Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 28:1-27

  • Akaaz mootii Yihudaa (1-4)

  • Akaaz Sooriyaa fi Israaʼeliin moʼame (5-8)

  • Odeed Israaʼeliin akeekkachiise (9-15)

  • Yihudaan ni salphifamte (16-19)

  • Akaaz waaqolii tolfamoo waaqeffate, ni duʼes (20-27)

28  Akaaz+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+  Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deeme;+ siidaawwan sibiilaa Baʼaalis* ni hojjete.+  Kana malees, Sulula Ilma Hinoom* keessatti aarsaa aarfamu ni dhiheesse; akkasumas gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilmaan isaa ibiddaan ni gube.+  Akkasumas iddoowwan ol kaʼoo irratti,+ tabbawwan irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+ aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessa ture.  Kanaafuu, Waaqni isaa Yihowaan harka mootii Sooriyaatti+ dabarsee isa kenne; isaanis isa injifatan; achiis namoota hedduu boojiʼanii gara Damaasqootti+ geessan. Kana malees, inni harka mootii Israaʼelitti dabarfamee ni kenname; innis dhumaatii guddaa isa irratti geessise.  Isaan Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe waan dhiisaniif, Peeqaan+ ilmi Remaaliyaa Yihudaa keessatti guyyaa tokkotti namoota 120,000 kan ajjeese yeroo taʼu, hundi isaaniis namoota onnatoo turan.+  Zikriin Efreemichi inni loltuu taʼes, Maaʼaaseyaa isa ilma mootichaa taʼe, Azriqaam isa itti gaafatamaa mana mootummaa* taʼee fi Elqaanaa isa itti aanaa mootichaa taʼe ni ajjeese.  Kana malees, Israaʼelonni dubartoota, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa warra obboloota isaanii taʼan 200,000 boojiʼanii ni fudhatan; boojuu hedduus ni fudhatan; boojuu sanas gara Samaariyaatti+ geessan.  Yeroo kanatti raajiin Yihowaa Odeed jedhamu tokko achi ture. Innis raayyaa waraanaa isa gara Samaariyaatti dhufaa jiru dura baʼee akkana isaaniin jedhe: “Ilaa, Yihowaan inni Waaqa abbootii keessanii taʼe Yihudaa harka keessanitti dabarsee kan kenne waan isaanitti aareef ture;+ isin garuu dheekkamsa hamma samii gaʼuun isaan ajjeestaniittu. 10  Ammas isin namoota Yihudaa fi Yerusaalem tajaajiltoota keessan warra dhiiraa fi warra durbaa akka taʼan gochuu barbaaddu.+ Garuu isinis Waaqa keessan Yihowaa duratti yakkamtoota mitii? 11  Amma na dhagaʼaa; aariin Yihowaa isin irratti bobaʼaa waan jiruuf, namoota obboloota keessan gidduudhaa boojitan sana deebisaa.” 12  Yeroo kanatti dura buutonni Efreemotaa tokko tokko jechuunis, Azaariyaan ilmi Yehohaanaan, Berekiyaan ilmi Meshilemoot, Yehizqiyaan ilmi Shaalumii fi Amaasaan ilmi Hadlaay namoota duula waraanaatii dhufan sana mormanii, 13  “Kun Yihowaa duratti yakkamtoota waan nu godhuuf, warra boojiʼaman as hin fidinaa. Yakki keenya ammuma iyyuu guddaa dha; dheekkamsi Waaqayyoos Israaʼel irratti bobaʼaa jira; isin immoo cubbuu keenyaa fi yakka keenya nutti dabaluu yaadduu?” isaaniin jedhan. 14  Kanaafuu, loltoonni hidhatan sun namoota boojiʼanii fi wanta saaman+ sana bulchitootaa fi guutummaa gumichaatti dabarsanii kennan. 15  Achiis namoonni maqaadhaan caqasamanii adda baafaman kaʼanii namoota boojiʼaman sana fudhatan; isaan keessaas warra qullaa isaanii taʼan hundumaatiif wanta boojiʼame sana keessaa uffata ni kennan. Uffata isaanitti ni uwwisan; kophee, nyaataa fi dhugaatii isaaniif ni kennan; dhaqna isaaniitiifis zayitii isaaniif ni kennan. Kana malees, warra dadhaboo taʼan harree irra kaaʼanii gara obboloota isaanii warra Yerikoo ishii magaalaa mukeetii meexxii taatetti argamanitti isaan geessan. Sana booda gara Samaariyaatti deebiʼan. 16  Yeroo kanatti Akaaz Mootichi mootota Asoor irraa gargaarsa ni gaafate.+ 17  Edoomonni ammas Yihudaa weeraranii haleeluudhaan namoota boojiʼanii fudhatan. 18  Filisxeemonnis+ magaalota Shefelaa+ fi magaalota Negeeb warra Yihudaatti argaman weeraranii Beet Sheemeshiin,+ Ayilooniin,+ Gederootiin, Sookoo fi magaalota ishii jalatti* argaman, Timnaa+ fi magaalota ishii jalatti argaman, akkasumas Gimzoo fi magaalota ishii jalatti argaman qabatanii achi jiraatan. 19  Yihowaan Akaaz Mootii Israaʼeliin kan kaʼe Yihudaa ni salphise; inni Yihudaan gadhiisii akka taatu gochuudhaan, gantummaa guddaan Yihowaa irratti akka raawwatamu godhe. 20  Dhuma irrattis Tiglaat Pilneseer+ mootiin Asoor isa jajjabeessuu mannaa isatti duulee isa ni dhiphise.+ 21  Akaaz mana Yihowaa, mana mootichaa+ fi manneen bulchitootaa saamee mootii Asooriif kennaa ni kenne; haa taʼu malee, kun gargaarsa isaaf hin argamsiisne. 22  Akaaz Mootichi yeroo dhiphatetti, caalaatti Yihowaa irratti gocha gantummaa raawwate. 23  Innis, “Waaqoliin mootota Sooriyaa isaan gargaaraa waan jiraniif, anaanis akka gargaaraniif ani aarsaa isaaniif nan dhiheessa”+ jechuudhaan waaqolii Damaasqoo warra isa injifatanii+ turaniif aarsaa dhiheessuu jalqabe.+ Isaan garuu, innis taʼe guutummaan Israaʼel akka gufatu godhan. 24  Kana malees, Akaaz miʼawwan mana Waaqa dhugaa walitti ni qabe; achiis miʼawwan mana Waaqa dhugaa sana ni caccabse;+ balbaloota mana Yihowaa ni cufe;+ qarqara daandiiwwan Yerusaalem hundumaattis ofii isaatiif iddoowwan aarsaa ni ijaare. 25  Kana malees, waaqolii kan birootiif aarsaa aarfamu dhiheessuuf magaalota Yihudaa hundumaa keessatti iddoowwan ol kaʼoo ni ijaare;+ Waaqa abbootii isaa kan taʼe Yihowaas ni dheekkamsiise. 26  Seenaan isaa inni hafe, wanti inni godhe hundis jalqabaa kaasee hamma dhumaatti Kitaaba Mootota Yihudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera.+ 27  Achiis Akaaz abbootii isaa wajjin ni boqote; isaan magaalaa Yerusaalem keessatti isa awwaalan malee, gara iddoo awwaalchaa mootota Israaʼelitti isa hin fidne.+ Ilmi isaa Hisqiyaasis bakka isaa mootii taʼe.

Miiljaleewwan

Ykn., “siidaawwan Baʼaal baqfamanii tolfamanis.”
Ibsa Jechootaa ilaali. “Gahaannam.”
Kal., “manichaa.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”