Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 16:1-14

  • Aasaan Sooriyaa wajjin walii galtee godhe (1-6)

  • Hanaaniin Aasaa ifate (7-10)

  • Aasaan ni duʼe (11-14)

16  Waggaa 36ffaa bulchiinsa Aasaatti, Baʼaashaan+ mootiin Israaʼel Yihudaa waraanuuf dhufee eenyu iyyuu Aasaa mootii Yihudaa biraa akka gad hin baanee fi gara isaattis akka hin seenne* dhowwuuf Raamaa+ ijaaruu* jalqabe.+  Yeroo kanatti Aasaan manneen qabeenyaa mana Yihowaa fi mana mootichaa keessaa meetii fi warqii fuudhee+ Benhadaad isa mootii Sooriyaa+ taʼee fi Damaasqoo keessa jiraachaa tureef ni erge; akkana isaan jedhe:  “Anaa fi si gidduu, abbaa koo fi abbaa kee gidduus walii galteen* jira. Ani meetii fi warqii siif ergeera. Inni ana irraa akka deebiʼuuf, kottuutii walii galtee* Baʼaashaa mootii Israaʼelii wajjin goote diigi.”  Benhadaadis Aasaa Mooticha dhagaʼee magaalota Israaʼeliin akka waraananiif ajajjoota raayyawwan waraanaa isaa ni erge; isaanis Iyooniin,+ Daaniin,+ Abeel Maayimiinii fi iddoowwan kuusaa magaalota Niftaalem hundumaa ni rukutan.+  Baʼaashaanis wanta kana yommuu dhagaʼu, yeruma sana Raamaa ijaaruu* dhiise; hojichas ni dhaabe.  Achiis Aasaan Mootichi namoota Yihudaa hundumaa fudhatee deeme; isaanis dhagootaa fi saanqaawwan Raamaa+ isa Baʼaashaan ittiin ijaaraa ture+ sana fudhatanii deeman; innis wantoota kanatti fayyadamee Geebaa+ fi Misphaa+ ni ijaare.*  Yeroo kanatti Hanaaniin+ inni mulʼata argu gara Aasaa mootii Yihudaa dhufee akkana isaan jedhe: “Ati Waaqa kee Yihowaatti amanamuu* dhiistee, mootii Sooriyaatti waan amanamteef,* raayyaan waraanaa mootii Sooriyaa si harkaa miliqeera.+  Namoonni Itoophiyaa fi namoonni Liibiyaa raayyaa waraanaa guddaa, gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii hedduu qabu turan mitii? Haa taʼu malee, ati Yihowaatti waan amanamteef, inni harka keetti dabarsee isaan kenne.+  Eeyyee, warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef*+ jabina isaa argisiisuuf,* ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala.+ Ati gama kanaan gocha gowwummaa raawwatteetta; ammaa jalqabee waraanni si irratti ni banama.”+ 10  Haa taʼu malee, Aasaan namicha mulʼata argu sanatti ni aare; dhimma kana ilaalchisee isatti waan aareefis mana hidhaatti* isa galche. Akkasumas, Aasaan yeroo kanatti namoota sabicha keessa turan kaanis miidhuu jalqabe. 11  Seenaan Aasaa jalqabaa kaasee hamma dhumaatti, Kitaaba Mootota Yihudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera.+ 12  Aasaan mootii taʼee waggaa 39ffaa isaatti dhukkuba miilaatiin qabame; dhukkubni isaas isatti cime; inni utuma dhukkubsatee jiruu illee gara ogeessota fayyaatti malee, gara Yihowaatti hin deebine. 13  Achiis Aasaan abbootii isaa wajjin ni boqote;+ mootii taʼee waggaa 41ffaa isaattis ni duʼe. 14  Kanaafuu, isaan iddoo awwaalchaa ulfina qabeessa isa inni Magaalaa Daawit+ keessatti ofii isaatiif qochisiise keessatti isa awwaalan; siree reeffaa zayitii baalsaamii fi dibata wantoonni adda addaa walitti makamanii karaa adda taʼeen qopheeffameen guutame irra isa ciibsan.+ Kana malees, ulfina isaatiif ibidda guddaa ni bobeessan.*

Miiljaleewwan

Ykn., “naannoo Aasaa Mootichaa keessaa akka gad hin baane ykn gara naannoo isaatti akka hin seenne.”
Ykn., “jabeessuu; deebisee ijaaruu.”
Ykn., “kakuun.”
Ykn., “kakuu.”
Ykn., “jabeessuu; deebisee ijaaruu.”
Ykn., “ni jabeesse; deebisee ni ijaare.”
Kal., “hirkachuu.”
Kal., “waan hirkatteef.”
Ykn., “guutuu taʼe deggeruuf.”
Ykn., “warra guutummaatti isaaf bulaniif.”
Kal., “jirma miila ittiin hidhan keessa.”
Kan bobeessan reeffa isaa utuu hin taʼin, urgooftuuwwan adda addaa akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama.