. 27  Ani garuu ati yoom akka teessu, yoom akka gad baatuu fi yoom akka ol seentu,+Akkasumas yoom akka anatti dheekkamte akka gaariitti nan beeka;+ 28  Sababiin isaas, natti dheekkamuun+ kee fi iyyi kee gurra koo gaʼeera.+ Kanaafuu, funyaan keetti hookkoo koo, afaan keettis luugama+ koo nan galcha;Karaa irra dhufteenis akka deebitu nan godha.”+ 29  “‘Kunis mallattoo siif* ni taʼa: Waggaa kanatti isa ofii isaatiin biqile* ni nyaattu; waggaa lammaffaatti midhaan isa irraa late ni nyaattu;+ waggaa sadaffaatti garuu, sanyii ni facaafattu; ni haammattus; mukeetii wayiniis dhaabdanii firii isaanii ni nyaattu.+ 30  Mana Yihudaa keessaa warri miliqanii fi warri hafan+ gara gadiitti hidda ni dheereffatu; gara oliittis firii ni godhatu. 31  Warri hafan Yerusaalem keessaa, warri oolanis Gaara Xiyoon keessaa ni baʼu. Hinaaffaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa kana ni godha.+ 32  “‘Kanaafuu, Yihowaan mootii Asooriin ilaalchisee akkana jedha:+ “Inni magaalaa kanatti hin seenu+Yookiin ishiitti xiyya hin futtaasuYookiin gaachana qabatee ishiitti hin dhufuYookiin ishiitti marsuuf naannoo ishiitti biyyoo hin tuulu.+ 33  Inni karuma dhufe irra ni deebiʼa;Magaalaa kanattis hin seenu” jedha Yihowaan. 34  “Ani ofii kootii+ fi tajaajilaa koo Daawitiif jedhee+Magaalaa+ kana nan eega; ishiis nan oolcha.”’” 35  Halkanuma sanattis maleekaan Yihowaa tokko gad baʼee buufata Asoorotaa keessatti namoota 185,000 ni ajjeese.+ Namoonnis ganama barii yommuu kaʼan, reeffawwan sana hundumaa ni argan.+ 36  Kanaafuu, Senaaheriib mootiin Asoor bakka sana gadhiisee deeme; gara Nanawweetti+ deebiʼees achi taaʼe.+ 37  Utuma inni mana* waaqa isaa Nisrookitti sagadaa jiruus ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer goraadeedhaan isa ajjeesanii+ gara biyya Araaraatitti+ baqatan. Ilmi isaa Eesaar Hadoonis+ bakka isaa mootii taʼe.

Miiljaleewwan

Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “arrabsoo.”
Kal., “akkuma dubartii daaʼimni afaan gadameessaa bira gaʼee.”
Kal., “hafuura tokko isa keessa.”
Ykn tarii, “kiruubelota gidduu.”
Ykn., “Boʼoowwan Abbayyaa.”
Kal., “raawwatameera.”
Ykn., “firii midhaanii harcaʼee biqile.”
Jechuunis, Hisqiyaasiif.
Ykn., “mana qulqullummaa.”