Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 25:1-28

  • Amaaziyaa mootii Yihudaa (1-4)

  • Waraana Edoomii wajjin godhame (5-13)

  • Amaaziyaan waaqolii tolfamoo waaqeffate (14-16)

  • Waraana Yoʼaas mootii Israaʼelii wajjin godhame (17-24)

  • Amaaziyaan ni duʼe (25-28)

25  Amaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yehoʼaadaan yeroo taʼu, ishiin nama Yerusaalem turte.+  Amaaziyaan garaa isaa guutuudhaan taʼuu baatus, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate.  Mootummichi isa jalatti akkuma isaaf jabaateen, tajaajiltoota isaa warra abbaa isaa mooticha ajjeesan ni ajjeese.+  Haa taʼu malee, wanta Seericha keessatti, jechuunis kitaaba Musee keessatti, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif hin ajjeefamin; ijoolleenis sababii abbootii isaaniitiif hin ajjeefamin; kanaa mannaa, tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu” jedhamee barreeffame keessatti ajaja Yihowaan kennee wajjin haala wal simuun inni ilmaan isaanii hin ajjeesne.+  Achiis Amaaziyaan namoota Yihudaa walitti qabee akka manneen abbootii isaaniitti ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaatiin guutummaa Yihudaa fi guutummaa Biiniyaam bakka buʼanii akka dhaabbatan godhe.+ Innis warra umuriin isaanii waggaa 20 fi sanaa ol taʼe ni galmeesse;+ loltoota leenjiʼan* warra eeboo fi gaachana guguddaatti fayyadamuu fi raayyaa waraanaa keessatti tajaajiluu dandaʼan 300,000 ni argate.  Kana malees, inni meetii taalaantii* 100n loltoota jajjaboo 100,000 Israaʼel keessaa ni mindeesse.  Haa taʼu malee, namni Waaqa dhugaa tokko gara isaa dhufee akkana isaan jedhe: “Yaa mootii, Yihowaan Israaʼelii wajjinis taʼe warra Efreem keessaa nama kam iyyuu wajjin waan hin taaneef,+ raayyaan waraanaa Israaʼel sii wajjin akka deemu hin godhin.  Kanaa mannaa, kophaa kee dhaqi; tarkaanfii fudhadhu; lola irrattis onnataa taʼi. Taʼuu baannaan, Waaqayyo gargaaruufis taʼe gufachiisuuf humna waan qabuuf, Waaqni dhugaan diina duratti si gufachiisuu dandaʼa.”+  Yeroo kanatti Amaaziyaan nama Waaqa dhugaa sanaan, “Garuu taalaantiin 100 inni ani loltoota Israaʼeliif kenne hoo akkam taʼa?” jedhe. Namni Waaqa dhugaa sunis deebisee, “Yihowaan wanta kana irra baayʼee caalu siif kennuu ni dandaʼa” isaan jedhe.+ 10  Kanaafuu, Amaaziyaan loltoota Efreem irraa gara isaa dhufan sana gara iddoo isaaniitti akka deebiʼan isaan erge. Haa taʼu malee, isaan namoota Yihudaatti baayʼee waan aaraniif, aariidhaan gubachaa gara iddoo isaaniitti deebiʼan. 11  Achiis Amaaziyaan onnatee loltoota isaa gara Sulula Soogiddaatti+ geesse; namoota Seʼiir 10,000s ni ajjeese.+ 12  Namoonni Yihudaas namoota 10,000 ni boojiʼan. Achiis gara fiixee kattaatti isaan geessanii, fiixee kattaa sanaa irraa gad isaan darbatan; hundi isaaniis caccabanii hurraaʼan. 13  Haa taʼu malee, miseensonni loltootaa warri Amaaziyaan isaa wajjin gara waraanichaatti akka hin deemne deebise+ sun, magaalota Yihudaa warra Samaariyaadhaa+ jalqabee hamma Beet Hooronitti+ argaman ni weeraran; achittis namoota 3,000 ni ajjeesan; boojuu hedduus ni fudhatan. 14  Haa taʼu malee, Amaaziyaan Edoomota rukutee erga deebiʼee booda, waaqolii namoota Seʼiir fudhatee, waaqolii godhee ofii isaatiif ni dhaabe;+ isaan duratti sagaduu fi isaaniif aarsaa aarfamu dhiheessuus ni jalqabe. 