Mootota Lammaffaa 8:1-29

  • Lafti Shunamittii ishiidhaaf deebifame (1-6)

  • Eelsaaʼi, Benhadaadii fi Hazaaʼel (7-15)

  • Yooraam mootii Yihudaa (16-24)

  • Akaaziyaa mootii Yihudaa (25-29)

8  Eelsaaʼis dubartii ilma ishii duʼaa kaase+ sanaan, “Yihowaan biyyattii keessatti beelli akka buʼu waan dubbateef, kaʼiitii maatii kee wajjin gara bakka nama biyya ormaa taatee itti jiraachuu dandeessu dhaqiitii achi jiraadhu;+ beelichis waggaa torbaaf biyyattii keessa ni tura” jedhe.  Kanaafuu, dubartittiin kaatee akkuma namni Waaqa dhugaa sun jedhe ni goote. Maatii ishii wajjin deemtees waggaa torbaaf biyya Filisxeemotaa+ keessa jiraatte.  Dhuma waggaa torbaffaattis, ishiin biyya Filisxeemotaatii ni deebite; achiis waaʼee mana ishii fi waaʼee lafa ishiitiif mootichatti iyyannoo dhiheessuuf ni dhaqxe.  Yeroo kanatti mootichi Gehaaz isa tajaajilaa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaan, “Mee maaloo, wantoota guguddaa Eelsaaʼi raawwate hunda natti himi” jechaa ture.+  Utuma inni Eelsaaʼi akkamitti mucaa duʼe sana akka kaase+ mootichatti himaa jiruu, dubartiin Eelsaaʼi ilma ishii duʼaa kaase sun waaʼee mana ishii fi waaʼee lafa ishiitiif mootichatti iyyannoo dhiheeffachuuf ni dhufte.+ Gehaazis yeruma sana, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, dubartittiin ishii tana dha; ilmi ishii inni Eelsaaʼi duʼaa kaases isa kana dha” jedhe.  Yeroo kanatti mootichi dubartittii gaafate; ishiinis seenaa isaa itti himte. Achiis mootichi, “Qabeenya ishii hundumaa fi oomisha erga ishiin biyyattiidhaa baatee jalqabee hamma ammaatti lafa ishii irraa argame hunda ishiidhaaf deebisi” jedhee itti himuudhaan, abbaa taayitaa mana mootummaa tokko ishiidhaaf ramade.  Benhadaad+ mootiin Sooriyaa yeroo dhukkubsatee turetti, Eelsaaʼi gara Damaasqoo+ ni dhufe. Kanaafuu namoonni, “Namni Waaqa dhugaa+ sun as dhufeera” jedhanii isatti himan.  Yeroo kanatti mootichi Hazaaʼeliin,+ “Kennaa qabadhuutii nama Waaqa dhugaa sana bira dhaqi.+ Achiis, ‘Ani dhukkuba kana irraa nan fayyaa?’ jedhiitii karaa isaatiin Yihowaa gaafadhu” jedhe.  Hazaaʼelis wantoota gaggaarii Damaasqoo keessatti argaman hunda keessaa kennaa feʼiisa gaalota 40 qabatee gara isaa dhaqe. Achiis dhufee isa dura dhaabbatee, “Ilmi kee Benhadaad mootiin Sooriyaa, ‘Ani dhukkuba kana irraa nan fayyaa?’ jedhee gara keetti na ergeera” isaan jedhe. 10  Eelsaaʼis, “Dhaqiitii, ‘Dhugumaan ni fayyita’ jedhii itti himi; garuu duʼuun isaa akka hin oolle Yihowaan natti argisiiseera”+ jedhee isaaf deebise. 11  Sana booda hamma inni qaanaʼutti hubatee isa ilaale. Achiis namni Waaqa dhugaa sun ni booʼe. 12  Hazaaʼelis, “Gooftaan koo kan booʼu maaliifi?” jedhee isa gaafate. Innis deebisee, “Miidhaa ati namoota Israaʼel irratti geessistu waanan beekuufi.+ Iddoowwan isaanii warra dallaa dhagaa qaban ibiddaan ni gubda; namoota isaanii warra filatamoo taʼan goraadeedhaan ni ajjeesta; ijoollee isaanii lafaan dhooftee ni bubburuqsita; dubartoota isaanii warra ulfa taʼan garaa isaanii ni baqaqsita”+ isaan jedhe. 