Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 36:1-23
36 Achiis namoonni biyyattii Yehoʼahaaz+ ilma Yosiyaas fuudhanii bakka abbaa isaa Yerusaalem keessatti mootii godhan.+
2 Yehoʼahaaz yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 23 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadiif ni bulche.
3 Haa taʼu malee, mootiin Gibxii Yerusaalem keessatti aangoo isaa irraa isa ni buuse; biyyattii irrattis adaba meetii taalaantii* 100 fi warqii taalaantii tokkoo ni mure.+
4 Kana malees, mootiin Gibxii Eliyaaqiim obboleessa Yehoʼahaaziin Yihudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe; maqaa isaas Yehoyaaqiim jedhee jijjiire; Nekoon+ obboleessa isaa Yehoʼahaaziin garuu gara Gibxiitti geesse.+
5 Yehoyaaqiim+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche. Wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+
6 Nebukadnezaar+ mootiin Baabilon qabee hidhaa sibiila diimaa lamaan hidhee gara Baabilonitti isa geessuuf isatti duule.+
7 Achiis Nebukadnezaar miʼawwan mana Yihowaa keessa jiran tokko tokko gara Baabilonitti fudhatee mana mootummaa isaa isa Baabilon keessatti argamu keessa kaaʼe.+
8 Seenaan Yehoyaaqiim inni hafe, wantoonni jibbisiisoon inni raawwatee fi wanti hamaan isa irratti argame, Kitaaba Mootota Israaʼelii fi Yihudaa keessatti barreeffameera; ilmi isaa Yehoyaakiinis bakka isaa mootii taʼe.+
9 Yehoyaakiin+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 18 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi guyyaa kudhaniif ni bulche; wanta Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+
10 Jalqaba waggichaatti* Nebukadnezaar Mootichi isa, akkasumas wantoota mana Yihowaa keessa jiranii fi gatii guddaa qaban+ gara Baabilonitti akka fidaniif namoota isaa ni erge.+ Obboleessa abbaa isaa Zedeeqiyaa immoo Yihudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.+
11 Zedeeqiyaan+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche.+
12 Inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. Ermiyaas raajicha isa ajaja Yihowaatiin dubbate sana durattis gad of hin qabne.+
13 Kana malees, inni Nebukadnezaar Mooticha isa maqaa Waaqayyootiin isa kakachiisee ture irratti fincila kaase;+ didaa* fi mata jabeessa taʼuu isaa itti fufe; gara Yihowaa Waaqa Israaʼelitti deebiʼuus ni dide.
14 Ajajjoonni lubootaa hundii fi sabichi, wantoota jibbisiisoo saboonni kaan raawwatan hundumaa raawwachuudhaan akka malee amanamummaa isaanii hirʼisanii turan; kana malees, mana Yihowaa isa inni Yerusaalem keessatti qulqulleessee ture ni xureessan.+
15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture.
16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.
17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+
18 Innis guddaa fi xinnaa utuu hin jedhin miʼawwan mana Waaqa dhugaa hundumaa, akkasumas qabeenya mana Yihowaa, qabeenya mootichaa fi qabeenya bulchitoota isaa hundumaa gara Baabilonitti ni geesse.+
19 Mana Waaqa dhugaa ni gube;+ dallaa Yerusaalem ni diige;+ masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan hundumaas ibiddaan ni gube; wantoota gatii guddaa qaban hundumaas ni balleesse.+
20 Warra goraadee irraa oolan boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ isaanis hamma mootummaan Faarsi bulchuu jalqabetti+ isaa fi ilmaan isaatiif tajaajiltoota taʼan;+
21 kunis kan taʼe, dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate akka raawwatamuuf,+ hamma biyyattiin idaa sanbataa ishii irra jiru kaffaltutti ture.+ Waggoonni 70ni sun hamma raawwatamanittis, biyyattiin yeroo ona taatee turte hundumaatti sanbata ni kabajje.+
22 Dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate+ akka raawwatamuuf, waggaa jalqabaa Qiiros+ mootii Faarsitti, Yihowaan guutummaa mootummaa isaa keessatti labsii tokko akka labsuuf hafuura Qiiros mootii Faarsi ni kakaase; innis akkana jechuudhaan labsii sana ni barreesse:+
23 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafa irraa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru na ajajeera.+ Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa Yihowaan isaa wajjin haa taʼu; innis achitti ol haa baʼu.’”+
Miiljaleewwan
^ Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Tibba arfaasaatti taʼuu hin oolu.
^ Kal., “boqu jabeessaa.”