15  Kanaan kan kaʼes, Yihowaan Amaaziyaatti baayʼee ni dheekkame; achiis raajii, “Waaqolii sabootaa warra saboota ofii isaanii harka kee keessaa oolchuu dadhaban duukaa maaliif buuta?” isaan jedhu tokko isatti ni erge.+ 16  Utuma inni isatti dubbachaa jiruus, mootichi, “Nuti gorsituu mootichaa akka taatuuf si muudneerraa?+ Cal jedhi!+ Taʼuu baannaan ni ajjeefamta” isaan jedhe. Achiis raajichi ni callise; haa taʼu malee inni itti dabaluudhaan, “Ati kana waan gooteef, gorsa koos waan hin dhageenyeef, Waaqayyo si balleessuuf akka murteesse ani beeka” jedhe.+ 17  Amaaziyaan mootiin Yihudaa gorsitoota isaa wajjin erga mariʼatee booda, Yoʼaas ilma Yehoʼahaaz ilma Yehuu isa mootii Israaʼel taʼetti dhaamsa ergee, “Kottu, wal haa lollu”* isaan jedhe.+ 18  Yoʼaas mootiin Israaʼel immoo gara Amaaziyaa mootii Yihudaatti akkana jedhee dhaamsa erge: “Qoreen Libaanon keessatti argamu, ‘Intala tee ilma kootti heerumsiisi’ jedhee gara gaattiraa Libaanon keessatti argamuutti dhaamsa erge. Haa taʼu malee, bineensi bosonaa Libaanon tokko utuu achiin darbuu qoree sana irra ejjete. 19  Ati, ‘Kunoo, ani* Edoomiin rukuteera’ jetteetta.+ Kanaan kan kaʼes, ulfina argachuu barbaaddee of tuulteetta. Amma garuu manuma* kee keessa taaʼi. Maaliif badii ofitti kakaastee, Yihudaan sii wajjin akka kuftu goota?” 20  Amaaziyaan garuu hin dhageenye;+ sababiin isaas, isaan waaqolii Edoom duukaa buʼuu isaaniitiin kan kaʼe,+ Waaqni dhugaan harka diinaatti dabarsee isaan kennuuf jecha kun akka taʼu godhee ture.+ 21  Kanaafuu, Yoʼaas mootiin Israaʼel ol ni baʼe; innii fi Amaaziyaan mootiin Yihudaas Beet Sheemesh+ ishii kan Yihudaa taate keessatti wal lolan. 22  Yihudaanis Israaʼeliin ni moʼame; kanaafuu, tokkoon tokkoon isaanii gara mana mana* isaaniitti baqatan. 23  Yoʼaas mootiin Israaʼelis Beet Sheemeshitti Amaaziyaa mootii Yihudaa ilma Yoʼaas ilma Yehoʼahaaz* ni qabate. Achiis gara Yerusaalemitti isa fide; Karra Efreem+ irraa jalqabee hamma Karra Goleetti+ dallaa Yerusaalem dhundhuma 400* ni diige. 24  Innis warqii, meetii fi miʼawwan mana Waaqa dhugaa keessatti argaman warra Obeed Edoom bira* turanii fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti argaman hunda, akkasumas namoota boojiʼaman ni fudhate.+ Achiis gara Samaariyaatti deebiʼe. 25  Yoʼaas+ ilmi Yehoʼahaaz mootiin Israaʼel erga duʼee booda, Amaaziyaan+ ilmi Yoʼaas mootiin Yihudaa waggaa 15f ni jiraate.+ 26  Seenaan Amaaziyaa inni hafe, jalqabaa kaasee hamma dhumaatti, Kitaaba Mootota Yihudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera mitii? 27  Yeroo Amaaziyaan Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagalee jalqabee, isaan Yerusaalem keessatti isa irratti ni mariʼatan;+ innis gara Laakiishitti baqate; haa taʼu malee, isaan isa duubaan gara Laakiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan. 28  Achiis fardeen irratti feʼanii isa deebisan; abbootii isaa wajjinis magaalaa Yihudaa keessatti isa awwaalan.

Miiljaleewwan

Kal., “filataman.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “fuulleetti walitti haa dhufnu.”
Kal., “ati.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Kal., “dunkaana dunkaana.”
Akaaziyaa jedhamees ni waamama.
Gara 178 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “itti gaafatamummaa Obeed Edoom jala.”