Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 30:1-27

  • Hisqiyaas Faasikaa kabaje (1-27)

30  Hisqiyaas, isaan gara mana Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamuu dhufanii Yihowaa Waaqa Israaʼeliif Faasikaa akka kabajaniif+ gara guutummaa Israaʼelii fi guutummaa Yihudaatti dhaamsa erge;+ gosa Efreemii fi gosa Minaaseetiif+ illee xalayaa ni barreesse.  Haa taʼu malee, mootichi, bulchitoonni isaa fi guutummaan gumii Yerusaalem keessatti argamu jiʼa isa lammaffaatti Faasikaa kabajuuf murteessan;+  kunis kan taʼe, luboonni of qulqulleessan muraasa taʼuu isaaniitiin,+ akkasumas sabichi Yerusaalem keessatti utuu walitti hin qabamin hafuu isaatiin kan kaʼe, isaan yeroo baramaa taʼetti ayyaanicha kabajuu waan hin dandeenyeef ture.+  Qophiin kunis mootichaa fi guutummaa gumichaa duratti gaarii fakkaatee mulʼate.  Kanaafuu, isaan akka seerichi ajajutti gareedhaan ayyaanicha waan hin kabajneef,+ sabichi dhufee Yerusaalemitti Yihowaa Waaqa Israaʼeliif Faasikaa akka kabajuuf, Ber Sheebaadhaa jalqabee hamma Daanitti+ guutummaa Israaʼelitti beeksisni akka himamu ni murteessan.  Achiis ergamtoonni* sun xalayaa mootichaa fi bulchitoota isaa biraa ergame qabatanii guutummaa Israaʼelii fi guutummaa Yihudaa keessa naannaʼan; mootichi ajaja akkana jedhu kennee ture: “Yaa namoota Israaʼel, inni gara warra harka mootota Asoor irraa miliqanii hafanitti akka deebiʼuuf, isin gara Yihowaa isa Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Israaʼel taʼetti deebiʼaa.+  Isin akka abbootii keessanii fi obboloota keessan warra Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼeef amanamoo utuu hin taʼin hafan sanaa hin taʼinaa; kanaan kan kaʼes, inni akkuma amma argitan wanta sodaachisu akka taʼan isaan godheera.+  Ammas akka abbootii keessaniitti mata jabeeyyii hin taʼinaa.+ Dheekkamsi isaa inni bobaʼaan akka isin irraa deebiʼuuf,+ Yihowaadhaaf ajajamaa; akkasumas gara iddoo qulqulluu isaa isa inni bara baraaf qulqulleessetti kottaatii+ Waaqa keessan Yihowaa tajaajilaa.  Waaqni keessan Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa waan taʼeef,+ yommuu isin gara Yihowaatti deebitan warri obboloota keessanii fi ilmaan keessan boojiʼan gara laafina isaanitti ni argisiisu;+ gara biyya kanaatti akka deebiʼanis isaaniif ni heyyamu;+ isin gara isaatti yoo deebitan inni fuula isaa isin irraa hin deebisu.”+ 10  Kanaafuu, ergamtoonni* sun magaalaa tokko irraa gara magaalaa isa kan biraa deemaa guutummaa biyya Efreem, biyya Minaasee+ fi biyya Zaabiloon keessa naannaʼan; namoonni sun garuu isaanitti kolfu, akkasumas isaanitti qoosu turan.+ 11  Haa taʼu malee, biyya Asheer, biyya Minaasee fi biyya Zaabiloon keessaa namoonni tokko tokko gad of qabanii gara Yerusaalem ni dhufan.+ 12  Kana malees, isaan wanta mootichii fi bulchitoonni ajaja Yihowaatiin ajajan sana tokko taʼanii akka raawwatan gochuuf* harki Waaqa dhugaa Yihudaa irra ture. 13  Namoonni hedduun jiʼa isa lammaffaatti+ Ayyaana Maxinoo+ kabajuuf Yerusaalemitti walitti ni qabaman; gumiin sunis baayʼee guddaa ture. 14  Isaanis kaʼanii iddoowwan aarsaa Yerusaalem keessa turanii+ fi iddoowwan aarsaa ixaanaa hundumaa buqqisanii+ Sulula Qedroon keessatti gatan. 