Mootota Lammaffaa 23:1-37

  • Yosiyaas haareffama godhe (1-20)

  • Faasikaan ni kabajame (21-23)

  • Haareffama dabalataa Yosiyaas godhe (24-27)

  • Yosiyaas ni duʼe (28-30)

  • Yehoʼahaaz mootii Yihudaa (31-33)

  • Yehoyaaqiim mootii Yihudaa (34-37)

23  Kanaafuu, mootichi dhaamsa ni erge; isaanis jaarsolii Yihudaa fi jaarsolii Yerusaalem hunda ni waaman.+  Sana booda mootichi namoota Yihudaa hundumaa, jiraattota Yerusaalem hundumaa, lubootaa fi raajota dabalatee isa xinnaa irraa hamma isa guddaatti namoota hundumaa wajjin gara mana Yihowaatti ol baʼe. Dubbii kitaaba+ kakuu+ isa mana Yihowaa keessatti argame+ sana irra jiru hundumaa utuma isaan dhagaʼanii ni dubbise.  Mootichi dubbii kakuu kana keessatti argamu isa kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa raawwachuudhaan, Yihowaa duukaa buʼuuf, akkasumas ajajawwan isaa, yaadachiisawwan isaa fi dambiiwwan isaa garaa isaa guutuu fi lubbuu* isaa guutuudhaan eeguuf, utubaa sana bira dhaabbatee Yihowaa duratti kakuu gale.*+ Namoonni sun hundis kakuu kana irratti walii galan.+  Achiis mootichi miʼawwan Baʼaaliif, miʼawwan utubaa waaqeffannaa*+ fi miʼawwan guutummaa raayyaa samiitiif hojjetaman hunda mana qulqullummaa Yihowaa keessaa akka baasaniif Hilqiyaa+ isa luba ol aanaa taʼe, luboota warra sadarkaa lammaffaa qabanii fi karra eegdota ni ajaje. Achiis Yerusaalemii alatti irraan gadee Qedroon irratti isaan ni gube; daaraa isaaniis gara Beetelitti+ geesse.  Akka kanaan, luboota waaqa ormaa warra mootonni Yihudaa iddoowwan ol kaʼoo magaalota Yihudaa fi naannoowwan Yerusaalem keessa jiran irratti aarsaa aarfamu akka dhiheessaniif muudan, akkasumas warra Baʼaaliif, aduudhaaf, addeessaaf, tuutawwan urjiilee zoodiyaakii fi guutummaa raayyaa samiitiif+ aarsaa aarfamu dhiheessan hojii isaanii irraa ni ariʼe.  Utubaa waaqeffannaa sanas mana Yihowaa keessaa baasee+ gara qarqara Yerusaalemitti, gara Sulula Qedroonitti geessee achi keessatti ni gube;+ isas daakee daaraa godhe; daaraa isaas awwaala namootaa irratti ni bittinneesse.+  Kana malees, manneen dhiirota mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatanii+ ni diige; manneen kun mana Yihowaa keessa kan turan yeroo taʼu, dubartoonnis manneen sagadaa utubaa waaqeffannaatiif* achitti dunkaana hodhu turan.  Achiis luboota hunda magaalota Yihudaa keessaa ni baase; Geebaadhaa+ hamma Ber Sheebaatti+ iddoowwan ol kaʼoo luboonni aarsaa aarfamu itti dhiheessan ni salphise. Kana malees, inni iddoowwan ol kaʼoo karrawwanii warra balbala karra Iyyaasuu isa ajajaa magaalattii taʼe bira jiranii fi yommuu namni tokko karra magaalattiitti seenu gara bitaatiin argaman ni diige.  Luboonni iddoowwan ol kaʼoo, obboloota isaanii wajjin maxinoo kan nyaatan taʼus, iddoo aarsaa Yihowaa isa Yerusaalem keessa jirutti hin tajaajilan turan.+ 10  Kana malees, inni eenyu iyyuu ilma isaa yookiin intala isaa Moleekiif+ ibiddaan akka hin gubneef,* Tofeet+ isa Sulula Ilmaan Hinoom*+ keessa jiru ni salphise. 