Mootota Lammaffaa 4:1-44

  • Eelsaaʼi zayitii dubartii abbaan manaa irraa duʼe tokkoo baayʼise (1-7)

  • Shunamittiin tokko keessummaa simatte (8-16)

  • Dubartiin tokko ilma deesse; innis ni duʼe (17-31)

  • Eelsaaʼi mucaa duʼe sana duʼaa kaase (32-37)

  • Eelsaaʼi ittoon kan nyaatamu akka taʼu godhe (38-41)

  • Eelsaaʼi daabboo baayʼise (42-44)

4  Haadhotii manaa ilmaan raajotaa+ keessaa ishiin takka, “Tajaajilaan kee abbaan manaa koo duʼeera; tajaajilaan kee yeroo hunda Yihowaa kan sodaatu akka ture ati iyyuu akka gaariitti beekta.+ Namichi liqii nu irraa qabu tokko ilmaan koo lamaan fudhatee garboota godhachuuf dhufeera” jettee Eelsaaʼitti iyyatte.  Yeroo kanatti Eelsaaʼi, “Maal siif godhu? Mee natti himi, mana keessaa maal qabda?” jedhee ishii gaafate. Ishiinis deebistee, “Ani tajaajiltuun tee zayitii hubboo* tokko malee mana keessaa homaa hin qabu”+ isaan jette.  Innis akkana ishiidhaan jedhe: “Baʼiitii, miʼa duwwaa akka siif kennan olloota kee hunda kadhadhu. Hamma dandeesse miʼa hedduu kadhadhu.  Achiis, ilmaan kee wajjin manatti seeniitii balbala cufadhu. Miʼawwan sana hundatti guuti; achiis warra guutuu taʼan kophaatti kaaʼi.”  Kanaafuu, ishiin isa biraa ni deemte. Ishiinii fi ilmaan ishii manatti seenanii balbala ni cufatan; achiis isaan miʼawwan sana yommuu ishiitti kennan, ishiin immoo itti naquu jalqabde.+  Miʼawwan sun yommuu guutanis, ilma ishii isa tokkoon, “Miʼa kan biraa naa fidi”+ jette. Inni garuu, “Miini kan biraan hin jiru” ishiidhaan jedhe. Yeroo kanatti zayitichi buʼuu isaa ni dhiise.+  Kanaafuu, ishiin ol seentee namicha Waaqa dhugaa sanatti himte; innis, “Dhaqi, zayiticha gurguriitii liqii kee kaffali; achiis atii fi ilmaan kee isa hafeen jiraachuu dandeessu” ishiidhaan jedhe.  Gaaf tokko Eelsaaʼi gara Shunaam+ ni dhaqe; dubartiin beekamtuun tokkos achi jirti turte; ishiinis ishii biraa nyaata akka nyaatu isa kadhatte.+ Innis yeroo achiin darbu hundatti, nyaata nyaachuuf achitti gora ture.  Ishiinis abbaa manaa ishiitiin akkana jette: “Namichi yeroo hunda asiin darbu kun nama qulqulluu fi nama Waaqayyoo taʼuu isaa ani beeka. 10  Maaloo, baaxii irratti kutaa xinnoo+ tokko isaaf ijaarree, siree, barcumaa fi baattuu ibsaa achi keessa isaaf haa keenyu. Innis yeroo gara keenya dhufu hundatti achi buufachuu dandaʼa.”+ 11  Gaaf tokko inni achi ni dhaqe; ciisuufis gara kutaa baaxii irra jiru sanaa deeme. 12  Achiis tajaajilaa isaa Gehaaziin,+ “Dubartii Shunaam+ sana waami” jedhe. Innis ishii ni waame; ishiinis dhuftee isa dura dhaabbatte. 13  Achiis inni Gehaaziin akkana jedhe: “Maaloo akkana jedhii ishiitti himi: ‘Kunoo, ati nuuf jettee hamma kana dhamaateetta.+ Maarree, maaltu akka siif godhamu barbaadda?+ Bakka kee buʼee mootichatti yookiin ajajaa raayyaatti siif dubbadhuu?’”+ Ishiin garuu, “Ani saba koo gidduun jiraachaa jira” jettee deebiste. 