15  Achiis jiʼa lammaffaa keessaa guyyaa 14ffaatti aarsaa Faasikaa sana ni qalan. Luboonnii fi Leewwonni waan qaanaʼaniif, of ni qulqulleessan; aarsaawwan gubamanis gara mana Yihowaatti ni fidan. 16  Isaanis Seera Musee isa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaa hordofuudhaan iddoo isaanii isa duraanii ni qabatan; achiis luboonni dhiiga isa harka Leewwotaa irraa fudhatan sana ni facaasan.+ 17  Gumicha keessa namoonni of hin qulqulleessine hedduun jiru turan; kanaafuu, Leewwonni namoota qulqulluu hin taane hundumaa Yihowaadhaaf qulqulleessuuf jecha aarsaawwan Faasikaa qaluuf itti gaafatamummaa qabu turan.+ 18  Namoonni lakkoofsi isaanii hedduu taʼe, keessumaa warri biyya Efreem, biyya Minaasee,+ biyya Yisaakorii fi biyya Zaabiloonii dhufan kan of hin qulqulleessine taʼus, wanta seerichi ajaju irraa haala faallaa taʼeen Faasikaa ni nyaatan. Hisqiyaas garuu akkana jedhee isaaniif kadhate: “Yihowaan inni gaarii+ taʼe dhiifama haa godhu; 19  akka ulaagaa qulqullummaatti kan of hin qulqulleessine taʼus+ nama, Waaqa dhugaa kan taʼe Yihowaa isa Waaqa abbootii isaa taʼe barbaaddachuuf garaa isaa qopheeffate+ hundaaf inni dhiifama haa godhu.” 20  Yihowaanis Hisqiyaasiin dhagaʼee sabichaaf dhiifama godhe.* 21  Kanaafuu, Israaʼelonni warri Yerusaalem keessa turan gammachuu guddaadhaan+ guyyaa torbaaf Ayyaana Maxinoo ni kabajan;+ Leewwonnii fi luboonnis sagalee guddisanii meeshaawwan muuziqaatiin Yihowaadhaaf taphachuudhaan, guyyuma guyyaadhaan Yihowaa jajatu turan.+ 22  Kana malees, Hisqiyaas Leewwota warra hubannaadhaan Yihowaa tajaajilan hundumaatti dubbatee isaan jajjabeesse.* Isaanis aarsaawwan gamtaa+ dhiheessaa fi Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe galateeffachaa, ayyaanichi jalqabamee hamma xumuramutti guyyaa torbaaf ni nyaatan.+ 23  Achiis guutummaan gumichaa guyyaa dabalataa torbaaf ayyaanicha kabajuuf murteesse; kanaafuu, isaan guyyaa dabalataa torbaaf gammachuudhaan ayyaanicha kabajan.+ 24  Hisqiyaas mootiin Yihudaa gumichaaf qotiyyoo 1,000 fi hoolota 7,000 ni gumaache; bulchitoonni immoo gumichaaf qotiyyoo 1,000 fi hoolota 10,000 ni gumaachan;+ luboonni lakkoofsi isaanii hedduu taʼes of qulqulleessan.+ 25  Guutummaan gumii Yihudaa, luboonni, Leewwonni, guutummaan gumii Israaʼel irraa dhufe,+ akkasumas namoonni biyya ormaa+ warri biyya Israaʼel irraa dhufanii fi warri Yihudaa keessa jiraatan ni gammadan. 26  Bara Solomoon ilma Daawit isa mootii Israaʼel ture irraa jalqabee wanti akkanaa Yerusaalem keessatti taʼee waan hin beekneef, Yerusaalem keessa gammachuu guddaatu ture.+ 27  Dhuma irrattis, Leewwonni luboota taʼan kaʼanii uummaticha eebbisan;+ Waaqayyos sagalee isaanii ni dhagaʼe; kadhannaan isaaniis bakka jireenyaa isaa isa qulqulluu, jechuunis samii ni gaʼe.

Miiljaleewwan

Kal., “fiigdonni.”
Ykn., “gaarii.”
Kal., “fiigdonni.”
Kal., “garaa tokko isaaniif kennuuf.”
Kal., “sabicha ni fayyise.”
Kal., “garaa isaaniitti dubbate.”