11  Fardeen mootonni Yihudaa aduudhaaf kennan, karaa kutaa* Naataan Meleek isa abbaa taayitaa mana mootummaa taʼee, jechuunis karaa kutaa barandaa keessa jiru sanaa gara mana Yihowaatti akka hin seenne ni dhowwe; gaariiwwan fardaa kan aduu+ taʼan sanas ibiddaan ni gube. 12  Akkasumas, mootichi iddoowwan aarsaa mootonni Yihudaa baaxii kutaa baaxii+ irraa isa kan Akaaz taʼe irratti dhaaban sanaa fi iddoowwan aarsaa Minaaseen mooraawwan mana Yihowaa lamaan keessatti dhaabe ni diige.+ Inni isaan ni bulleesse; isa bullaaʼe sanas Sulula Qedroon keessatti bittinneesse. 13  Kana malees, mootichi iddoowwan ol kaʼoo Yerusaalem fuuldura jiran warra Gaara Badiisaa* irraa gara kibbaatti* argamanii fi Solomoon mootiin Israaʼel waaqayyittii balfamtuu Siidoonotaa kan taate Ashtooretiif, waaqa balfamaa Moʼaab kan taʼe Kemooshii fi waaqa jibbisiisaa Amoonotaa+ kan taʼe Milkoomiif+ ijaare ni salphise. 14  Siidaawwan waaqeffannaa ni caccabse; utubaawwan waaqeffannaas* ni mummure;+ iddoowwan isaaniis lafee namaatiin ni guute. 15  Iddoo aarsaa isa Beetel keessa jiru, jechuunis iddoo ol kaʼaa isa Yeroboʼaam ilmi Nebaat hojjetee fi Israaʼelonni cubbuu akka hojjetan ittiin godhe sanas ni diige.+ Iddoo aarsaa fi iddoo ol kaʼaa sana erga diigee booda ni gube; caccabsee daaraa ni godhe; utubaa waaqeffannaa* sanas ni gube.+ 16  Yosiyaas awwaalota gaaricha irra jiran garagalee yommuu ilaalu, lafeewwan sun awwaalicha keessaa baafamanii iddoo aarsaa irratti akka gubaman gochuudhaan, akkuma dubbii Yihowaa isa namni Waaqa dhugaa wantoonni kun akka raawwataman dursee dubbate sanaatti iddoo aarsaa sana ni salphise.+ 17  Achiis, “Siidaan awwaalaa ani gamatti argu kun maali dha?” jedhe. Yeroo kanatti namoonni magaalattii, “Awwaala nama Waaqa dhugaa isa Yihudaadhaa dhufee+ fi wantoota ati iddoo aarsaa Beetel irratti raawwatte kana dursee dubbate sanaa ti” isaan jedhan. 18  Kanaafuu inni, “Dhiisaa haa boqotu. Eenyu iyyuu lafee isaa akka hin tuqne” jedhe. Kanaafuu, isaan lafee isaa fi lafee raajicha Samaariyaadhaa dhufe sanaa utuu hin tuqin dhiisan.+ 19  Kana malees, Yosiyaas manneen waaqeffannaa iddoowwan ol kaʼoo magaalota Samaariyaa keessatti argamanii fi mootonni Israaʼel Waaqayyoon dheekkamsiisuuf ijaaran hunda ni balleesse;+ inni wantuma Beetelitti godhe sana isaan irrattis ni godhe.+ 20  Kanaafuu, inni luboota iddoowwan ol kaʼoo warra achi turan hundumaa iddoowwan aarsaa sana irratti aarsaa godhe; lafee namootaas isaan irratti ni gube.+ Sana booda gara Yerusaalemitti deebiʼe. 21  Yeroo kanatti mootichi, “Akkuma kitaaba kakuu kana irratti barreeffametti Waaqa keessan Yihowaadhaaf Faasikaa kabajaa”+ jedhee guutummaa sabichaa ajaje.+ 22  Bara abbootiin murtii Israaʼeliin itti bulchaa turanii jalqabee, bara mootota Israaʼelii fi mootota Yihudaa hundumaatti Faasikaan akkanaa kabajamee hin beeku.+ 23  Yosiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti garuu, Faasikaan kun Yerusaalem keessatti Yihowaadhaaf ni kabajame. 24  Kana malees, Yosiyaas dubbii Seerichaa+ isa kitaaba Hilqiyaan lubichi mana Yihowaa keessaa argate keessa jiru raawwachuuf jecha,+ eker dubbistoota, raagdota,+ siidaawwan taraafiim,*+ waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼanii fi wantoota jibbisiisoo biyya Yihudaa fi Yerusaalem keessatti argaman hundumaa ni balleesse. 