Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 17:1-19

  • Yoshaafaax mootii Yihudaa (1-6)

  • Duula barsiisuuf godhame (7-9)

  • Humna waraanaa Yoshaafaax (10-19)

17  Ilmi isaa Yoshaafaaxis+ bakka isaa mootii taʼe; Israaʼel irrattis aangoo isaa ni cimsate.  Inni magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa keessatti humnoota waraanaa ni kaaʼe; biyya Yihudaa fi magaalota Efreem warra abbaan isaa Aasaan qabatee ture keessattis buufatawwan loltootaa ni hundeesse.+  Yoshaafaax daandiiwwan abbaan isaa Daawit isa dura irra deemaa ture irra waan deemeef,+ akkasumas Baʼaaliin waan hin barbaaddanneef, Yihowaan isaa wajjin ni taʼe.  Inni barsiifatawwan Israaʼel hin hordofne;+ kanaa mannaa, Waaqa abbaa isaa ni barbaaddate;+ ajajawwan isaas ni hordofe.*  Yihowaan mootummicha harka isaa irratti ni cimse;+ guutummaan Yihudaas Yoshaafaaxiif kennaawwan ni fidu turan; inni soorumaa fi ulfina guddaas ni argate.+  Inni daandiiwwan Yihowaa irra deemuuf ni onnate; iddoowwan ol kaʼoo+ fi utubaawwan waaqeffannaas*+ Yihudaa keessaa ni balleesse.  Inni mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti bulchitoota isaa kan taʼan Benhaayil, Obaadiyaa, Zakkaariyaas, Naataaniʼelii fi Mikaayaa waamsisee, magaalota Yihudaa keessatti akka barsiisaniif isaan erge.  Leewwonni isaanii wajjin turanis, Shemaayaa, Nataaniyaa, Zebaadiyaa, Asaahel, Shemiraamot, Yehonaataan, Adoniyaa, Toobiyaa fi Toob Adoniyaa turan; luboota kan taʼan Elishaamaa fi Yooraamis isaanii wajjin jiru turan.+  Isaanis Yihudaa keessatti barsiisuu jalqaban; yeroo kanatti kitaaba Seera Yihowaa qabatanii turan;+ magaalota Yihudaa hundumaa keessa naannaʼaniis uummaticha ni barsiisan. 10  Yihowaan mootummoota biyyoota naannoo Yihudaatti argaman hundumaa waan naasiseef, isaan Yoshaafaaxii wajjin wal hin waraanne. 11  Akkasumas, Filisxeemonni kennaawwanii fi maallaqa akka gibiraatti Yoshaafaaxiif ni fidan. Araboonnis bushaayeewwan isaanii keessaa korbeeyyii hoolaa 7,700 fi korbeeyyii reʼee 7,700 isaaf ni fidan. 12  Yoshaafaax caalaatti jabaachaa deeme;+ Yihudaa keessattis iddoowwan dallaa dhagaa qabanii+ fi magaalota miʼa itti kuusan+ ni ijaare. 13  Magaalota Yihudaa keessatti hojiiwwan hedduu ni raawwate; Yerusaalem keessattis loltoota jajjaboo qaba ture. 14  Kanneen kun akka manneen abbootii isaaniitti kan gurmaaʼan turan: ajajjoota kumaa Yihudaa keessaa Adnaan ajajaa yeroo taʼu, loltoonni jajjaboon 300,000 isaa wajjin jiru turan.+ 15  Isa jalatti Yehohaanaan inni ajajaa taʼe kan jiru yeroo taʼu, namoonni 280,000 isaa wajjin jiru turan. 16  Akkasumas, isa jalatti Amaasiyaan ilmi Zikrii inni fedhiidhaan tajaajila Yihowaatiif of dhiheesse kan jiru yeroo taʼu, loltoonni jajjaboon 200,000 isaa wajjin jiru turan. 17  Gosa Biiniyaam+ keessaa Eliyaadaan inni loltuu jabaa taʼe kan jiru yeroo taʼu, namoonni iddaa fi gaachana qabatan 200,000 isaa wajjin jiru turan.+ 18  Isa jalatti Yehozaabaad kan jiru yeroo taʼu, namoonni waraanaaf hidhatan 180,000 isaa wajjin jiru turan. 19  Namoota mootichi magaalota dallaa dhagaa qabanii fi guutummaa Yihudaa keessa jiran keessa kaaʼe+ dabalatee, namoonni kunis mooticha ni tajaajilu turan.

Miiljaleewwan

Kal., “ajajawwan isaa irra deemeera.”