13  Hazaaʼelis, “Ani tajaajilaan kee saree dha; akkamittan wanta akkanaa raawwachuu dandaʼa?” jedhe. Eelsaaʼi garuu, “Ati Sooriyaa irratti mootii akka taatu Yihowaan natti argisiiseera” isaan jedhe.+ 14  Achiis inni Eelsaaʼi biraa deemee gara gooftaa isaatti deebiʼe; gooftaan isaas, “Eelsaaʼi maal siin jedhe?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ati dhugumaan akka fayyitu natti himeera” jedhee isaaf deebise.+ 15  Guyyaa itti aanutti garuu Hazaaʼel uffata sireetti uwwisan fudhatee bishaan keessa cuuphee fuula isaatti haguugee isa ukkaamse; mootichis ni duʼe.+ Hazaaʼelis bakka isaa mootii taʼe.+ 16  Yooraam+ ilmi Ahaab mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa shanaffaa isaatti, utuma Yoshaafaax mootii Yihudaa taʼee jiruu Yooraam+ ilmi Yoshaafaax mootii Yihudaa ni taʼe. 17  Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 32 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa saddeetiif ni bulche. 18  Inni intala Ahaab waan fuudheef,+ akkuma warri mana Ahaab godhanitti+ daandii mootonni Israaʼel irra deeman irra ni deddeebiʼe;+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+ 19  Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo hunda isaa fi ilmaan isaatiif ibsaa akka kennu waadaa galee waan tureef,+ tajaajilaa isaa Daawitiif jedhee Yihudaa balleessuu hin barbaanne.+ 20  Bara isaatti Edoom Yihudaa irratti fincila kaastee+ mootii ofii ishii muuddatte.+ 21  Kanaafuu, Yooraam gaariiwwan fardaa isaa hundumaa wajjin Zaaʼiritti ceʼe; halkaniin kaʼees Edoomota warra isattii fi ajajjoota gaarii fardaa sanatti marsanii turan ni injifate; loltoonni sunis gara dunkaanota isaaniitti ni baqatan. 22  Haa taʼu malee, Edoom hamma harʼaatti Yihudaa irratti akkuma fincila kaastetti jirti. Libnaanis+ fincila kan kaaste yeroo sanatti ture. 23  Seenaan Yooraam inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 24  Achiis Yooraam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame.+ Akaaziyaan+ ilmi isaas bakka isaa mootii taʼe. 25  Yooraam ilmi Ahaab mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa 12ffaa isaatti, ilma Yooraam mootii Yihudaa kan taʼe Akaaziyaan mootii ni taʼe.+ 26  Akaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokkoof ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa+ yeroo taʼu, ishiin intala ilma Omrii*+ isa mootii Israaʼel taʼe sanaa turte. 27  Inni gaaʼelaan mana Ahaabitti+ waan firoomeef, daandii mana Ahaab irra ni deeme; akkuma mana Ahaab wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe.+ 28  Kanaafuu, inni Yooraam ilma Ahaabii wajjin Raamot Giiliyaaditti+ Hazaaʼel mootii Sooriyaa waraanuu dhaqe; haa taʼu malee, warri Sooriyaa Yooraamiin ni madeessan.+ 29  Kanaafuu, Yooraam Mootichi yommuu Hazaaʼel mootii Sooriyaa wajjin wal waraanaa turetti madaa warri Sooriyaa Raamaatti isa madeessan irraa bayyanachuuf gara Yezriʼelitti+ deebiʼe.+ Akaaziyaan ilmi Yooraam inni mootii Yihudaa taʼe, Yooraam ilmi Ahaab madaaʼee* waan tureef, isa ilaaluuf gara Yezriʼelitti gad buʼe.

Miiljaleewwan

Kal., “intala Omrii.”
Ykn., “dhukkubsatee.”