Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 12:1-16

  • Shishaaq Yerusaalem irratti duule (1-12)

  • Dhuma bulchiinsa Rooboʼaam (13-16)

12  Rooboʼaam mootummaan isaa akkuma jabaatee dhaabbateen,+ akkasumas inni akkuma cimeen, innis taʼe Israaʼelonni warri isaa wajjin jiran hundi Seera Yihowaa ni dhiisan.+  Isaan Yihowaadhaaf amanamoo waan hin taaneef, Rooboʼaam Mootichi mootii taʼee waggaa shanaffaa isaatti, Shishaaq+ mootiin Gibxii Yerusaalemiin waraanuuf dhufe.  Inni gaariiwwan fardaa 1,200 fi abbootii fardeenii 60,000 kan qabu yeroo taʼu, loltoonni lakkoofsi isaanii hammana hin jedhamne, jechuunis warri Liibiyaa, warri Suukiimii fi warri Itoophiyaa+ isaa wajjin Gibxiidhaa dhufanii turan.  Innis magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban erga qabatee booda, dhuma irratti Yerusaalem gaʼe.  Shemaayaan+ raajichi gara Rooboʼaamii fi gara bulchitoota Yihudaa warra Shishaaqiin kan kaʼe Yerusaalemitti walitti qabamanii turan sanaa dhufee, “Yihowaan akkana jedha: ‘Isin waan na dhiistaniif, anis harka Shishaaq irratti isin dhiiseera’”+ isaaniin jedhe.  Yeroo kanatti bulchitoonni Israaʼelii fi mootichi gad of qabanii,+ “Yihowaan qajeelaa dha” jedhan.  Yihowaanis akka isaan gad of qaban yommuu argu, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Shemaayaa ni dhufe: “Isaan waan gad of qabaniif, ani isaan hin balleessu;+ yeroo dhihootti isaan nan oolcha. Ani karaa Shishaaq dheekkamsa koo Yerusaalem irratti hin dhangalaasu.  Haa taʼu malee, garaa garummaa ana tajaajiluu fi mootota* biyyoota kan biroo tajaajiluu gidduu jiru akka beekaniif, isaan tajaajiltoota isaa ni taʼu.”  Kanaafuu, Shishaaq mootiin Gibxii Yerusaalemiin waraanuuf ni dhufe. Innis qabeenya mana Yihowaa+ fi qabeenya mana mootichaa ni fudhate. Inni gaachanoota warqii Solomoon hojjete dabalatee wanta hundumaa ni fudhate.+ 10  Kanaafuu, Rooboʼaam Mootichi bakka isaanii gaachanoota sibiila diimaa hojjetee ajajjoota eegduu* warra karra mana mootichaa eeganitti kenne. 11  Eegdonni yeroo mootichi gara mana Yihowaatti dhufu hundumaatti ol seenanii gaachanoota kana ni qabatu turan; sana booda immoo gara kutaa eegduutti ni deebisu turan. 12  Mootichi waan gad of qabeef, dheekkamsi Yihowaa isa irraa ni deebiʼe;+ innis guutummaatti isaan hin balleessine.+ Kana malees, wanti gaariin muraasni Yihudaa keessatti argamee ture.+ 13  Rooboʼaam Mootichi Yerusaalem keessatti aangoo isaa cimsatee bulchuu isaa itti fufe; Rooboʼaam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 41 ture; innis magaalaa Yerusaalem, jechuunis magaalaa Yihowaan maqaan isaa achi akka taʼuuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filate keessa taaʼee waggaa 17f ni bulche. Maqaan haadha mootichaa Naʼaamaa yommuu taʼu, ishiin nama biyya Amoon turte.+ 14  Haa taʼu malee, inni Yihowaa barbaaddachuuf garaa isaatti murteessee waan hin turreef, wanta hamaa ni raawwate.+ 15  Seenaan Rooboʼaam jalqabaa kaasee hamma dhumaatti seenaa hidda dhalootaa Shemaayaan+ raajichii fi Idoon+ inni mulʼata argu barreessan keessatti barreeffameera mitii? Rooboʼaamii fi Yeroboʼaam gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture.+ 16  Achiis Rooboʼaam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit+ keessattis ni awwaalame; Ilmi isaa Abiyaanis+ bakka isaa mootii taʼe.

Miiljaleewwan

Kal., “mootummoota.”
Kal., “fiigdotaa.”