Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 21:1-20

  • Yooraam Mootii Yihudaa (1-11)

  • Ergaa barreeffamaa Eeliyaas biraa ergame (12-15)

  • Yooraam dhumni isaa gaarii hin taane (16-20)

21  Sana booda Yoshaafaax abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame; ilmi isaa Yooraamis bakka isaa mootii taʼe.+  Obboloonni isaa warri ilmaan Yoshaafaax taʼan, Azaariyaa, Yehiʼel, Zakkaariyaas, Azaariyaa, Mikaaʼelii fi Shefaatiyaa turan; isaan kun hundi ilmaan Yoshaafaax mootii Israaʼel turan.  Abbaan isaaniis kennaa meetii fi warqii hedduu, akkasumas wantoota gatii guddaa qaban dabalatee, Yihudaa keessatti magaalota dallaa dhagaa qaban isaaniif kenne;+ haa taʼu malee, inni angafa waan tureef mootummicha Yooraamiif kenne.+  Yooraam mootummaa abbaa isaa yommuu of harka galfatu, obboloota isaa hundumaa fi bulchitoota Israaʼel tokko tokko goraadeedhaan ajjeesuudhaan aangoo isaa ni cimsate.+  Yooraam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 32 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa saddeetiif ni bulche.+  Inni intala Ahaab waan fuudheef,+ akkuma warri mana Ahaab godhanitti daandii mootonni Israaʼel irra deeman irra ni deddeebiʼe;+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.  Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo hunda isaa fi ilmaan isaatiif ibsaa akka kennu waadaa galee waan tureef,+ kakuu Daawitii wajjin galeef jedhee mana Daawit balleessuu hin barbaanne.+  Bara isaatti Edoom Yihudaa irratti fincila kaastee+ mootii ofii ishii muuddatte.+  Kanaafuu, Yooraamii fi ajajjoonni raayyaa waraanaa isaa gaariiwwan fardaa isaa hundumaa wajjin ni ceʼan; innis halkaniin kaʼee Edoomota warra isattii fi ajajjoota gaarii fardaa sanatti marsanii turan ni injifate. 10  Haa taʼu malee, Edoom hamma harʼaatti Yihudaa irratti akkuma fincila kaastetti jirti. Inni Yihowaa isa Waaqa abbootii isaa taʼe waan dhiiseef,+ Libnaanis+ yeroo sanatti isa irratti fincila ni kaaste. 11  Kana malees inni jiraattonni Yerusaalem karaa hafuuraa sagaagalummaa akka raawwatan gochuuf, gaarota Yihudaa irratti iddoowwan ol kaʼoo ni hojjete;+ Yihudaas karaa irraa ni jalʼise. 12  Yeroo booda ergaan barreeffamaa akkana jedhu Eeliyaas+ raajicha biraa gara isaa ni dhufe: “Yihowaan inni Waaqa Daawit abbaa keetii taʼe akkana jedha: ‘Ati daandiiwwan abbaa kee Yoshaafaax+ irra yookiin daandiiwwan Aasaa+ mootii Yihudaa irra hin deemne. 13  Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deemte;+ akkasumas, Yihudaanii fi jiraattonni Yerusaalem karaa hafuuraa sagaagalummaa+ isa kan mana Ahaabii wajjin wal fakkaatu akka raawwatan ni goote;+ obboloota kee warra maatii abbaa keetii taʼanii fi si irra wayyan illee ni ajjeeste.+ 14  Kanaan kan kaʼes, Yihowaan saba kee, ilmaan kee, haadhotii manaa kee fi qabeenya kee hundumaa dhaʼicha guddaadhaan ni rukuta. 15  Atis dhukkuba marʼimaanii dabalatee dhukkuboota hedduudhaan ni dhiphatta; hamma marʼimaan kee gad baʼuttis dhukkubichi guyyaa guyyaadhaan sitti cimaa deema.’” 16  Achiis Yihowaan Filisxeemotaa*+ fi Araboota+ warra namoota Itoophiyaatti dhihoo jiran Yooraam irratti ni kakaase.+ 17  Kanaafuu, isaan Yihudaa ni weeraran; cabsanii seenuudhaanis qabeenya mana mootichaa keessatti argame hundumaa,+ akkasumas ilmaan isaa fi haadhotii manaa isaa ni fudhatan; kan isaaf hafe ilma isaa isa quxisuu kan taʼe Yehoʼahaaz*+ qofa ture. 18  Kana hundumaa boodas, Yihowaan dhukkuba marʼimaanii hin fayyineen isa rukute.+ 19  Waggoonni guutuun lama darbanii yeroo muraasa booda, dhukkuba isaatiin kan kaʼe marʼimaan isaa isa keessaa ni baʼe; dhukkuba sanaan baayʼee erga dhiphatee boodas ni duʼe; sabni isaa akka abbootii isaatiif gochaa turanitti ulfina isaatiif ibidda hin bobeessine.+ 20  Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 32 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa saddeetiif ni bulche. Yeroo duʼettis namni tokko illee isaaf hin gaddine. Kanaafuu, isaan Magaalaa Daawit keessatti isa awwaalan;+ haa taʼu malee, kan isa awwaalan iddoowwan awwaalchaa moototaa keessatti hin turre.+

Miiljaleewwan

Kal., “hafuura Filisxeemotaa.”
Akaaziyaa jedhamees ni waamama.