Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 14:1-15

  • Abiyaan ni duʼe (1)

  • Aasaa mootii Yihudaa (2-8)

  • Aasaan namoota Itoophiyaa 1,000,000 ni moʼe (9-15)

14  Achiis Abiyaan abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis Magaalaa Daawit+ keessatti isa awwaalan; ilmi isaa Aasaanis bakka isaa mootii taʼe. Bara isaatti biyyattiin waggaa kudhaniif boqonnaa argatte.  Aasaan wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe ni raawwate.  Iddoowwan aarsaa waaqolii biyya ormaa fi iddoowwan ol kaʼoo ni balleesse;+ siidaawwan waaqeffannaa ni caccabse;+ utubaawwan waaqeffannaas* ni mummure.+  Kana malees, namoonni Yihudaa Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa akka barbaaddatan, akkasumas Seerichaa fi ajaja isaa akka eegan isaanitti hime.  Kanaafuu, iddoowwan ol kaʼoo fi iddoowwan aarsaa ixaanaa magaalota Yihudaa hundumaa keessaa ni balleesse;+ mootummichis bulchiinsa isaa jalatti tasgabbii ni argate.  Yihudaa keessatti magaalota dallaa dhagaa qaban ni ijaare;+ sababiin isaas Yihowaan boqonnaa waan isaaf kenneef, waggoottan kana keessatti wanti biyyattii jeequ hin jiru ture; waraannis isa irratti hin banamne.+  Namoota Yihudaatiinis, “Magaalota kana haa ijaarru; naannoo isaaniittis dallaawwan, masaraawwan,+ karrawwanii* fi danqaraawwan haa hojjennu. Nuti Waaqa keenya Yihowaa waan barbaaddanneef, biyyattiin amma iyyuu toʼannaa keenya jala jirti. Nuti isa barbaaddanneerra; innis kallattii hundumaatiin boqonnaa nuuf kenneera” jedhe. Kanaafuu, hojiin ijaarsaa isaanii milkaaʼina ni argate.+  Aasaan raayyaa waraanaa namoota Yihudaa 300,000 qabate qaba ture; isaan gaachana guguddaa fi eeboo qabatanii turan. Gosa Biiniyaam keessaa loltoonni jajjaboon gaachana xixinnoo* fi iddaawwan qabatan* 280,000 turan.+  Boodas, nama Itoophiyaa kan taʼe Zeeraan raayyaa waraanaa namoota 1,000,000 fi gaariiwwan fardaa 300 qabu fidee isaan waraanuuf ni dhufe.+ Yommuu bakka Maareshaa+ jedhamu gaʼus, 10  Aasaan isa waraanuuf ni baʼe; isaanis Sulula Zefaataa isa Maareshaatti argamu keessatti waraanaaf tarree galan. 11  Yeroo kanatti Aasaan akkana jedhee gara Waaqa isaa Yihowaatti iyye:+ “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu.+ Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef,*+ maqaa keetiinis namoota hedduu kana waraanuuf waan baaneef+ ati nu gargaari. Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya. Namni duʼu si hin moʼin.”+ 12  Kanaafuu, Yihowaan Aasaa fi Yihudaa duratti warra Itoophiyaa ni moʼe; warri Itoophiyaas ni baqatan.+ 13  Aasaanii fi namoonni isaa wajjin jiran hamma Geraaritti+ isaan ni ariʼan; Yihowaanii fi raayyaan waraanaa isaa waan isaan haleelaniif warri Itoophiyaa ni dhuman; isaan keessaa namni tokko illee lubbuudhaan hin oolle. Sana booda boojuu hedduu ni fudhatan. 14  Kana malees, Yihowaan magaalota sana naasisee waan tureef, magaalota naannoo Geraaritti argaman hundumaa ni rukutan; magaalota sana keessa wanti saamamu hedduun waan tureefis isaan magaalota sana hundumaa ni saaman. 15  Kana malees, isaan dunkaanota tiksitootaa ni rukutan; achiis bushaayeewwanii* fi gaalota hedduu erga boojiʼanii booda gara Yerusaalemitti ni deebiʼan.

Miiljaleewwan

Kal., “balbaloota lamaa.”
Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.
Kal., “irra dhaabbatan.”
Kal., “waan hirkanneef.”
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.