Mootota Lammaffaa 20:1-21

  • Hisqiyaas ni dhukkubsate, ni fayyes (1-11)

  • Ergamoota Baabilonii dhufan (12-19)

  • Hisqiyaas ni duʼe (20, 21)

20  Bara sanatti Hisqiyaas dhukkubsatee duʼa jala gaʼee ture.+ Isaayyaas raajichi ilmi Amooz dhufee, “Yihowaan akkana jedha: ‘Ati ni duuta malee hin fayyitu; kanaafuu, maatii keetiif qajeelfama kenni’”+ isaan jedhe.  Yeroo kanatti Hisqiyaas fuula isaa gara girgiddaatti garagalchee akkana jedhee Yihowaa kadhachuu jalqabe:  “Maaloo yaa Yihowaa, amanamummaa fi garaa guutuudhaan akkamitti si duratti akkan deddeebiʼe, si duratti wanta gaarii taʼe akkan raawwadhes akka yaadattu sin kadhadha.”+ Achiis Hisqiyaas hirqinfatee booʼuu jalqabe.  Isaayyaas mooraa isa gidduu bira gaʼuu isaa dura dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara isaa ni dhufe:+  “Gara Hisqiyaas isa geggeessaa saba kootii taʼetti deebiʼiitii akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan inni Waaqa Daawit abbaa keetii taʼe akkana jedha: “Kadhannaa kee dhagaʼeera. Imimmaan kees argeera.+ Kunoo, sin fayyisa.+ Guyyaa sadaffaatti gara mana Yihowaatti ol ni baata.+  Umurii* kee irratti waggaa 15 siifan dabala; siinis taʼe magaalaa kana harka mootii Asoor jalaa nan oolcha;+ ofii kootii fi tajaajilaa koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega.”’”+  Achiis Isaayyaas, “Bixxillee harbuu gogaa tokko fidaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan fidanii dhiitoo sana irra ni kaaʼan; innis suutuma suutaan ni fayye.+  Hisqiyaas, “Yihowaan akka na fayyisuu fi guyyaa sadaffaatti gara mana Yihowaatti akkan ol baʼu mallattoon argisiisu maali dha?”+ jedhee Isaayyaasiin gaafatee ture.  Isaayyaasis deebisee, “Mallattoon Yihowaa biraa dhufee fi Yihowaan wanta dubbate akka raawwatu argisiisu kana dha: Gaaddidduun kortoo* irra jiru tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti akka deemu moo tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiʼu barbaadda?” isaan jedhe.+ 10  Hisqiyaasis, “Gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti deemuun isaa salphaa dha; tarkaanfii kudhan gara duubaatti deebiʼuun isaa garuu salphaa miti” jedhe. 11  Kanaafuu, Isaayyaas gara Yihowaatti ni iyye; innis gaaddidduun kortoo Akaaz irra jiruu fi gad buʼee ture sun, tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiʼu godhe.+ 12  Yeroo sanatti mootiin Baabilon, Beroodaakbaalaadaan ilmi Baalaadaan Hisqiyaas dhukkubsatee akka ture waan dhagaʼeef xalayaa fi kennaa isaaf ni erge.+ 13  Hisqiyaasis namoota ergaman sana simatee* guutummaa mana qabeenyaa isaa, jechuunis meeticha, warqicha, zayitii baalsaamii* fi zayitii gatii guddaa qabu kan biraa, mana kuusaa meeshaa waraanaa isaa, akkasumas wanta manneen qabeenyaa isaa keessa jiru hundumaa isaanitti argisiise.+ Hisqiyaas wanta mana isaa* keessa jiruu fi wanta bulchiinsa isaa keessa jiru hundumaa keessaa wanti inni isaanitti hin argisiisne tokko illee hin turre. 14  Sana booda Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas Mootichaatti seenee, “Namoonni kun maal jedhan? Eessaa dhufan?” jedhee isa gaafate. Hisqiyaasis, “Biyya fagoodhaa, jechuunis Baabilonii dhufan” isaan jedhe.+ 15  Itti aansuudhaanis, “Isaan mana* kee keessatti maal argan?” jedhee isa gaafate. Hisqiyaasis, “Wanta mana* koo keessa jiru hunda arganiiru. Manneen qabeenyaa koo keessaa wanti ani isaanitti hin argisiisne tokko illee hin jiru” jedhee isaaf deebise. 16  Yeroo kanatti Isaayyaas Hisqiyaasiin akkana jedhe: “Dubbii Yihowaa dhagaʼi;+ 17  ‘Kunoo, guyyaan wantoonni mana kee keessa jiran hundii fi wantoonni abbootiin kee hamma harʼaatti kuufatan hundi gara Baabilonitti itti geeffaman ni dhufa.+ Wanti tokko illees hin hafu’ jedha Yihowaan. 18  ‘Ilmaan kee warra ati dhalchitu keessaa tokko tokkos ni fudhatamu;+ mana mootummaa mootii Baabilon keessattis abbootii taayitaa ni taʼu.’”+ 19  Yeroo kanatti Hisqiyaas Isaayyaasiin, “Dubbiin Yihowaa inni ati dubbatte gaarii dha”+ jedhe. Itti dabaluudhaanis, “Bara jireenyaa* kootti nagaanii fi tasgabbiin* yoo jiraatee gaarii dha” jedhe.+ 20  Seenaan Hisqiyaas inni hafe, jabinni isaa hundii fi akkamitti bishaan kuufamaa*+ fi boʼoo bishaanii hojjetee gara magaalattiitti bishaan akka fide,+ kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 21  Achiis Hisqiyaas abbootii isaa wajjin ni boqote;+ ilmi isaa Minaaseenis+ bakka isaa mootii taʼe.+

Miiljaleewwan

Kal., “guyyoota.”
Tarii kortoowwan kun gaaddisa aduutiin saʼaatii lakkaaʼuuf tajaajilaa kan turan taʼuu dandaʼu.
Ykn., “mana mootummaa.”
Zayitii urgaaʼaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.
Ykn., “dhaggeeffatee.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “dhugaan.”
Kal., “Guyyoota.”
Jechuunis, haroo xinnoo.