25  Isa dura mootiin akka Seera Musee keessatti ibsametti garaa isaa guutuudhaan, lubbuu* isaa guutuudhaan,+ akkasumas humna isaa guutuudhaan gara Yihowaatti deebiʼe kan biraan hin turre; isa boodas mootiin akka isaa hin kaane. 26  Haa taʼu malee, wantoota hamoo Minaaseen isa dheekkamsiisuuf raawwate hundumaatiin kan kaʼe, Yihowaan aarii isaa isa Yihudaa irratti bobaʼe irraa hin deebine ture.+ 27  Yihowaan, “Akkuman Israaʼeliin ija koo duraa balleesse,+ Yihudaas ija koo duraa nan balleessa;+ magaalaa Yerusaalem ishiin filadhe kanaa fi mana isan, ‘Maqaan koo achi keessa ni jiraata’+ jedhee waaʼee isaa dubbadhe kana nan dhiisa” jedhe. 28  Seenaan Yosiyaas inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 29  Bara isaatti Faraʼoon Nekoon mootiin Gibxii Laga Efraaxis biratti mootii Asooriin argachuuf ni dhufe; Yosiyaas Mootichis isa loluudhaaf ni baʼe; haa taʼu malee, Nekoon yommuu isa argu Megidootti isa ajjeese.+ 30  Kanaafuu, tajaajiltoonni isaa reeffa isaa gaarii fardaa tokkoon Megidoodhaa feʼanii gara Yerusaalemitti fiduudhaan awwaala isaa keessatti isa awwaalan. Namoonni biyyattii ilma Yosiyaas Yehoʼahaaziin fuudhanii dibuudhaan bakka abbaa isaa mootii isa godhan.+ 31  Yehoʼahaaz+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 23 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadiif ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal+ yeroo taʼu, ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte. 32  Innis akkuma abbootiin isaa godhan hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 33  Faraʼoon Nekoonis+ inni Yerusaalem keessatti mootii akka hin taane gochuuf Riblaa+ ishii biyya Hamaat keessatti argamtutti isa hidhe; biyyattii irrattis adaba meetii taalaantii* 100 fi warqii taalaantii tokkoo ni mure.+ 34  Kana malees Faraʼoon Nekoon, Eliyaaqiim ilma Yosiyaasiin bakka Yosiyaas abbaa isaa mootii godhe; maqaa isaas Yehoyaaqiim jedhee jijjiire; Yehoʼahaaziin garuu gara Gibxiitti geesse;+ innis yeroo booda achitti ni duʼe.+ 35  Yehoyaaqiim meetii fi warqii sana Faraʼooniif ni kenne; meetii Faraʼoon isa gaafate sana kennuuf garuu sabicha irraa qaraxa sassaabuu qaba ture. Innis meetii fi warqii sana Faraʼoon Nekoodhaaf kennuuf tokkoon tokkoon namoota biyyattii hamma isaanitti tilmaamame akka kaffalan godhe. 36  Yehoyaaqiim+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Zabiidaa yeroo taʼu, ishiin intala Pedaayaa isa nama biyya Rumaa taʼee turte. 37  Inni akkuma abbootiin isaa godhan+ hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+

Miiljaleewwan

Ykn., “kakuu sana ni haaresse.”
Kal., “ibidda keessa akka hin dabarsineef.”
Ibsa Jechootaa, “Gahaannam” jedhu ilaali.
Ykn., “kutaa nyaataa.”
Jechuunis, Gaara Ejersaa, keessumaa isa kibba gaarichaatiin argamuu fi Gaara Dheekkamsaa jedhamees beekamu argisiisa.
Kal., “mirga.” Jechuunis, namni tokko yommuu gara bahaatti garagalu gara kibbaatiin argamu.
Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Ykn., “waaqolii mana keessaa; waaqolii tolfamoo.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.