Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 33:1-25

  • Minaasee mootii Yihudaa (1-9)

  • Minaaseen wanta hamaa raawwatu irraa yaada geddarate (10-17)

  • Minaaseen ni duʼe (18-20)

  • Amoon mootii Yihudaa (21-25)

33  Minaaseen+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 12 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 55f ni bulche.+  Inni gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan saba Israaʼel duraa ariʼe sun raawwachaa turan hordofuudhaan, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+  Iddoowwan ol kaʼoo abbaan isaa Hisqiyaas diige+ deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa ni dhaabe; utubaa waaqeffannaas* ni hojjete; guutummaa raayyaa samiitiif ni sagade; isaaniinis ni tajaajile.+  Kana malees bakka Yihowaan waaʼee ishii, “Maqaan koo bara baraaf Yerusaalem keessa ni taʼa”+ jedhee dubbatetti, jechuunis mana Yihowaa keessatti iddoowwan aarsaa ni ijaare.+  Akkasumas, mooraawwan mana Yihowaa+ lamaan keessatti guutummaa raayyaa samiitiif iddoowwan aarsaa ni ijaare.  Inni Sulula Ilma Hinoom+ keessatti ilmaan ofii isaa ibiddaan ni gube;*+ falfala ni raawwate;+ hooda ni dubbate; akkasumas eker dubbistootaa fi raagdota ni muude.+ Isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hedduu ni raawwate.  Fakkii bocee hojjete sanas, mana Waaqa dhugaa isa Waaqayyo Daawitii fi ilma isaa Solomooniin akkana jedhee waaʼee isaa dubbate keessa kaaʼe:+ “Mana kanaa fi Yerusaalem keessatti, jechuunis bakka ani gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filadhe kanatti bara baraaf maqaa koo nan kaaʼa.+  Isaan wantan isaan ajaje hundumaa, jechuunis guutummaa Seerichaa, dambiiwwanii fi heerawwan warra karaa Musee kennaman of eeggannoodhaan yoo eegan, ani lammata miilli Israaʼelotaa biyyan abbootii isaaniitiif kenne keessaa akka baʼu hin godhu.”  Minaaseen, wanta saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa balleesse hojjetan caalaa hamaa taʼe akka raawwatan gochuudhaan, Yihudaa fi jiraattota Yerusaalem karaa irraa ni jalʼise.+ 10  Yihowaan irra deddeebiʼee Minaasee fi saba isaatti kan dubbate taʼus, isaan garuu hin dhageenye.+ 11  Kanaafuu, Yihowaan ajajjoota raayyaa waraanaa mootii Asoor isaanitti fide; isaanis Minaasee hookkoodhaan qabanii,* hidhaa sibiila diimaa lamaanis hidhanii gara Baabilonitti isa geessan. 12  Innis yeroo dhiphatetti, isa biratti fudhatama argachuuf Waaqa isaa Yihowaa ni kadhate; Waaqa abbootii isaa durattis akka malee gad of ni qabe. 13  Irra deddeebiʼees Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos kadhannaa isaa fi wawwaannaa inni fudhatama argachuuf dhiheesse dhagaʼee gara Yerusaalemitti, gara mootummaa isaatti isa deebise.+ Achiis Minaaseen Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa ni beeke.+ 14  Sana booda Giyoon+ ishii sululicha keessatti argamtu irraa gara dhihaatii jalqabee hamma Karra Qurxummiitti+ karaa alaatiin Magaalaa Daawitiif+ dallaa baayʼee dheeraa taʼe ni ijaare; dallichis magaalattiitti marsee Ofeel+ bira gaʼa ture. Dabalataanis magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa keessatti ajajjoota raayyaa waraanaa ni muude. 15  Achiis waaqolii ormaa fi bifa waaqa tolfamaa mana Yihowaa keessa ture,+ akkasumas iddoowwan aarsaa gaara mana Yihowaa keessattii fi Yerusaalem keessatti ijaaree+ ture hundumaa ni balleesse; magaalattiidhaa alatti akka gatamanis ni godhe. 16  Kana malees, iddoo aarsaa Yihowaa haaressee+ aarsaawwan gamtaa+ fi aarsaawwan galataa+ achi irratti dhiheessuu jalqabe; namoonni Yihudaas Yihowaa Waaqa Israaʼeliin akka tajaajilan ni ajaje. 17  Haa taʼu malee, sabichi amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa ni dhiheessu turan; taʼus aarsaa kan dhiheessan Waaqa isaanii Yihowaadhaaf qofa ture. 18  Seenaan Minaasee inni hafe, kadhannaan inni gara Waaqa isaatti dhiheessee fi dubbiin warri mulʼata argan maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliin isatti dubbatan, seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera. 19  Kana malees, kadhannaan inni dhiheesse,+ akkamitti kadhannaan isaa akka isaaf dhagaʼame, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamaa utuu hin taʼin hafuun isaa,+ bakkawwan gad of qabuu isaa dura iddoowwan ol kaʼoo itti ijaare, akkasumas utubaawwan waaqeffannaa*+ fi fakkiiwwan bocaman itti dhaabe dubbii warri mulʼata isaaf argan dubbatan keessatti barreeffameera. 20  Achiis Minaaseen abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis mana isaatti isa awwaalan; ilmi isaa Amoon bakka isaa mootii taʼe.+ 21  Amoon+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lamaaf ni bulche.+ 22  Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen godhe, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate;+ Amoon fakkiiwwan bocaman warra abbaan isaa Minaaseen hojjetee+ ture hundumaatiif aarsaa ni dhiheesse; isaaniinis ni tajaajile. 23  Haa taʼu malee, akka abbaan isaa Minaaseen gad of qabetti,+ inni Yihowaa duratti gad of hin qabne;+ kanaa mannaa, Amoon yakka isaa akka malee ni baayʼise. 24  Yeroo boodas tajaajiltoonni isaa isa irratti mariʼatanii+ manuma isaa keessatti isa ajjeesan. 25  Namoonni biyyattii garuu namoota Amoon Mooticha irratti mariʼatan hunda ni ajjeesan;+ ilma isaa Yosiyaasiinis bakka isaa mootii godhan.+

Miiljaleewwan

Kal., “ibidda keessa dabarse.”
Ykn tarii, “hallayyaa keessatti qabanii.”