Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 19:1-11

  • Yehuun Yoshaafaaxiin ifate (1-3)

  • Haareffama Yoshaafaax raawwate (4-11)

19  Achiis Yoshaafaax mootiin Yihudaa gara mana isaa* isa Yerusaalemitti argamutti nagaadhaan deebiʼe.+  Yehuun+ ilmi Hanaanii+ inni mulʼata argu, isa argachuuf baʼee Yoshaafaax Mootichaan akkana jedhe: “Ati nama hamaa gargaaruu qabdaa?+ Warra Yihowaa jibban hoo jaallachuu qabdaa?+ Sababii kanaatiin dheekkamsi Yihowaa si irratti ni dhufa.  Haa taʼu malee, ati utubaawwan waaqeffannaa* biyyattii keessaa haxooftee waan balleessiteef, akkasumas Waaqa dhugaa barbaaddachuuf garaa kee waan qopheessiteef*+ wantoonni gaariin si keessatti argamaniiru.”+  Yoshaafaax Yerusaalem keessa jiraachuu isaa itti fufe; namoonni Ber Sheebaadhaa hamma naannoo gaarotaa Efreem+ keessatti argaman gara Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼetti akka deebiʼan gochuuf ammas ni baʼe.+  Kana malees, inni guutummaa biyyattii keessatti, jechuunis magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa keessatti abbootii murtii ni muude.+  Abbootii murtiitiinis akkana jedhe: “Isin namaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf waan murteessitaniif, akkasumas yommuu murtii dabarsitan inni isinii wajjin waan jiruuf, wanta gootaniif of eeggadhaa.+  Ammas Yihowaa sodaadhaa.+ Haqa jalʼisuun,+ looguunis+ taʼe mattaʼaa fudhachuun+ Waaqa keenya Yihowaa bira waan hin jirreef, wanta gootaniif of eeggadhaa.”  Kana malees Yoshaafaax, Yihowaadhaaf abbootii murtii taʼanii akka tajaajilanii fi falmii jiraattota Yerusaalem gidduutti kaʼuuf furmaata akka kennaniif, Yerusaalem keessatti Leewwotaa fi luboota tokko tokko, akkasumas dura buutota manneen abbootii Israaʼel tokko tokko ni muude.+  Innis akkana jedhee isaan ajaje: “Yihowaa sodaachuudhaan, amanamummaa fi garaa guutuudhaan* akkana gochuu qabdu: 10  Obboloonni keessan warri magaalota isaanii keessa jiraatan, himata dhiiga dhangalaasuu+ ilaalchisee yookiin gaaffii seera, ajaja, dambiiwwan yookiin murtiiwwan ilaalchisee qaban fidanii yoo dhufan, Yihowaa duratti yakkamtoota akka hin taaneef isaan akeekkachiisuu qabdu; taʼuu baannaan dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessan irratti ni dhufa. Yakkamtoota akka hin taaneef, wanta kana raawwachuu qabdu. 11  Dhimma Yihowaa hundumaatiif, dura buʼaa lubootaa kan taʼe Amaariyaan inni isin irratti aangoo qabu jira.+ Dhimma mootichaa wajjin wal qabate hundumaatiif, Zebaadiyaan ilmi Ishmaaʼel geggeessaa mana Yihudaa ti. Leewwonni immoo geggeessitoota taʼanii isin tajaajilu. Onnadhaa; jabaadhaatii hojicha hojjedhaa; Yihowaan warra wanta gaarii hojjetanii* wajjin haa taʼu.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “garaan kee waan murteesseef.”
Ykn., “garaa guutummaatti Waaqayyoof buleen.”
Ykn., “wanta gaarii taʼee.”