Mootota Lammaffaa 25:1-30

  • Nebukadnezaar Yerusaalemitti marse (1-7)

  • Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii ni balleeffame; yeroo lammataatiif gara Baabilonitti geeffaman (8-21)

  • Gedaaliyaan bulchaa godhame (22-24)

  • Gedaaliyaan ni ajjeefame; namoonni gara Gibxiitti baqatan (25, 26)

  • Yehoyaakiin Baabiloonitti ni gadhiifame (27-30)

25  Zedeeqiyaan mootii taʼee waggaa saglaffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti Nebukadnezaar+ mootiin Baabilon guutummaa raayyaa waraanaa isaa wajjin Yerusaalemiin waraanuuf dhufe.+ Achiis guutummaa magaalattiitti ni marse; naannoo ishiitti marsees dallaa ijaare;+  magaalattiinis hamma waggaa 11ffaa Zedeeqiyaa Mootichaatti marfamtee turte.  Jiʼa arfaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa saglaffaatti magaalattii keessatti beelli ni hammaate;+ namoonni biyyattiis wanta nyaatan hin qaban turan.+  Dallaan magaalattii ni diigame;+ Kaladoonni magaalattiitti marsanii utuu jiranii loltoonni hundi halkaniin karra dallaa lamaan gidduu isa iddoo biqiltuu mootichaatti dhihoo jiru keessa baʼanii baqatan; mootichis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼee deeme.+  Raayyaan waraanaa Kaladootaa garuu mooticha duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti isa bira gaʼan; loltoonni isaa hundis isa dhiisanii faffacaʼan.  Achiis mooticha qabanii+ gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti fidan; isa irrattis ni murteessan.  Isaanis ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼan; achiis Nebukadnezaar ija Zedeeqiyaa ni jaamse; hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide.+  Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa torbaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+  Innis mana Yihowaa,+ mana mootichaa+ fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana namoota beekamoo taʼanii hunda ni gube.+ 10  Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turan dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+ 11  Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota magaalattii keessatti hafan kaan, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi uummata isa hafe kaan boojiʼee fudhate.+ 12  Haa taʼu malee, ajajaan waardiyyootaa sun namoonni biyyattii baayʼee hiyyeeyyii taʼan tokko tokko maasii wayinii keessatti akka tajaajilanii fi hojii dirqamaa akka hojjetaniif achumatti isaan dhiise.+ 13  Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sanas gara Baabilonitti ni geessan.+ 14  Kana malees, miʼawwan daaraa, akaafaawwan, dhaamsituuwwan ibsaa, xoofoowwanii fi miʼawwan sibiila diimaa tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hundumaa ni fudhatan. 15  Ajajaan waardiyyootaa sunis qodaawwan ibiddaa fi saaniiwwan golboo warra warqii+ fi meetii qulqulluu irraa tolfaman ni fudhate.+ 16  Sibiilli diimaan utubaawwan lamaan, Galaanichii fi gaariiwwan Solomoon mana Yihowaatiif hojjechiise ittiin hojjetame hundi baayʼee waan taʼeef madaalamuu hin dandaʼu ture.+ 17  Utubaan kun tokkoon tokkoon isaa ol dheerinni isaa dhundhuma* 18 yeroo taʼu,+ gubbeen isa irra jirus sibiila diimaa irraa kan tolfame ture; ol dheerinni gubbee isaa dhundhuma sadii yeroo taʼu, saaphanichii fi romaanonni naannoo gubbee sanaa irratti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan.+ Utubaan inni lammaffaanii fi saaphanni isaas akkuma kanaa ture. 18  Kana malees ajajaan waardiyyootaa sun, Seraayaa+ isa dura buʼaa lubootaa taʼe, Sefaaniyaa+ isa luba lammaffaa taʼe, akkasumas karra eegdota sadan ni fudhate.+ 19  Kana malees, inni magaalattii keessaa abbaa taayitaa mana mootummaa itti gaafatamaa loltootaa taʼe tokko, michoota mootichaa warra magaalattii keessatti argaman shan, barreessaa ajajaa raayyaa waraanaa isa namoota biyyattii duulaaf walitti qabu, akkasumas namoota biyyattii warra magaalattii keessatti argaman kaan 60 ni fudhate. 20  Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa taʼe isaan fuudhee gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti isaan fide.+ 21  Mootiin Baabilonis Riblaa isa biyya Hamaat+ keessatti argamutti rukutee isaan ajjeese. Akka kanaan, Yihudaan boojiʼamee biyya isaa keessaa ni fudhatame.+ 22  Nebukadnezaar mootiin Baabilonis Gedaaliyaa+ isa ilma Ahiqaam+ ilma Shaafaan+ taʼe, namoota biyya Yihudaa keessatti dhiise sana irratti ni muude.+ 23  Ajajjoonni raayyaa waraanaa fi namoonni isaanii hundi mootiin Baabilon Gedaaliyaa akka muude yommuu dhagaʼan, yeruma sana Misphaatti gara Gedaaliyaa ni dhufan. Isaanis Ishmaaʼel ilma Nataaniyaa, Yohaanaan ilma Qaareʼaa, Seraayaa ilma Taanhumeet Netoofichaa, Yaaʼaazaaniyaa ilma Maʼaakaatichaa yeroo taʼan, isaanis namoota isaanii wajjin turan.+ 24  Gedaaliyaanis, “Tajaajiltoota Kaladootaa taʼuuf hin sodaatinaa. Biyyattii keessa jiraadhaatii mootii Baabilon tajaajilaa; gaariis isiniif ni taʼa”+ jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate. 25  Jiʼa torbaffaattis Ishmaaʼel+ ilmi Nataaniyaa ilmi Elishaamaa inni sanyii mootii* taʼe namoota kan biroo kudhanii wajjin dhufe; isaanis Gedaaliyaa ni rukutan; innis Yihudootaa fi Kaladoota warra isaa wajjin Misphaa keessa turanii wajjin ni duʼe.+ 26  Sana booda ajajjoota raayyaa waraanaa dabalatee, isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti namoonni hundi Kaladoota waan sodaataniif+ kaʼanii gara Gibxii dhaqan.+ 27  Yehoyaakiin+ mootiin Yihudaa boojiʼamee waggaa 37ffaatti, jiʼa 12ffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 27ffaatti, Eewil Merodaak mootiin Baabilon waggaa mootii itti taʼetti Yehoyaakiin isa mootii Yihudaa taʼe mana hidhaatii ni gadhiise.*+ 28  Innis gaarummaadhaan isatti dubbate; teessoo isaas teessoowwan mootota warra isaa wajjin Baabilon keessa turan kaan irra ol ni godhe. 29  Kanaafuu, Yohoyaakiin uffata mana hidhaa of irraa ni baase; guutummaa bara jireenyaa isaattis yeroo hundumaa maaddii mootichaa irraa ni nyaata ture. 30  Bara jireenyaa isaa hundumaatti guyyaa guyyaadhaan mooticha biraa yeroo hundumaa sooranni isaaf ni kennama ture.

Miiljaleewwan

Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “sanyii mootummichaa.”
Kal., “mataa isaa ol ni qabe.”