Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 1:1-17

  • Solomoon ogummaa argachuuf kadhate (1-12)

  • Qabeenya Solomoon (13-17)

1  Solomoon ilmi Daawit yeroo kam iyyuu caalaa mootummaa isaa irratti ni jabaate; Waaqni isaa Yihowaanis isaa wajjin ture; akka malees guddaa isa godhe.+  Solomoonis Israaʼelota hundumaatti, ajajjoota kumaatti, ajajjoota dhibbaatti, abbootii murtiitti, akkasumas geggeessitoota guutummaa Israaʼelitti argaman hundumaa warra dura buutota manneen abbootii taʼanitti dhaamsa ni dhaame.  Bakki sun iddoo dunkaanni walgaʼii Waaqa dhugaa, jechuunis dunkaanni Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe lafa onaa* keessatti hojjete itti argamu waan tureef, Solomoonii fi guutummaan gumichaa gara iddoo ol kaʼaa Gibeʼonitti+ argamu sanaa ni dhaqan.  Haa taʼu malee, Daawit Taabota Waaqa dhugaa sana Qiriyaat Yeʼariim+ irraa fuudhee gara iddoo isaaf qopheessetti fidee ture; Yerusaalem keessattis taabotichaaf dunkaana dhaabee ture.+  Iddoon aarsaa Bezaaliʼel+ ilmi Uurii ilmi Huur sibiila diimaa+ irraa hojjete godoo qulqulluu Yihowaa dura kaaʼamee ture; Solomoonii fi gumichis isa duratti kadhannaa dhiheessu* turan.  Solomoonis achitti Yihowaa duratti aarsaawwan ni dhiheesse; iddoo aarsaa sibiila diimaa dunkaana walgaʼii sanaa irrattis aarsaawwan gubaman 1,000 ni dhiheesse.+  Halkan sana Waaqayyo Solomoonitti mulʼatee, “Wanta akkan siif kennu barbaaddu na gaafadhu” isaan jedhe.+  Yeroo kanatti Solomoon Waaqayyoon akkana jedhe: “Ati abbaa koo Daawititti jaalala amanamaa guddaa taʼe argisiisteetta;+ anaanis bakka isaa mootii gooteetta.+  Ammas yaa Yihowaa, ati saba baayʼina isaatiin kan kaʼe akka awwaara lafaa+ taʼe irratti mootii waan na gooteef, waadaan abbaa koo Daawitiif galte haa raawwatamu.+ 10  Ammas saba kana akkan geggeessuuf* ogummaa fi beekumsa naaf kenni;+ taʼuu baannaan saba kee isa guddaa taʼe kanaaf eenyutu murtii kennuu dandaʼa?”+ 11  Achiis Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe: “Hawwiin garaa keetii kana waan taʼeef, akkasumas ati qabeenya, sooruma, ulfina yookiin duʼa* namoota si jibbanii yookiin umurii dheeraa* gaafachuu mannaa ogummaa fi beekumsa saba ani mootii irratti si godheef murtii dabarsuuf si barbaachisu waan gaafatteef,+ 12  ogummaanii fi beekumsi siif ni kennama; haa taʼu malee, ani qabeenya, soorumaa fi ulfina si dura mootiin kam iyyuu hin qabnee fi si boodas eenyu iyyuu hin arganne siifan kenna.”+ 13  Kanaafuu, Solomoon iddoo ol kaʼaa Gibeʼonitti+ argamu irraa, jechuunis dunkaana walgaʼii duraa baʼee gara Yerusaalem dhufe; innis Israaʼel irratti mootii ni taʼe. 14  Solomoon gaariiwwan fardaa fi fardeen* walitti qabuu isaa itti fufe; inni gaariiwwan fardaa 1,400 fi fardeen* 12,000 qaba ture;+ isaanis magaalota gaarii fardaa keessa,+ akkasumas Yerusaalem keessa naannoo mootichi jiraatu keessa akka jiraatan godhe.+ 15  Mootichi Yerusaalem keessa meetii fi warqiin akkuma dhagaatti baayʼinaan akka argamu godhe;+ mukti gaattiraas akkuma muka harbuu isa Shefelaa keessa jiruutti baayʼinaan akka argamu godhe.+ 16  Fardeen Solomoon biyya Gibxiitii fichisiifamu turan;+ daldaltoonni mootichaas tuuta fardeenii* sana gatii dhaabbataa taʼeen bitu turan.+ 17  Gaariin fardaa Gibxiidhaa fichisiifamu tokkoon tokkoon isaa meetii sheeqilii* 600 baasa ture; fardi tokkos meetii sheeqilii 150 baasa ture; isaan immoo deebisanii gara guutummaa mootota Heetotaa fi mootota Sooriyaatti isaan ergu turan.

Miiljaleewwan

Jechuunis, alloo.
Ykn., “achitti Waaqa ni gaafatu turan.”
Kal., “saba kana dura akkan gad baʼuu fi akkan ol seenuuf.”
Ykn., “lubbuu.”
Kal., “guyyoota hedduu.”
Ykn., “abbootii fardeenii.”
Ykn., “abbootii fardeenii.”
Ykn tarii, “Gibxii fi Kuweedhaa; daldaltoonni mootichaa Kuweedhaa isaan bitu turan,” tarii Kiilqiyaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.