14  Kanaafuu inni, “Maaltu ishiidhaaf haa godhamu ree?” jedhe. Yeroo kanatti Gehaaz, “Ishiin ilma hin qabdu;+ abbaan manaa ishiis dulloomeera” jedhe. 15  Innis yeruma sana, “Ishii waami” isaan jedhe. Innis ishii ni waame; ishiinis dhuftee balbala irra dhaabbatte. 16  Eelsaaʼis, “Waggaa dhufu yeroo kanatti ilma ni hammatta” ishiidhaan jedhe.+ Ishiin garuu, “Lakki, yaa gooftaa koo, yaa nama Waaqa dhugaa, ana tajaajiltuu teetti soba hin dubbatin” isaan jette. 17  Taʼus dubartittiin ni ulfoofte; akkuma Eelsaaʼi ishiitti himettis waggaa itti aanu yeroo sanatti ilma ni deesse. 18  Mucichis ni guddate; achiis gaaf tokko abbaan isaa utuu namoota midhaan haamanii wajjin jiruu mucichi gara isaa ni dhaqe. 19  Innis abbaa isaatiin, “Mataa koo, wayyoo mataa koo!” jedhe. Abbaan isaas tajaajilaa isaatiin, “Baadhuutii gara haadha isaatti isa geessi” jedhe. 20  Kanaafuu, inni baatee gara haadha isaatti isa geesse; mucichis hamma waareetti gudeeda ishii irra taaʼe; achiis ni duʼe.+ 21  Ishiinis ol baatee siree nama Waaqa dhugaa+ irra isa ciibsitee balbala itti cuftee deemte. 22  Achiis abbaa manaa ishii waamtee, “Maaloo, tajaajilaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi; anis dafee gara nama Waaqa dhugaa sanaa dhaqeen deebiʼa” isaan jette. 23  Inni garuu, “Harʼa maaliif gara isaa dhaqxa? Harʼa guyyaa baatii haaraa+ yookiin sanbata miti” ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu, “Hin yaaddaʼin, wanti hundi nagaa dha” isaan jette. 24  Kanaafuu, ishiin harree ishii feʼattee tajaajilaa ishiitiin, “Daddafii deemi. Yoon sitti hime malee anaaf jettee suuta hin jedhin” jette. 25  Akka kanaan, ishiin gara nama Waaqa dhugaa isa Gaara Qarmeelositti argamuu ni dhaqxe. Namichi Waaqa dhugaa sunis fagootti akkuma ishii argeen, Gehaaz tajaajilaa isaatiin akkana jedhe: “Ilaa, dubartiin Shunaam sun dhufaa jirti. 26  Maaloo fiigii gara ishii dhaqiitii, ‘Ati fayyaa dhaa? Abbaan manaa kee fayyaa dhaa? Ilmi kee hoo fayyaa dhaa?’ jedhii ishii gaafadhu.” Ishiinis, “Hundumtuu fayyaa dha” isaan jette. 27  Achiis gara nama Waaqa dhugaa isa gaaricha irra jiru sanaa dhuftee, yeruma sana miila isaatti maramte.+ Yeroo kanatti Gehaaz isa irraa ishii fageessuuf itti siqe; namni Waaqa dhugaa sun garuu, “Dhiphina guddaa keessa waan jirtuuf,* ishii dhiisi; Yihowaan waaʼee kanaa na dhokseera; homaas natti hin himne” jedhe. 28  Achiis ishiin, “Ani ilma akka naaf kennu gooftaa koo kadhadheeraa? Ani, ‘Abdii sobaa naaf hin kennin’ siin hin jennee?” isaan jette.+ 29  Innis yeruma sana Gehaaziin, “Uffata kee ol sassaabii mudhii keetti suuqqadhuutii,+ ulee koos harkatti qabadhuutii deemi. Namni yoo sitti dhufe nagaa isa hin gaafatin; namni yoo nagaa si gaafates deebii isaaf hin kennin. Dhaqiitii ulee koo fuula mucichaa irra kaaʼi” jedhe. 