Mootota Lammaffaa 7:1-20

  • Eelsaaʼi beelichi akka dhaabbatu raajii dubbate (1, 2)

  • Buufata warri Sooriyaa dhiisanii baqatan keessatti nyaanni ni argame (3-15)

  • Raajiin Eelsaaʼi dubbate ni raawwatame (16-20)

7  Yeroo kanatti Eelsaaʼi akkana jedhe: “Dubbii Yihowaa dhagaʼaa. Yihowaan akkana jedha: ‘Boru yeroo kanatti karra* Samaariyaa irratti daakuun bullaaʼaan safartuun siihii* tokko sheeqilii* tokkoon, garbuun safartuun siihii lamas sheeqilii tokkoon ni gurgurama.’”+  Achiis ajajaan waraanaa mootichi itti amanamu sun nama Waaqa dhugaa sanaan, “Yihowaan balbaloota bishaanii samii keessa jiran utuu banee illee, kun* taʼuu ni dandaʼaa?”+ jedhe. Yeroo kanatti inni, “Ati ija keetiin kana ni argita;+ garuu isa irraa hin nyaattu”+ isaan jedhe.  Namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman afur karra magaalattii dura jiru turan;+ isaanis akkana waliin jedhan: “As teenyee maaliif duʼa keenya eegganna?  Beelli magaalattii keessa utuu jiruu,+ ‘Gara magaalattiitti haa seennu’ yoo jenne, achitti duʼuun keenya hin oolu. As yoo teenyes duʼuun keenya hin oolu. Kanaafuu, amma gara buufata warra Sooriyaa haa dhaqnu. Isaan lubbuu keenya yoo nuuf oolchan ni jiraanna; yoo nu ajjeesanis ni duuna.”  Achiis isaan galgala yommuu dukkanaaʼu kaʼanii buufata warra Sooriyaatti seenan. Yommuu buufata warra Sooriyaa qarqara gaʼanis namni tokko illee achi hin turre.  Yihowaan buufanni warra Sooriyaa sagalee gaarii fardaa waraanaa fi sagalee fardeenii, akkasumas sagalee raayyaa waraanaa guddaa taʼe akka dhagaʼu godhee ture.+ Kanaafuu isaan, “Kunoo, isaan akka nu waraananiif mootiin Israaʼel mootota Heetotaa fi mootota Gibxii nutti biteera!” waliin jedhan.  Achiis yeruma sana kaʼanii dunkaanota isaanii, fardeen isaanii, harroota isaanii fi guutummaa buufatichaa akkuma jirutti dhiisanii galgala dukkana keessa lubbuu isaanii oolfachuuf baqatan.  Namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman sunis yommuu qarqara buufatichaa gaʼan, dunkaanota sana keessaa isa tokkotti seenanii nyaachuu fi dhuguu jalqaban. Isaanis meetii, warqii fi uffata bakka sanaa fudhatanii deemanii dhoksan. Achiis deebiʼanii dunkaana kan biraatti seenanii achi keessaas miʼawwan fudhatanii deemanii dhoksan.  Dhuma irrattis, “Wanti nuti gochaa jirru kun sirrii miti. Guyyaan kun guyyaa oduu gaariin itti himamu dha! Nuti mamnee hamma bariʼutti yoo eegne ni adabamna. Kanaafuu, amma dhaqnee oduu kana mana mootichaatti haa himnu” waliin jedhan. 10  Isaanis dhaqanii warra karra magaalattii eegan waamanii, “Gara buufata warra Sooriyyaatti seennee turre; garuu namni tokko illee achi hin jiru; sagalee nama tokkoo illee hin dhageenye. Fardeenii fi harroota qofatu hidhamee achi jira; dunkaanonnis akkuma jiranitti dhiifamaniiru” jedhanii isaanitti himan. 11  Warri karra eegan sunis yeruma sana sagalee isaanii ol kaasanii oduu kana namoota mana mootichaa keessa jiranitti himan. 12  Mootichis yeruma sana halkaniin kaʼee tajaajiltoota isaatiin, “Mee maaloo, wanta warri Sooriyaa nu irratti raawwatanin isinitti hima. Nuti akka beelofne+ waan beekaniif, ‘Isaan magaalattii keessaa ni baʼu; nutis akkuma lubbuudhaan jiranitti isaan qabanna; gara magaalattiittis ni seenna’ jedhanii yaaduudhaan, dirree keessa dhokachuuf buufaticha gadhiisanii deemaniiru”+ jedhe. 13  Achiis tajaajiltoota isaa keessaa inni tokko, “Maaloo, namoonni muraasni fardeen magaalattii keessatti hafan keessaa shanan isaanii haa fudhatan. Kunoo, wanti namoota kana irra gaʼu, wanta namoota Israaʼel warra asitti hafan irra gaʼu irraa adda hin taʼu. Wantuma namoota Israaʼel warra asitti dhuman hunda irra gaʼetu isaan irra gaʼa. Achitti isaan erginee wanta taʼu haa ilaallu” jedhe. 14  Kanaafuu, isaan gaariiwwan fardaa lama fardeenii wajjin ni fudhatan; mootichis, “Dhaqaatii ilaalaa” jedhee gara buufata warra Sooriyaatti isaan erge. 15  Isaanis hamma Yordaanositti isaan duukaa buʼan; guutummaan karichaas uffataa fi miʼawwan warri Sooriyaa yommuu naasuudhaan baqatanitti gaggataniin guutamee ture. Namoonni ergaman sunis deebiʼanii wanta kana mootichatti himan. 16  Namoonnis baʼanii buufata warra Sooriyaa ni saaman; kanaan kan kaʼes, akkuma Yihowaan dubbatetti daakuun bullaaʼaan safartuun siihii tokko sheeqilii tokkoon, garbuun safartuun siihii lamas sheeqilii tokkoon ni gurgurame.+ 17  Mootichis ajajaa raayyaa waraanaa itti amanamu sana karricha irratti itti gaafatamaa godhee ni muude; haa taʼu malee, akkuma namni Waaqa dhugaa sun yommuu mootichi gara isaatti gad buʼe itti himee turetti namoonni karricha irratti dhidhiitanii isa ajjeesan. 18  Wanti namni Waaqa dhugaa sun, “Boru yeroo kanatti karra Samaariyaa irratti garbuun safartuun siihii lama sheeqilii tokkoon, daakuun bullaaʼaan safartuun siihii tokkos sheeqilii tokkoon ni gurgurama”+ jedhee mootichatti dubbates ni raawwatame. 19  Ajajaan waraanaa sun garuu nama Waaqa dhugaa sanaan, “Yihowaan balbaloota bishaanii samii keessa jiran utuu banee illee, wanti* akkanaa taʼuu ni dandaʼaa?” jedhee ture. Yeroo kanatti Eelsaaʼi, “Ati ija keetiin kana ni argita; garuu isa irraa hin nyaattu” isaan jedhee ture. 20  Namoonni karricha irratti dhidhiitanii waan isa ajjeesaniif, wanti isa irra gaʼes kanuma ture.

Miiljaleewwan

Ykn., “gabaa.”
Siihiin tokko 7.33 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “dubbiin kun.”
Kal., “dubbiin.”