30  Yeroo kanatti haati mucichaa, “Yihowaa isa jiraataa taʼee fi lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha, ani si dhiisee hin deemu” isaan jette.+ Kanaafuu, inni kaʼee ishii wajjin ni deeme. 31  Gehaazis isaan dura buʼee deemee ulicha fuula mucichaa irra kaaʼe; haa taʼu malee, sagaleenis taʼe deebiin hin turre.+ Innis gara Eelsaaʼitti deebiʼee, “Mucichi hin dammaqne” jedhee isatti hime. 32  Eelsaaʼi yommuu manatti seenu, mucichi duʼee siree isaa irra ciisee ture.+ 33  Innis achi seenee ofii fi mucicha irratti balbalicha cufee Yihowaa kadhachuu jalqabe.+ 34  Achiis siree sana irra baʼee mucicha irra ciise; afaan isaa afaan mucichaatti, ija isaa ija mucichaatti, barruu isaas barruu mucichaatti qadaadee isa irratti gad jedhe; sana booda qaamni mucichaa hoʼuu jalqabe.+ 35  Achiis manicha keessa asii fi achi deemee, siree sana irra baʼee deebiʼee mucicha irratti gad jedhe. Mucichis siʼa torba erga haxxiffatee booda ija isaa banate.+ 36  Achiis Eelsaaʼi Gehaaziin waamee, “Dubartii Shunaam sana waami” isaan jedhe. Innis ishii waame; ishiinis gara Eelsaaʼiitti seente. Innis, “Ilma kee fudhadhu” ishiidhaan jedhe.+ 37  Ishiinis seentee miila isaa jalatti lafa dhooftee isa duratti erga sagaddee booda, ilma ishii fudhattee gad baate. 38  Eelsaaʼis yommuu gara Gilgaalitti deebiʼu biyyattii keessa beelli jira ture.+ Ilmaan raajotaas+ isa dura taaʼu turan; innis tajaajilaa+ isaatiin, “Distii guddaa ibidda irra kaaʼiitii ilmaan raajotaatiif ittoo tolchi” jedhe. 39  Kanaafuu, isaan keessaa namni tokko baala funaanuuf gara dirreetti baʼe; achiis hidda bosonaa tokko argatee isa irraa buqqee hadhooftuu bosonaa funaanee uffata isaatti guuttate. Innis achii deebiʼee maalummaa isaa utuu hin beekin mummuree distii sanatti naqe. 40  Boodas isaan namoonni sun akka nyaataniif isaaniif dhiheessan; taʼus isaan ittoo sana irraa akkuma nyaataniin, “Yaa nama Waaqa dhugaa, distii kana keessa duʼatu jira” jedhanii iyyan. Isa nyaachuus hin dandeenye. 41  Yeroo kanatti inni, “Daakuu xinnoo naa fidaa” jedhe. Daakuu sana disticha keessatti erga naqee booda, “Namootaaf dhiheessaa” jedhe. Sana booda wanti nama miidhu disticha keessatti hin argamne.+ 42  Namichi Baʼaal Shaalishaadhaa+ dhufe tokkos, daabboo garbuu+ firii isa jalqabaatiin tolfame 20 fi midhaan haaraa qalqalloo tokko nama Waaqa dhugaa sanaaf ni fide.+ Achiis Eelsaaʼiin, “Akka nyaataniif namoota sanaaf kenni” isaan jedhe. 43  Tajaajilaan isaa garuu, “Akkamittan kana namoota 100 duratti dhiheessa?”+ jedhe. Yeroo kanatti Eelsaaʼiin, “Akka nyaataniif namoota sanaaf kenni; sababiin isaas Yihowaan, ‘Isaan ni nyaatu, muraasnis isaan irraa ni hafa’+ jedheera” isaan jedhe. 44  Innis isaan duratti ni dhiheesse; akkuma Yihowaan dubbatettis isaan ni nyaatan, muraasnis isaan irraa ni hafe.+

Miiljaleewwan

Ykn., “hubboo funyaan qabu; okkotee.”
Ykn., “Lubbuun ishii ishii keessatti waan hadhoofteef.”